ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaa, Eertiraa fi Masriin ‘Somaaliyaan daangaa lafaa fi galaana ishee akka eegdu’ tumsuuf waliigalan

Finfinnee, Onkoloolessa 11/2024 – Eertiraa, Masrii fi Somaaliyaan marii gam-sadee kaleessa Onkoloolessa 10, 2024 Asmaraatti taasisan booda booda ibsa waloo baasaniin, Somaaliyaan “daangaa lafaa fi galaana ishee akka eegdu” tumsuuf waliigaluu beeksisan. 

Dureewwan biyyoota sadan marii isaaniin ”qormaata keessoo fi alaa adda addaa” Somaaliyaan mudachaa jirtu furuu irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsichaan eerameera. “Birmadummaa, walabummaa fi tokkummaa daangaa biyyoota naannichaa kabajuun” barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Marii gam-sadee kanaaf Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammadi fi Pirezidaantiin Masrii Abdal Fattaah al-Siisii Onkoloolessa 09 fi 10 walduraa duubaan Asmaraa galuu isaanii ni yaadatama. Wayita buufata xiyyaaraa Asmaraa gahanis Pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin simataman. 

Akka ibsi waloo kun jedhutti, pirezidaantonni sadan “Waraanni Biyyaalessaa Somaaliyaa shororkeessummaa bifa hundaan akka ittisu, daangaa lafaa fi galaana biyyattii akka eegu, akkasumas tokkummaa daangaa biyyattii akka eegsisuuf” akkaataa tumsuun danda’amu irratti mari’ataniiru.

Mariin kun kan gaggeeffame waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu jalqaba bara 2024 mallatteeffame hordofee Gaanfa Afrikaatti muddamni yeroo dabalaa dhufeettidha.

Dhuma baatii Hagayyaa darbetti xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 lama meeshaa waraanaa gurguddaa fe’anii Moqaadishoo gahuu isaanii hordofee muddamni kun daran dabaleera.

Dabalataan si’a lammataaf dooniin fe’umsa waraanaa Masrii Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi misaa’elii farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii Moqaadishoo gahuu haala jiru walxaxaa taasiseera. 

Dhimmoonni walgahii dureewwan biyyoota sadan irratti ka’an keessaa kan biraan rakkoo nageenyaa Sudaan keessa jiruufi dhiibbaa inni naannichatti geessisaa jirudha. 

Kana malees, ”dhimma nageenyaa fi tumsa biyyoota qarqara Galaana Diimaa fi sarara Bab al-Mandab gidduu jiru” irratti mari’achuu isaanii ibsameera. 

Hoggantoonni kunneen “tattaaffii mootummaan Eertiraa fi Masrii tasgabbii Somaaliyaa tumsuuf deeggarsa taasisan simataniiru” jedha ibsichi. Akkasumas Masriin ”bu’uura humnoota nagaa kabachiisaatin loltoota ishee Somaaliyaatti bobbaasuuf” gaaffii dhiyeessuu ishee ibsameera. 

Xumura walgahii kanarratti biyyoonni sadan gama hundaan wal tumsuuf “Koree Ministiroota Dhimma Alaa Eertiraa, Masrii fi Somaaliyaa hammate” hundeessuuf waliigaluu isaanii ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button