ODUUSIYAASA

Oduu: Gareen Geetaachoo Raddaa ‘fonqolcha mootummaa narratti raawwachuuf karoorseera’ jechuun garee Dabratsiyoon himate

Finfinnee, Fulbaana 19/2024 – Gareen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Geetaachoo Raddaan durfamu ibsa Fulbaana 18, 2024 baaseen gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu bulchiinsa yeroo naannichaa irratti “fonqolcha mootummaa raawwachuuf karoorsuu barameera” jechuun himate. 

Gareen Geetaachoo Raddaa fa’a ibsa isaatiin, ”gareen ofii isaatiif seera qabeessummaa hin qabne dhaabbata naannichaa kamiyyuu irratti tarkaanfii tokkollee fudhachuu hin danda’u. Garee bu’uura siyaasaa fi fudhatama hin qabne ta’uu ibsuu barbaanna,” jedhan.

Itti dabaluun, “bulchiinsi yeroo Tigraay gareen seeraan alaa kun seeraa fi sirna cabsuu akka itti fufu hayyamuu hin qabu,” jedhan. 

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu kora 14ffaa baatii tokkoon dura magaalaa Maqaleetti gaggeesseen Dabratsiyoon Gabramikaa’el dura taa’aa gochuun filachuu ni yaadatama. 

Korri erga gaggeeffame guyyoota muraasa booda gareen Dabratsiyoon hoggantoota paartichaa duraanii bulchiinsa yeroo naannichaa keessa jiran maqaa paartichaatin sochi tokkollee akka hin goone dhorkeera. 

Gareen ABUT kora kana irratti hin hirmaanne fi Geetaachoo Raddaatin durfamu ibsa kaleessa baaseen, garee Dabratsiyoon Gabramikaa’el “caasaa bulchiinsa yeroo naannichaa diiguudhaan Tigraayiin wiirtuu jeequmsaa taasisuuf hojjechaa jira,” jechuun himateera. 

Gareen Dabratsiyoon “injifannoo uummanni naannichaa aarsaa kaffalee fide balaadhaaf saaxilaa jira” kan jedhe ibsi kun, haasawaa tibbana dura taa’aan ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’el miidiyaa tokkorra dhiyaatanii taasisan qeeqeera. 

Dabratsiyoon miidiyaa ‘Horaayizan’ jedhamu irratti dhiyaatanii “waraana Tigraay keessatti uummata miiliyoona tokko dhumeera kan jedhamu qorannoo irratti kan hin hundoofne fi ragaa kan hin qabnedha,” jedhanii turan. 

Gareen Geetaachoo ibsa isaatin, Dabratsiyoon Gabramikaa’el  “duguuggaa sanyii Tigraay keessatti raawwatameef haqaa fi itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u qabsaa’uu dhiisee duguuggaa sanyii tapha lakkoofsaa gochuun qabsoo, wareegama fi miidhaa dargaggoota Tigraay xiqqeesse” jechuun komateera. 

“Dhimmi kun akka dogoggora salphaatti bira darbamuu hin danda’u, yakka duguuggaa sanyii raawwatame haaluu ta’uun isaa beekamu qaba” jedhe.

Erga yeroo dhiyoo asii hoggantoonni olaanoo Adda Bilisummaa Uummata Tigraay lamatti qoodamuun walhimachaa jiraachuu ni beekama. 

Jalqaba torban kanaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin kan durfamu Adda Bilisummaa Uummata Tigraay itti aanaa paartichaa kan turan Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii fi hoggantoota 16 paarticha irraa ari’uu beeksiseera.

Miseensonni buleeyyii paartichi ari’e keessaa Pireezidaantii duraanii Yuunivarsiitii Maqalee Piroofeesar Kindayyaa Gabrahiwoot, hogganaa biiroo kominikeeshinii naannichaa Radaa’i Haalafoom, Haagoos Godafaay (PhD) fi Bayyanaa Mikiruu ni argamu.

Paartichi, “namoonni kunneen aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa bakka bu’ummaa paartichaan argatan fayyadamuufi karaa seeraan ala maallaqa ramadanii paarticha diiguuf hojjechaa jiru,” jechuun himate. 

Dabalataan, paarticha bakka bu’anii aangoo bulchiinsa yeroo naannichaa keessa qabatan sirreessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun murtoo akka argatu ni taasifama” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button