ODUUSIYAASA

Oduu: Godina Kaaba Gondaritti waraanni "ulfaataa" Sanbata darbe gaggeeffamuu jiraattonni himan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2024 – Godina Kaaba Gondar naannawa magaala Dabaarqitti Sanbata darbe humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti lolli gaggeeffamuu jiraattonni Addis Standard ’tti himan.

Jiraattonni Addis Standard dubbise, waraanni gaggeeffamaa ture “ulfaataa” ture jedhan. Waraanni kuni Onkololeessa 09, 2017 ALI eegaluun hanga Onkololeessa 10 sa’aatii boodaa itti fufee turuu jiraattonni eeraniiru.

“Walitti bu’iinsi haaraa miti. Walitti bu’iinsi darbee darbee ni uumama,” jechuun lolli Sanbataafi Dilbata darbe ture garuu miidhaa namarraafi qabeenyarraan kan gahe ta’uu dubbatu.

Jiraataan maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise tokko naannichatti humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti waraanni akka irra deddeebiin taasifamu ibseera.

Waraana Fulbaana 2024 gaggeefame keessa lubbuun namoota hedduu darbuu jiraattoonni ni ibsu.

Raayyaan ittisa biyyaa, gamsaatiin, lola kaaba Gondaritti madaala Dabaarqiifi naannawasheetti taasifameen hoggansa “garee finxaaleyyii” fi miseensotarraa meeshaa waraanaa dhaaluu ibseera.

Haaluma walfakkaatuun, lola godina kibba Wallootti gaggeeffameen “humnoota mootummaatiin” namoonni 100 ol ajjeefamuu BBC’n gabaaseera.

Akkasumas, haleellaa diroonii naannichatti Onkololeessa 01 hanga 02, 2017 ALI  raawwatameen lubbuun namootaa darbuun gabaafameera. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa miidhaa lammiilee nageenyaarraa foi dhaaabbilee ummataarra qaqqabe qorachaa jiraachuu eereera.

Haaluma walfakkaatuun, lola Walloo Kaabaa naannawa magaala Waldiyaatti Onkololeessa 03,2017 gaggeeffame hordofee sochiin ugguramuufi hokkorri jiraachuu jiraattonni Addis Standard’tti himaniiru.

Kana malees, godina Shawaa Kaabaa aanaa Minjaar Shankooraatti lolli turuu gabaafameera. Magaala aanichaa kan taate Baalc jedhamtu keessatti haleellaan “meeshaa waraana gurguddaan deeggarame” gaggeefame ture.

Mootummaan federaalaafi mootummaan naannoo Amaaraa, gamasaatiin, “duula seera kabachiisuu” naannoo Amaaraatti gaggeessaa jiraachuu dubbihimaan RIB Koloneel Geetnat Adaaneefi hogganaan biiroo kominikeeshinii naannoo Amaaaraa Mangashaa fantaaw (PhD) ibsa waloon Fulbaana 21, 2017 ALI kennaniin ibsaniiru. “Naannichaatti hokkoraafi jeequmsa dhaabsiisuuf humnoota hidhataniifi caasaa mootummaa keessatti argaman irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu” Koloneel Adaaneen ibsee ture. AS

Related Articles

Back to top button