DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsa naannawaa kaampii baqattootaatti mudateen poolisoonni federaalaa 9 ajjeefaman 

Finfinnee, Adoolessa 18/2024 – Naannoo Amaaraa iddoo kaampii baqattoota Sudaanitti dhihoo jirutti walitti bu’iinsa humnoota nageenya mootummaa fi hidhattoota gidduu uumameen humnoonni nageenyaa mootummaa ajjeefamuu fi baqattoota irratti miidhaan qaqqabuu gabaafame.

Haleellaa buufata poolisii naannawaa kaampii baay’inaan baqattoota Sudaan keessummeessutti argamu irratti raawwatameen yoo xiqqaate poolisoonni sagal du’uu fi hedduun madaa’uu BBCn baqattoota lama wabeeffachuun gabaaseera.

Miidiyaan ‘Sudan Tribune’ gama isaatiin walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa fi hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamne jedhe gidduu uumameen daa’ima waggaa sadi tokko dabalatee namoonni hedduun madaa’uu ibseera.

Walitti bu’iinsi kun Adoolessa 17, 2024 mudachuu kan eere miidiyaan kun, walitti bu’iinsa kanaan miseensota poolisii federaalaa sagal ajjeefamuu ibseera. 

Haleellaa kana hordofee poolisoonni federaalaa baqattoota Sudaan kaampii keessaa bahanii bosonatti dheessan eegaa turan ajaja aanga’oota naannichaan dhiisanii deemuu koreen qindeessituu baqattoota Sudaan ibseera. 

Haalli yeroo ammaa baqattoonni kunneen keessa jiran garmalee ulfaataa ta’uu koreen kun hubachiiseera.

Naannoo Amaaraa godina Gondar Lixaatti kan argaman kaampii baqattootaa Awlaalaa fi Kumar baqattoota Sudaan, Eertiraa fi Sudaan Kibbaa irraa dhufan simatu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti waajjirri dhimma baqattootaa, baqattoota Sudaan kaampii keessa argaman gara bakka biraatti jijjiiruuf murteessuu gabaafame ture. Buqqaatonni kunneenis ji’oota muraasa keessatti gara bakka biraatti akka dabarfaman ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button