ODUUSIYAASA

Oduu: Godina Koonsootti hidhattoonni namoota 2 ajjeessuun, 2 madeessan

Finfinnee Onkololeessa 24, 2024 – Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Koonsoo magaalaa Saganitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuun namoota lamaa darbuun lama madaa’uu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataa naannichaa kan ta’e maqaansaa akka hin eeramne gaafate haleellaan kuni Kibxata galgala naannoo sa’aatii 12:00’tti magaala Saganitti raawwatamuu himeera. Hidhattoonni kunneen Gumaayad irraa kan dhufan ta’uu akka malu jiraattonni eeraniiru.

Akka jiraataan kuni jedhutti, hidhattoonni kunneen namoota reestooraantii kutaa magaalaa “Gumaayad Qaxanaa”  keessatti argamu keessa taa’anii nyaachaa turan irratti dhukaasa banuun battalumatti namoota lama ajjeesuun lama madeessaniiru.

Jiraataan biraa taateen kuni mudachuu mirkaneessuun namoonni madaa’an wal’aansaaf gara magaala Soddoo geejjibamuu himeera.

Haleellaan gandoota ollaarratti gaggeeffamu naannichatti dabalaa dhufuu maddeen kunneen ibsaniiru. “Rakkoo tasgabbii Sagan Zuriyaa yaaddessaa ta’eera,” jechuun rakkoon nageenyaa kuni qonnaanbultoonni hojii qonnaa akka hin gaggeessine dhoorkuu himu.

Haleellaa biraa wal fakkaataa Hagayya 22, 2024 aanaa Saganitti raawwatamee tureen poolisoonni lama ajjeefamanii ture. Hidhattoonni kunneen “garee finxaaleyyii” lammiilee nagaafi aanga’oota moootummaa irratti xiyyeeffatus jedhame.

Bulchaan aanaa sagan Obbo Urmaalee Ugaandee hidhattonni kunneen haleellaa mana sirreessaarratti banuu himee ture. Hidhattoonni kunneen manneen gubuufi saamuudhaan badii birrii miliyoona 600tti tilmaamamu qaqqabsiisuu biiroon kominikeeshinii godina Konsoo addeessee ture. AS

Related Articles

Back to top button