SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Masriin waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessa maaliif harka galfatte?

Finfinnee, Fulbaana 24/2024 – Jalqaba bara 2024 keessa taateen siyaasaa rakkoo bal’aa qaqqabsiise Gaanfa Afrikaatti mudate. Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa handaara galaanaa Somaalilaand Itoophyaadhaaf handaara galaanaa akka kennitu fi Itoophiyaan ammoo Somaalilaandiif beekamtii idil addunyaa kan kennitu taasisu mallatteessan. Kunis siyaasa naannichaa jijjiire. 

Somaaliyaan battalumatti waliigaltee kana mormuu eegalte. Mootummaan Somaaliyaa bara 1991 kaasee Somaalilaand irratti aangoo kan hin qabne ta’us waliigalteen kun birmadummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaa kan cabsu waan ta’eef seeraan ala jechuun Itoophiyaa irratti himata dhiyeessuu eegale.

Kana hordofuun biyyooota lamaan gidduutti waldhabdeen babal’achuu jalqabe. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud hariiroo waraanaa fi dippiloomaasii Somaaliyaan qabdu cimsuu barbaaduun waliigaltee tumsa waraanaa Masrii waliin irra gahan Adoolessa 19, 2024 paarlaamaa Somaaliyaatti ragga’eera.  

Ji’a tokko booda Hagayya 27, 2024 xiyyaarri waraanaa Masrii meeshaa waraanaa gurguddaafi xixiqqaa fe’uun buufata xiyyaaraa Moqaadishoo gahuu Rooyitars gabaase. Masriin loltoota ishee 10,000 qaama ergama nagaa kabachiisaa bara dhufu eegalee Somaaliyaatti hojii eegalu taasisuun akka bobbaastu gabaafameera. Taateen kun sodaa waraanaa Itoophiyaa waliin jiru daran hammeesseera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa birmadummaa Fulbaana 08, 2024 kabajame irratti haasawaa taasisaniin, “qaamni Itoophiyaa tuxxuquu barbaadu kamiyyuu yeroo tokko qofa osoo hin taane si’a kudhan itti yaaduu qaba,” jechuun akeekkachiisaniiru.

Barsiisaa hariiroo idil addunyaa kan ta’an Iyyaasuu Haaylamikaa’eel carraan biyyoonni lameen fuulleetti wal waraanan gadi aanaa ta’us, walitti bu’iinsa al-kallattii Somaaliyaa kan Masriin deeggaramtuu fi Itoophiyaa gidduutti mudachuun waan hin oolle jedhan. kunis siyaasaa naannawaa irratti bu’aa hedduu qaqqabsiisuu akka danda’u ibsaniiru. 

Akka Iyyaasuun jedhanitti, Gaanfi Afrikaa daandii daldala idil addunyaa kan ta’e Galaana Diimaatti dhiyoo argamuunsaa nageenya naannichaa yoo boora’e dhiyeessiin meeshaa akka addaan citu, misoomni diinagdee akka danqamuu fi nageenyi naannichaa durumaan rakkoo keessa ture akka boora’uu taasisa.

Kana malees, qaamoleen idil addunyaa akka Ameerikaa, Chaayinaa, Raaashiyaa fi biyyoota Mana Maree Walta’iinsa Galoo Galaanaa (GCC) dhimmicha keessa galanii rakkoo ture walxaxaa taasisuun Gaanfa Afrikaa rakkoo ji’ooplootikaa keessa akka galu taasisa jedhan.

Harka galfannaa Masrii: Deeggarsa dhugaa moo tooftaa?

Qorataa siyaasa bishaanii kan ta’an Asraat Biraanuu, harka galfannaan Masrii Somaaliyaa gargaaruuf osoo hin taane olaantummaa Itoophiyaan naannichatti qabdu qolachuuf fakkaata jechuun mormu. Masriin tumsa waraanaa Somaaliyaa waliin qabdu fayyadamuun Itoophiyaa irratti dhiibbaa ji’oopoolitikaa uumuu fi falmii laga Abbayyaa deemaa jiru keessatti olaantummaa argachuuf akka barbaadde himan.

Masriin humna nagaa kabachiisaa taatee hojjattee kan hin beekne ta’uu kan eeran Asraat, waliigalteen waraana Somaaliyaa waliin taasifte kuni yaalii Somaliyaa dhiibbaa ishee jalatti galchuuf taasiftu ta’uu ibsaniiru. “Tooftaan Masrii kuni birmadummaa Somaaliyaa kan xiqqeessuu fi naannicha rakkoo nageenyaa keessa kan galchudha,” jedhan. 

Instituutii Nagaa Ameerikaatti qorataa kan ta’an Musxafaa Ahimad, kaayyoon Masrii nageenya Somaaliyaa foyyeessuuf osoo hin taane Itoophiyaa addatti foo’uudha jedhu. “Mariin dhimma Hidha Haaromsaa irratti taasifamu fashalaa’uufi Itoophiyaan guutinsa bishaanii hidhichaa itti fufuun ishee Kaayiroo irratti dhiibbaa keessoo uumeera. Akkasumas, Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti humna galaanaa akka ijaarrattu Masriin hin barbaaddu,” jedhan.

Masriin Somaaliyaa waliin tumsuun ishee nageenya naannichaa kan durumaa rakkoo akka keessa ture daran kan booressuu ta’uu Musxafaan eeraniiru. Tumsi waraanaa Masrii kuni ejjannoo Itoophiyaan dhimma waliigaltee Somaalilaand waliin mallatteessite irratti qabdu kan cimsu qofa osoo hin taane siyaasaa keessoo Somaaliyaa kan booressuudha.

Bulchiinsonni Somaaliyaa tokko tokko giddu seentummaa Masrii mormuun humnoonni Itoophiyaa kan Somaaliyaa keessa jiran akka hin baane gaafataniiru.

Yuunivarsitii Triisteetti barsiisaa hariiroo idil addunyaa fi qorataa dhimma Galaana Diimaa kan ta’an Federikoo Dooneelii akka jedhanitti, giddu seentummaan Masrii tooftaa fi carraadhaan kan taasifamedha. Karaa tooftaan, Pireezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al Siisiin naannichatti olaantummaa Masrii eegsisuuf hojjachaa turan. Karaa biraan immoo, Somaaliyaan gargaarsa Masrii gaafachuun ishee Itoophiyaa duubatti akka deebitu taasisuuf akka carraatti fayyadaman.

Tooftaan Masrii hordofaa jirtu rakkoo akka qabu Federikoon dubbataniiru. Rakkoo keessoo Somaaliyaa daran hammeessuu akka danda’u ibsan. “Loltoonni Masrii kan isaan eeganii olitti saaxilamoo ta’uu danda’u,” jechuun Federikoon akeekkachisan.

Akka Federikoon jedhutti, Masriin dhimma kana keessa galuunshee madaala humnaa ture jijjiireera. Qaamoleen tokko tokko Somaaliyaa yoo deeggaran kan hafan immoo walaba ta’aniiru. Haa ta’u malee, rakkoon siyaasaa Somaaliyaa ittuma fufa. Masriin dhimma Somaaliyaa keessa galuun rakkoo biyyattii kan guddisu ta’a.

Furmaata dippiloomaasii barbaaduu

Turkiin Ankaaraatti marsaa lamaan marii qopheessuun Itoophiyaa fi Somaaliyaa araarsuu yaalaa turteetti. Mariiwwan kunneen jalqabarratti abdii kan qaban fakkaatus booda garuu mariin kuni fashalaa’uun garaagarummaa guddaadhaan waliigaltee malee gargar bahaniiru.

Somaaliyaan Itoophiyaan waliigaltee kaan akka addaan kuttu kan gaafattu yoo ta’u, Itoophiyaan garuu “akkaataa waliigaltee walootiin” handaara galaanaa argachuu akka qabdu itti fuftee ibsiteetti. Mariin marsaa sadaffaa beellamame kan jiru yoo ta’u beektonni garuu milkaa’inni argamuu akka dhabu ni raagu.

Akka Federikoon jedhutti, Turkiin biyyoota kanneen araarsuuf yaalii haa taasiftu malee rakkoon guddaan jiru ammas walxaxaadha jedha. “Itoophiyaan waliigaltee handaara galaanaa kana addaan kutti jechuun ni ulfaata. Akkasumas, Somaaliyaan waliigaltee Somaalilaand waliin taasifame kana ni fudhatti jechuunis ulfaataadha,” jedha Federikoon.

Rakkoon kuni biyyoonni lameen fedhiisaanii yoo dhiisan malee rakkoon jiru ni hiikama jechuun ni ulfaata. Kana immoo biyyoonni lamaanuu gochuu hin barbadan.

Akka  Musxafaa Ahimad jedhanitti, Somaalilaand addunyaa irraa akka biyyaatti beekamtii argachuu barbaaddi. “Somaaliyaan garuu waliigaltee walabummaa Somaalilaand of keessaa qabu kamiyyuu mormuu itti fufti. Waliigaltichi garuu rakkoo jiru furuun barbaachisaa ta’uu ni eera,” jedhan. Tumsi waraanaa Somaaliyaa fi Masrii gidduutti taasifame dippiloomaasii Itoophiyaa wal xaxaa taasisuufi araara Turkiin taasisaa jirtu ulfaataa taasiseera.

Iyyaasuu Haaylamikaa’eel gama isaaniin, wal amantaa dhabuun Itoophiyaa fi Somaaliyaa kan seenaa darbeerraa madde adeemsa furmaata barbaaduu ulfaataa taasisuu himu. Shakkiin jiru kuni yaalii araaraa taasifamu xiqqeessee jira.

Waldhabdeen dabalaa yeroo jiru kanatti, furmaanni dipiloomaasii barbaachisaa taasiseera. Iyyaasuun tooftaan gam-hedduu ta’e kan furmaata waloo kennu uumuun barbaachisaa ta’uu hima. Mariin Gamtaa Afrikaa fi IGAD jalatti eegalame rakkoo jiru salphisuun nageenya itti fufaa naannchatti buusuu akka danda’u yaada dhiyeessan. AS

Related Articles

Back to top button