ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam ‘dhimma haala yeroo Galaana Diimaa fi tumsa ittisa shororkeessummaa’ irratti mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 24/2024 – Dhaabbileen Tajaajila Tikaa Itoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam ‘dhimma haala yeroo Galaana Diimaa, akkasumas haala shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’an waloon ittisuu danda’amu’ irratti mari’achuu isaanii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa miidiyaaleen ergeen, jilli hogganaa Tajaajila Tikaa Yunaayitid Kingidam (MI6) Riichaard Piitar Muuriin durfamu daawwannaa hojiif Finfinneetti argama. 

Jilli kun daawwannaa kanaan, qondaaltota olaanoo Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin dhimmoota naannoo, biyyaalessaa fi idil-addunyaa irratti mari’achuu ibsameera.

Marii kanarratti dhimma haala yeroo Galaana Diimaa, akkasumas haala shororkeessummaa, yakkoota daangaa ce’anii fi daddabarsa namaa seeraan alaa waloon ittisuu danda’amu irratti wal jijjiirraa odeeffannoo gara fuulduraatti godhamu kaasuu isaanii tajaajilichi ibseera. 

Daarektarri Itti aanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Obbo Sisaay Tolaa, “qaamoleen tokko tokko itti yaadanii sochii Itoophiyaan karra galaanaa argachuuf jalqabde olola sobaaf itti fayyadamuuf yaalaa akka jiran” jila Yunaayitid Kingidamiif ibsaniiru. 

Itti dabaluun, haalli kun naannichi [Gaanfa Afrikaa] akka hin tasgabboofne fi nageenyi waaraa akka hin jiraanne dhiibbaa taasisaa jiraachuu eeraniiru. “Itoophiyaan haalli nageenyaa naannicha keessa jiru akka tasgabba’uuf gahee ishee bahachuu itti fufti,” jedhan. 

Kana malees xumuramuun Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, biyyoonni naannichaa walta’insaan akka hojjetan kan jajjabeessu malee ajandaa garaagarummaa, falmii fi waldhabdee ta’uu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.

Hogganaan Tajaajila Tikaa Yunaayitid Kingidam (MI6) Riichaard Piitar Muur gama isaaniin akka jedhanitti, dhaabbatni isaanii barbaachisummaa tarsiimowaa Itoophiyaan qabdu ilaalcha keessa galchuun, waljijjiirraa odeeffannoo, akkasumas hojiiwwan tumsaa fi walta’iinsaa dameewwan teeknooloojii fi ijaarsa dandeettiin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. AS

Related Articles

Back to top button