ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: ‘Mootummaan WBO Zoonii Giddugaleessaa waliin mari’achuuf qophiidha’ - PMNO Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkoloolessa 11/2024 – Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, mootummaan jaarmiyaa hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo irraa adda bahuu labse “WBO Zoonii Giddugaleessaa” waliin marii nagaa gochuun garaagarummaa jiru furuuf qophii ta’uu ibsan.

Obbo Shimallis yaada Kamisa karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii qoodaniin, WBO Zoonii Giddugaleessaa mootummaa waliin marii nagaa adeemsisuuf fedhii kanaan dura agarsiise mootummaan “daran kan jajjabeessuufi ija gaariin kan ilaalu” ta’uu ibsaniiru. 

“Gareen kun fedhii isaa gochaan agarsiisuuf murannoo qabaannan, mootummaan keenya akkuma waadaa galee karaa dheeraa deemee simachuun, marii nagaatiif qophii ta’uu kan mirkaneessu ta’a” jedhan. 

Tibbana ajajaan WBO Zoonii Giddugaleessaa kan ta’an Sanyii Nagaasaa af-gaaffii BBC waliin taasisaniin, murni isaan hogganan mootummaa waliin “mari’achuuf banaa ta’uu” himanii turan.

“Mootummaan nu waliin haasa’uudhaaf qophii yoo ta’e akkuma sagantaa dhaabichaatin WBO mootummaa Itoophiyaa waliin rakkoo furachuudhaaf balballisaa banaadha. Kan keenyas banaadhaa, mootummaan balbalasaa ni bana taanaan karaa nagaa mootummaa waliin haasa’uudhaaf qophiidha” jedhan. 

Haasawaa Sanyii Nagaasaa hordofee pirezidaant Shimallis yaada kaleessa galgala qoodaniin, mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif “haalota jiruufi jireenya isaanii deebisanii gadi dhaabbachuufi hawaasatti madaquuf isaan barbaachisan hunda mijeessuu” cimsee kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru. 

Itti dabaluun, “mootummaan kanneen garaagarummaa yaada isaanii karaa nagaa tarkaanfachiisuu barbaadaniif dirree siyaasaa falmii yaadaaf mijatu kan qopheessuu qofa osoo hin taane, tiksuuf yeroo kamuu dammaqinaan kan hojjetu ta’uu ibsuun barbaada” jedhan. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhii marii nagaa WBO Zoonii Giddugaleessaa agarsiise “daran kan jajjabeessufi haala dandeessisoo milkaa’ina marii kanaaf barbaachisan hunda uumuun, garaagarummaa jiru karaa nagaa hiikuuf qophii ta’uu” kan eeran Obbo Shimallis, qooda fudhattoonni hundi fedhii marii nagaa mul’ate milkeessuuf akka tumsan hubachiisaniiru. 

Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi hoggansa WBO Zoonii Giddugaleessaa gidduu dhibdeen dhalachuun erga gabaafamuu eegalee bubbuleera.

Tibbana ammoo Ajajni WBO Zoonii Giddugaleessaa Sanyii Nagaasaan durfamu jaarmiyaa hidhattootaa Jaal Marroo ykn Kumsaa Dirribaan hogganamu irraa adda of baasuu hordofee dhaabicha keessa qoqqoodinsi dhalachuu gabaafamaa tureera. 

Sanyii Nagaasaan gareen hidhattoota isaan jala hogganamu kana booda WBO jalatti akka hin sochoone BBCtti himaniiru. “WBO Ajaja Olaanaa ABO-WBO jedhamee erga ijaaramee seerriifi heerri, qajeeltoon ijaarame nama tokko irratti kan hundaa’e ture” jechuun qaama kana irraa adda bahuuf murteessuu ibsan.

Waajjirri Sab-qunnamtii WBO gama isaatiin yaada Addis Standard’tti laateen, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu hime. Itti dabaluun, “qondaaltota fi hojjettoota Raayyaa Ittisa Biyyaa waliinis walitti dhufeenya akka qabu ragaaleen ni jiru,” jechuun himate. AS

Related Articles

Back to top button