ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa ''seeraan ala'' daangaa biyyattii cabsanii seenuu UN’tti himatte

Finfinnee, Waxabajjii 25/2024 – Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa “seeraan ala” daangaa ce’uun biyyattii seenuu fi humnoota Somaaliyaa waliin waldura dhaabbannaa keessa galuu walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) kaleessa gaggeeffame irratti himatte.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma Somaaliyaa irratti walgahii kaleessa gaggeesseen UNtti bakka bu’aa Somaaliyaa kan ta’an Abukar Osmaan, loltoonni Itoophiyaa qaama loltoota Gamtaa Afrikaan ramadaman hin taane ”kallattiiwwan hedduun” daangaa Somaaliyaa cabsanii seenan jechuun himatan. 

Bakka bu’aan Somaaliyaa Abukar Osmaan akka jedhanitti, loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa Somaaliyaa seenuu qofa osoo hin taane ”humnoota Somaaliyaa waliin waldura dhaabbannaa hamaa keessa galanii turan.” 

Dhuma torban darbe loltoonni Itoophiyaa garee Al-Shabaab adamsaa hayyama mootummaa Somaaliyaa malee daangaa Somaaliyaa qaxxaamuruun kiiloomeetira 70 seenanii akka turan miidiyaaleen biyyattii gabaasaa turaniiru. 

BBCn jiraattota kutaawwan bulchiinsa Somaaliyaa Itoophiyaa waliin wal daangessan keessaa tokko taate bulchiinsa Iraan magaalaa Maatabaanitti jiraatan dubbisuun akka gabaasetti, miseensota Raayyaa Ittisa Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman meeshaa gurguddaa hidhatanii mul’ataniiru.  

Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi’uu dubbataniiru.

Loltoonni Itoophiyaa kutaalee Somaaliyaa keessa argaman gara kuma 10tti dhiyaatu. Gamtaa Afrikaa jala loltoota gara 3,000 ta’an, akkasumas waliigaltee biyyoota lamaaniin loltoota Itoophiyaa 5,000 hanga 7,000 ta’an bakkeewwan Somaaliyaa adda addaa keessa qubatanii argamu.

Dhuma baatii Caamsaa keessatti Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Pirezedaantii Somaaliyaa kan ta’an Huseen Sheek Alii, loltoonni Itoophiyaa hundi hanga dhuma bara 2024tti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan akka eegamu dubbatanii turan. 

Akka gorsaan pireezidaanticha jedhanitti, “Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa ergama Somaaliyaa keessa qabu baatii Muddeetti erga xumuree booda loltoonni Itoophiyaa qaama humnoota Gamtaa Afrikaa durfamuun Somaaliyaatti bobbahan hin ta’an.” 

Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa hojiisaa baatii Muddee keessa erga xumureen booda humnoonni biyyoota afur – Jibuutii, Keeniyaa, Ugaandaa fi Burundii irraa dhufan erga akka fudhatan ibsameera.

Amajjii bara 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa erga mallatteessaniin booda hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru boora’eera. AS

Related Articles

Back to top button