ODUUSIYAASA

Oduu: Mariin Itoophiyaa fi Somaaliyaa torban kana gaggeessuuf beellamame yeroo biraatti dabarfame

 Finfinnee, Fulbaana 16/2024 – Mariin marsaa sadaffaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa Kibxata Fulbaana 17, 2024 Türkiyee, Ankaaraatti gaggeeffamuuf beellamame ture Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin waan waldhaheef yeroo biraatti darbuu maddeen dippilomaasii ibsan.

Qondaaltonni ol’aanoo Somaaliyaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan lama mariin kun yeroo biraatti dabarfamuu isaa Sagalee Ameerikaaf mirkaneessaniiru.

Qondaalli tokko VOA‘tti akka himanitti, “mariin kun kan darbe biyyoonni lamaan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif qophii fi imala taasisaniin walqabate yeroon gahaa waan hin jirreefi,” jedhan.

Qondaalli lammaffaanis, yeroon marii kanaaf qophaaʼuuf jiru “baayʼee gabaabaa” akka taʼe ibsaniiru.

Marii kanaaf guyyaan haaraan kan hin murtoofne yoo ta’u, Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii erga xumuramee booda ni gaggeeffama jedhamee akka eegamu VOAn gabaaseera.

Türkiyeen marii biyyoota lamaan gidduutti taasifaman haala mijeessaa kan turte yoo ta’u, kanaan dura marii marsaa lamaan Adoolessa fi Hagayya keessa Ankaraatti gaggeeffameera. Haa ta’u malee, mariiwwan kunneen bu’aa waldhabdee deemaa jiru furu hin argamsiifne. 

Mariin kun gara yeroo biraatti kan dabarfame tibbana Masriin qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaa Moqaadishootti erga bobbaaste booda muddamni siyaasaa Gaanfa Afrikaa daran yeroo hammaateetti.

Kana hordofee mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen, Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa kun, Itoophiyaan naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.

Haalli kun Somaaliyaa keessattis falmii keessoo kaaseera.

Paarlaamaa Somaaliyaa keessatti bakka bu’oota naannoo Saawuz Weest tokko tokko waliigaltee waraanaa Somaaliyaa fi Masrii gidduu jiru naannawaa Gaanfa Afrikaa jeeqa jechuun mormaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahmad Mo’alim Fiiqi, dhuma torban darbe miidiyaa biyya keessaa Yunivarsaal TV jedhamutti “hidhattoota Itoophiyaa keessa jiran yookiin mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran qunnamuun filmaata Somaaliyaaf banaa ta’edha,’’ jechuun dubbachuun isaanii muddama ture hammeesseera. AS

Related Articles

Back to top button