ODUUSIYAASA

Oduu: Wallagga Bahaa, Kiiramuutti haleellaa raawwatameen bulchaan gandaa fi hogganaa paartii ajjeefman

Finfinnee, Fulbaana 17/2024 – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti haleellaa Fulbaana 14, 2024 raawwatameen lubbuun aanga’oota sadarkaa gandaa lama darbe. 

Haleellaa jiraattonni “hidhattoota Faannoo” raawwatan jedhanii kanaan bulchaa gandaa tokko irratti miidhaan qaamaa qaqqabeera. 

Jiraataan Girmaa Tafarraa jedhaman Addis Standarditti akka himanitti, haleellaan kun aanaa Kiiramuu ganda Margaa Jireenyaa keessa iddoo Kuttii jedhamutti raawwatame.

Haleellaa kanaan firoottan isaanii jalaa ajjeefamuu kan himan Girmaan, isaanis itti gaafatamaa bulchiinsa Siree Dooroo kan ta’an Obbo Alaamirroo Rattaa fi hogganaa Paartii Badhaadhinaa Siree Dooroo Akililuu Fiqaaduu akka ta’an ibsaniiru.

Obbo Akliluu Fiqaaduun haleellaa kanaan miidhaan cimaan irra ga’ee hanga Fulbaana 15, 2024 lubbuun isaanii darbutti wal’aansa fayyaa argachaa turuu Girmaan himaniiru.

Obbo Alaamirroo Rattaan ammoo battaluma haleellaan kun raawwateetti miidhaa irra gaheen lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u, bulchaan ganda Margaa Jireenyaa kan ta’an Margaa Alamuu miidhaan qaamaa irra gahee yeroo ammaa hospitaala Kiiramuutti yaalamaa jiru.

Jiraataan ganda Margaa Jireenyaa kan biraa sababa nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, haleellaan kun kan raawwatame yeroo namoonni kunneen hojiif magaalaa Kiiramuu irraa gara ganda Siree Doorootti doqdoqqeen imalaa turan ta’uu Addis Standard’tti himaniiru.

Waggoota muraasa darbaniif Aanaa Kiiramuu keessatti haleellaa gareewwan hidhattootaa geessisan dabalaa dhufeera. 

Dhuma Hagayya 2024 keessa haleellaan aanaa Kiiramuu keessatti raawwatameen lubbuu namoota sadii darbuu fi namni tokko madaa’uu Addis Standard gabaasuu ni yaadatama.

Haleellaa yeroos raawwatameen lubbuun isaanii kan darbe abbaa ijoollee torbaa Balaachoo Daanyoon fira dhiyoo Obbo Alaamirroo Rattaa, bulchaa ganda Siree Dooroo haleellaa tibbanaan ajjeefaman, ta’uu Girmaan Addis Standard’tti himaniiru.  

Haleellaa kan biraa wal-duraa duubaan Waxabajjii 05 hanga 15, 2024 aanaa Kiramuu keessatti raawwatameen namoonni kudha tokkoo ol ajjeefamaniiru.

Itti gaafatamaa Poolisii Godina Wallagga Bahaa Komaandar Zalaalam Namoomsaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard godhe hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button