ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: WBOfi mootummaan rakkoo hiikuuf “kutannoodhaan” akka mari’atan IGAD gaafate

Finfinnee, Sadaasa 22, 2023 – Barreessaan Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu (IGAD) Warqinaa Gabayyoo (PhD) ibsa baaseen, rakkoo siyaas-dinagdee uummata Oromoo dararaa jiru dhaabsisuuf mootummaafi WBOn waliigalteerra gahuudhaaf “kutannoodhaan” akka mari’atan gaafateera.

IGAD ibsa baase kanaan, marii nageenyaa gaggeeffamaa ture taajjaabaa ta’ee hirmaachuu eeruun qaamoleen lamaan waldhabdee siyaasaa jiru hiikuun naannichatti nagaa buusuuf marii qofatti cichuun murteessaa ta’uu ibseera.

Marii marsaa biraa jalqabsiisuuf IGAD eeyyamamaa ta’uu Warqinaan ibsuun qaamolee lamaaniif gargaarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu eereera.

Yeroo mariin gaggeeffamutti qormaannniifi walxaxiinsi jiraachuu waan maluuf qaamoleen lamaan nagaa buusuuf akka mari’atan gaafachuun qaamolee maricha mijeessan kan akka mootummaa Ameerikaa, Noorweeyiifi Taanzaaniyaa galateeffateera.

“Dantaa uummataatiif jecha qaamoleen [WBOfi mootummaa] marii nageenyaa akka cichan barreessaan olaanaan ni gaafata,” ibsichatu jedhe.

Mariin WBOfi mootummaa gidduutti tibbana Taanzaaniyaatti torbanootaaf taasifamaa ture waliigaltee waraana dhaabuu irra osoo hin gahiin gargar bahuun ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button