ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaa fi biyyoonni loltoota gumaachan biroo ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaa haaraa keessa itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Onkoloolessa 19/2024 – Itoophiyaa dabalatee Ministiroonni Ittisaa biyyoota Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) irratti loltoota gumaachan biroo ergama haaraatiin Somaaliyaa keessatti hojii nagaa eegsisuu isaanii itti fufuuf “fedhii qabaachuu fi qophii ta’uu” isaanii ibsan.

Yaa’ii Hoggantoota Raayyaa Ittisaa Afrikaa tibbana Finfinneetti gaggeeffameen cinaatti ministeeronni Somaaliyaatti loltoota gumaachan kanneen akka Burundii, Jibuutii, Itoophiyaa, Keeniyaa fi Ugaandaa walgahiin Onkoloolessa 16, 2024 taasisan irratti murtee kana dabarsan.

Ibsi waloo ministiroota kanneen Addis Standard ilaale, “waggoota kudha torba darban keessatti biyyoota loltoota gumaachan Somaaliyaa keessatti qabsoo shororkeessummaa irratti godhanii fi biyyattii tasgabbeessuu keessatti wareegamni kaffalan” olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ministiroonni kunneenis waa’ee itti fufiinsa faayinaansii irratti yaaddoo qaban kan kaasan yoo ta’u, ibsa kana keessatti “ATMIS fi ergama nagaa kabachiisaa haaraatti maallaqa tilmaamamuu danda’u, gahaa fi jijjiiramaa ta’e mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu” ibsaniiru. Dabalataanis “hanqina baajata jiru furuun barbaachisaa ta’uu” ibsaniiru.

Hundeeffama humna nagaa kabachiisaa haaraa (AUSSOM) ilaalchisee, “adeemsa hafe keessatti barumsi ATMIS irraa argame gadi fageenyaan ilaalama” jechuun cimsanii ibsuun, “yeroo adeemsa ergama haaraa kana qopheessanitti biyyoota loltoota gamaachan mariisisuun barbaachisaa ta’uu” ibsaniiru.

Walgahiin ministeerotaa kun kan gaggeeffamu wayita waldhabdeen Gaanfa Afrikaa keessatti hammaataa dhufee fi ce’umsa ATMIS walqabatee muddamni dabalaa dhufedha.

Jalqaba bara kanaa, waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteeffame hordofee Itoophiyaa waliin waldhabdee keessa kan seente Somaaliyaan “Itoophiyaan qaama humnoota nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaan durfamu kan ATMIS bakka bu’uuf qophaa’e akka hin taane” beeksiftee turte.

Haalli kun Masriin loltoota fi meeshaa waraanaa gara Moqaadishootti yeroo ergiteetti hammaate. Kana hordofee Itoophiyaan ce’umsa ATMIS irraa yaaddoo qabdu ibsiteetti.

Dhiheenya kana ammoo, Somaaliyaa, Masrii fi Eertiraan marii gam-sadii Asmaraatti gaggeessanii, “Somaaliyaan daangaa lafaa fi galaanaa ishee akka eegdu tumsuuf” waliigalaniiru. AS

Related Articles

Back to top button