ODUUSIYAASA

Aanaa Darraatti hidhattoonni namoota sadi ajjeesan; Wallagga Lixaattis namoonni sadi biroo 'humnoota mootummaan' ajjeefamaniiru

Finfinnee, Adoolessa 20/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti haleellaa Adoolessa 17, 2024 raawwatameen yoo xiqqaate namoonni nagaa sadi ajjeefaman. 

Jiraataan maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, haleellichi ganda Jiruu Dadaatti “hidhattoota Faannootin” kan raawwatame yoo ta’u, jiraattonni sadi Muluu Geetaa (umurii waggaa 15), Joboo Abarraa (waggaa 30) fi Abbaabbuu Tasammaa (waggaa 17) jedhaman ajjeefamaniiru. 

Haleellaa kana hordofuun jiraattonni hedduu yaaddoo nageenyaa uumameen qe’ee isaanii gadhiisanii dheessuu jiraataan kun dabalee himeera. Jiraattoonni gara gandoota ollaa kan akka Warra Gabroo, Maaqataa Waariyoo, fi aanaa Hidhabuu Abooteetti baqatan. 

Aanaan Darraa erga waggoota muraasa asii dirree walitti bu’iinsa hidhattoota Faannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu, akkasumas gareewwan hidhattoota adda addaa fi humnoota mootummaa gidduu gaggeeffamu keessummeessu ta’ee jira. Waldhabdeen kun lubbuu namoota nagaa galaafachuu itti fufeera.

Ji’a darbe, haleellaa aanaa Darraatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni nagaa afur ajjeefamuu Addis Standard gabaase ture.

Ji’a Muddee 2023, aanaa Darraa keessatti haleellaa guyyaa lamaaf “hidhattootni Faannoo” raawwataniin lubbuun namoota 18 darbuu fi namootni jaha madaa’uu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama.  

Waldhabdeen gareewwan hidhattootaa fi humnoota mootummaa gidduu gaggeeffamu Lixa Oromiyaa keessattis lubbuu namaa galaafachuu itti fufee jira.

Godina Wallagga Lixaa aanaa Beegii ganda Karmaa Gunfii keessatti Adoolessa 15, 2024 ganama naannoo sa’aatii 3:00tti humnoonni mootummaa namoota lamaa Ramadaan Jibaa fi Toofiq Damaraa jedhaman qabanii gara kaampii waraanaa Laaloo jedhamutti geessuu jiraataan Addis Standard dubbise hime. 

Boodarra guyyaama sana galgala naannoo sa’aatii 3:00tti reeffi isaanii daandii Beegii – Qondaalaa irratti argame.

”Ramadaan Jibaa (waggaa 25) fi Toofiq Damaraa (waggaa 24) Shanee deeggaruun shakkamanii humnoota mootummaatiin ajjeefamuu isaanii himameera,” jedhe.

Namoonni lamaan kun namoota nagaa ta’uu kan eeru jiraataan kun, Ramadaan qonnaan bulaa dhiyeenya kana fuudhee ta’uu hime.

Taatee kan biraa Adoolessa 16 godina Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaatti mudateen lubbuu nama Tawakaal Mohaammad jedhamu darbuu jiraataan aanichaa Addis Standard dubbise himeera.

“Tawakal mana ollaatti buna dhugaa osoo jiruu humnoonni mootummaa dhufanii alatti baasuun rasaasan rukutanii ajjeesan. Shanee deeggarta jedhanii isa yakkan.”

Godina Wallagga Lixaatti humnoonni mootummaa ragaa tokko malee “Shanee deeggartu” jechuun jiraattota irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiran kan himu jiraataan kun, “uummatni sodaa guddaa keessa jira” jedha. 

Haata’u malee, hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa turtii tibbana VOA waliin taasisaniin, humnoonni nageenyaa mootummaa itti yaadanii namoota nagaa irratti hin xiyyeeffatan jedhan. 

Obbo Haayiluun, “Shaneen jaarmiyaa shororkeessummaatti kan ramadamedha. Deeggarsa bifa kamiinuu Shaneef godhamus itti gaafatamummaa akka fida” jechuun hubachiisaniiru.

Itti dabaluudhaanis, namoonni dhuunfaa odeeffannoo, deeggarsa loojistikii ykn deeggarsa yaadaa osoo godhan argaman to’annoo jala kan oolanii fi gocha isaaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button