ODUUSIYAASA

Oduu: Pireezidaantiin Somaaliyaa biyyoota Gaanfa Afrikaa daawwachaa jiru; Itoophiyaa kan hin daawwanne ta'uu ibsameera

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2024 – Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad torban darbee kaasee biyyoota ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaatti loltoota isaanii bobbaasan daawwachaa kan jiran yoo ta’u, Itoophiyaa garuu hin daawwatan jedhameera.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Sanbata darbe kana Ugaandaa, Burundii fi Jibuutii daawwataniiru. Haata’u malee, pireezidaantichi Itoophiyaa akka hin daawwanne dubbi himaan pireezidaantii Somaaliyaa Abdulqaadir Digee wabeeffachuun VOA gabaaseera.

Pireezidaantichi daawwannaa isaanii Ugaandaatti kan eegale yoo ta’u pireezidaantii Yuveerii Museeviinii waliin Onkololeessa 09, 2017 ALI  mari’ateera. Gaggeessitoonni lamaan ergama Gamtaan Afrikaa Somaaliyaa keessatti raawwatuufi nageenyaafi tasgabbii naannichaatiin walqabatee mari’ataniiru.

“Gaggeessitoonni lamaan dhimma Somaaliyaafi haala nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaafi guutuu Afrikaa tasgabbeessuun akka barbaachisu waliigalteerra gahaniiru,” ibsichatu jedhe.

“Loltoonni Ergama Ce’umsa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) fi humnoonni Somaaliyaa biyyattii tasgabbeessuufi garee finxaaleyyii alshabaabiin waraanuuf gatii baasan  dinqisiifataniiru,” jedheera.

Pireezidaantichi akkasuma gara Burundii imaluun Ivaarstee Nidaayashimiiyaa qunnamaniiru. Gaggeessitoonni lameen dhimma daldalaafi diiploomaasiirratti mari’achuu midiyaaleen Burundii gabaasaniiru.

“Somaaliyaatti keessatti nageenya buusuun walqabatee gahee olaanaa loltoonni Burundii qaban eeruun nageenya naannichaa tiksuuf tumsa isaanii akkaataa daran itti cimsan irratti mari’ataniiru,” jechuun Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa ibseera.

Pireezidaant Hasan Sheek Mohaammad guyyaa kaleessaa Jibuutii galaniiru. MM Jibuutii Ismaa’eel Guleeh waliin mari’achuun gabaafameera.

Dubbihimaan mootummaa Somaaliyaa Abdulqaadir Digee ergama nageenyaa Somaaliyaa bara 2025 bobbafamurratti biyyoonni hirmaatan eenyu faa akka ta’an ilaalamaa jiras jedhe. Pireezidaantiin Somaaliyaa kuni itti aansuun Keeniyaa ni daawwatu jedhamee eegama. AS

Related Articles

Back to top button