DALDALADHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Ministeerri Daldalaa madaallii gabaa Dilbataa "qaala’iinsa gatii to’achuuf oola" jedhe ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 25, 2024 – Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa #Itoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatti madaallii gabaa Dilbataa qaala’iinsa gatii to’achuuf oola jedhe ifoomseera.

Ministeerichatti Daayreektarri To’annoo Daldala Biyya Keessaa fi Eegumsa Bitattootaa Maskaram Baahiruu akka jedhanitti, hojiirra oolmaan madaallii kanaa hojimaata wal fakkaataa hundeessuu, qaqqabamummaafi qulqullina omishaa guddisuuf yaadamee ta’uu ibsaniiru.

Madaalliin kuni omishaalee gosa torbaarratti hojiirra kan oolu yoo ta’u isaanis; kuduraa, muduraa, miidhaan, omisha beeyladaafi omisha warshaarrattiidha.

Omishaaleen kunneen akkaataa qulqullina naannoo eegamuun gurguruuf jecha gabaalee kanneen iddoo afuritti kan qoodaman ta’uu Aadde Maskaram himaniiru. “Sadarkaaleen kunneen too’annoo dhiyeessii, godoofi iddoo gurgurtaafi gatii too’achuu of keessatti hammata.”

Labsiin kuni Koree Sadarkaalee Biyyaaleessaatiin raggaasifamuu Aadde Maskaram eeraniiru.

Gabaalaen Sanbataa bara 2021 kaasee omishaalee qonnaafi warshaa “gatii gadiaanaadhaan” kallattiidhaan bitattootaaf dhiyyeesssaa turuun ibsameera.

Finfinnee keessatti buufataaleen gabaa Sanbataa 172 ol ta’an tajaajila keennaa jiru jedhame. Haa ta’u malee, gatiin omishaalee gaba Sanbata kunneen ol ka’aa dhufuun gatii gabaa biro waliin wal fakkaachaa dhufuu bitattoonni Addis Standard’tti himanii ture.

Qaala’iinsa gabaa Sanbataa too’achuuf ogeeyii bobbaasuu ministeerichi ifoomseera. Ogeeyyiin kunneen daldaltoota daballii gatii taasisan kanneen irratti “tarkaanfii barbaachisaa” fudhatus jedheera. AS

Related Articles

Back to top button