ODUUSIYAASA

Oduu: “Humnoonni mootummaa namoota humnaan dhabamsiisuuniifi dhoksuun yeroo dheeraaf hidhu” - KMNI

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2024 – Itoophiyaa keessatti iddoo garaagaraatti keessumaa Finfinnee, Oromiyaafi naannoo Amaaraa keessatti namoonni humnoota nageenyaa mootummaatiin hidhamanii iddoon jiran osoo hin beekamin yeroo dheeraaf tursiifamuu Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.

Itti aantuun KMNI Aadde Raakeeb Mallasaa, “Ammas namoota iddoo jiran hin beekamneen walqabatee qaamoleen tika nageenyaa deebii hatattamaa haa laatu,” jechuun dubbatteerti.

Adoolessa 2024 irraa kaasee humnoonni mootummaa namoota dhoksaniii hidhanii tursiisuu eeruun iyyannoo namoota 52 olii qorachuun namoonni kunneen ji’a tokkoo hanga ji’a sagalii iddoo alidilee garaagaraatti tursiifamanii gadhiifamuu KMNI ibseera. Taateen kuni “yaaddeessaa” ta’uus eereera.

Namoonni too’ataman kunneen karaa adeemsa seeraa hin guutiniin namoota uffata dambii hin uffatiniifi konkolaataa gabataee hin qabneen fudhataman jedhe. Hidhamtoonni kunneen iddoo itti hidhaman kan hin beekneefi nyaata gahaa kan hin dhiyaanneef ta’uu dabalee eereera.

Akka ibsa KMNI’tti, hidhamtoonni kunneen yeroo gadhiifamanitti “maallaqa 300 hanga 1000 geejjibaaf oolu itti laachuun naannawa Finfinnee iddoo adda addaatti buufamu.”

Namoota hidhamanii gadhiifaman kana irraa odeeffannoo sassaabachuu ibsi KMNI addeesseera. Konkolaachisaan Macheemmgeetaa Andu’aalam jedhamu magaala Finfinnee iddoo Bisraat Gabri’eel jedhamutti too’annoo humnoota uffata dambii hin uffatinii jala oolfamuun gara iddoo “Mooraa Raashiyaa’ jedhamuu geeffamuun ji’oota torbaaf hidhaa keeessa erga tursiifaanii booda Bitootessa 2016 keessa gadhiifamuu KMNI gabaaseera.

Obbo Macheemgeetaan yeroo kana namoota lakkoofsaan 60 ta’an waliin hidhamanitti uffataafi nyaataafi bishaan gahaa hin argannes jedhame. Kana malees, iddoon Obbo Macheegeetaan itti hidhamanii turan ifatti kan hin beekamne yoo ta’u namoonni too’annoo jala oolchan kunneen maallaqa beenyaa fudhachuun hidhamtoota gadhiisaa turanis jedhame. AS

Related Articles

Back to top button