ODUUSIYAASA

Oduu: Komishiniin Marii Biyyaleessaa naannoolee Amaaraa fi Tigraay keessatti hojjachuuf rakkachuu ibse 

Finfinnee, Onkoloolessa 18/2024 – Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiruufi haala yeroo naannoo Tigraay keessa jiru hojiisaa ulfaataa taasisuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ibse. 

Dubbi himaan komishinichaa Xibabuu Taaddasaa turtii Addis Standard waliin taasisaniin akka himanitti, walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessa jiru “hojiilee barbaachisoo” ta’an akka hin hojjatamne danquu ibsaniiru.

“Komishinichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuuf yaalii taasiseera,” kan jedhan dubbi himaan kun, haala ammaa nageenyaa naannicha keessa jiruun walqabatee aanaalee garaagaraa keessatti qaamolee tumsaniif leenjii kennuu rakkachuun akka hin danda’amne ibsan. 

Itti dabaluun milkaa’ina marichaatiif nageenyi barbaachisaa ta’uu eeruun “yeroo ammaa garuu nageenyi guutuun hin jiru” jechuun dubbatan. 

Qaamolee marichi ilaallatu waliin marii taasisuuf yeroo socho’utti rakkoo nageenyaa danqaa ta’uu addeessaniiru. 

Akkasumas, barsiisota yuunivarsitii naannichaa keessatti barsiisaniif leenjii kennuuf yaaliin taasifamuu eeruun hojiin gahaa ta’e hojjachuun akka hin danda’amin dubbatan. 

Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessa jiru kan itti fufu yoo ta’ee fi hojiin hirmaattota adda baasuufi adeemsa marichaa irratti manni maree komishinichaa mari’achaa jiraachuu ibsuun bu’aa marichaa fuulduratti kan ifoomsu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, naannoo Tigraay keessa rakkoon walfakkaataan jiraachuun eeraniiru. 

Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay waliin mari’achuuf yaalii taasisuu eeruun, “haa ta’u malee, bulchiinsi yeroo naannichaa adeemsi marichaa daran milkaa’aa akka ta’uuf dhimmoonni sirraa’uu qaban jiru jedhee waan amanuuf yeroo dhimmoonni kun sirraa’anii marichi itti taasifamu eeggachaa jirra,” jedhan. 

Karaa biraatiin, naannoo Oromiyaa dabalatee naanolee birootti hojiin hirmaattota adda baasuu fi ajandaa sassaabuu “milkaa’inaan raawwatamuu” Obbo Xibabuun eeraniiru. AS

Related Articles

Back to top button