ODUUSIYAASA

Oduu: ABUT "bulchiinsi yeroo naannichaa hoggansa isaa jalatti humnoota Tigraay ajajuu hin danda'u" jedhe

Finfinnee, Fulbaana 25/2024 – Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu, bulchiinsi yeroo naannichaa humnoota Tigraay hoggansa isaa jalatti “ajajuu hin danda’u” jedhe. Rakkoolee bu’uuraa bulchiinsa yeroo keessatti mul’atan furuuf tarkaanfii akka fudhatu ibseera.

Paartichi kana kan jedhe kaabineen bulchiinsa yeroo naannichaa Geetaachoo Raddaan durfamu tibbana “qaamoleen nageenyaa naannichaa hoggansa bulchiinsa yeroo jalatti hojjetu” jechuun ibsa baase hordofeeti. 

Dura taa’aa dhaabichaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin kan durfamu ABUT ibsa baaseen, “bulchiinsi yeroo naannichaa akkuma maqaan isaa ibsutti hojii bulchiinsaa raawwachaa ce’umsa yeroo gabaabaa ta’uun kan tajaajilu malee loltoota Tigraay hogganuuf ergamas ta’e caasaa hin qabu” jedhe. 

Bulchiinsi yeroo naannichaa bu’aawwan waliigaltee Piritooriyaa raawwachiisuu fi tajaajiloota bulchiinsaa kennuuf kan hundaa’e ta’uu kan eere ABUT, itti dabaluudhaan “itti waamamni isaas mootummaa federaalaaf waan ta’eef humnoota Tigraay caasaa federaalaa jala galchuu hin danda’u,” jedhe. 

Adeemsi kunis “waraana Tigraay bittinneessuuf shira xaxamedha” jechuun qeeqe. 

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay ibsa isaatiin rakkoolee bu’uuraa bulchiinsa yeroo naannichaa keessatti mul’atan furuuf tarkaanfii akka fudhatus beeksiseera.

Bulchiinsi yeroo kun “rawwii Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa walqabatee itti gaafatamummaa laatameef cinaatti dhiisee aangoo namoota dhuunfaa mijeessuuf shira xaxaa jira” jechuun himateera.

“Yeroo ammaan kana rakkoo naannicha keessa mudate rakkoo ABUT keessa qofa jiru godhanii dhiheessuuf yaaliin taasifamaa jiru fudhatama hin qabu” kan jedhe ABUT Dabratsiyooniin durfamu, “qaamoleen ADWUI diigan ammas karaa bulchiinsa yeroo naannichaa fayyadamuun socho’aa jiru” jedhe. 

Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay walgahii idilee Fulbaana 21, 2024 gaggeesseen murteewwan garagaraa dabarseera. Murteewwan kenneen keessaa “humnoonni nageenyaa naannichaa akka qaama bulchiinsa yeroo ta’anii hojjetu” jechuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button