ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaan biyyoota ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaaf loltoota gumaachan filachurratti ‘ofii nan murteessa’ jette

Finfinnee, Onkoloolessa 24/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa dhufuuf biyyi kamtu loltoota gumaachuu danda’a kan jedhu ”murteessuuf aangoo kan qabdu” Somaaliyaa ta’uu ibse. 

Itti dabaluun, kanaan dura loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa bobbaafamuun “sochiin al-Shabaab akka dabalu taasiseera” jedhe.

Ministeerichi ibsa Onkoloolessa 23, 2024 baaseen, biyyattiin Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) irraa gara ergama nagaa kabachiisaa haaraa (AUSSOM) yeroo ceetu, murteen gumaacha loltootaa “dantaa biyyaalessaa fi birmadummaa Somaaliyaa waliin walsimuu qaba” jedhe.

Itoophiyaan ”naannoo kaabaa Somaaliyaa waliin waliigaltee seeraan alaa taasiste dabalatee tarkaanfii gama tokkoon fudhatte gocha birmadummaa keenya sarbuu fi amantaa nagaa eeguuf barbaachisaa ta’e mancaasudha” jedhe. 

Ibsichi itti dabaluudhaan, dhimmoonni kunneen Somaaliyaan biyyoota loltoota gumaachan irratti ejjennoo qabdu irratti dhiibbaa uumuu eereera.

Guyyoota muraasa dura Itoophiyaa dabalatee Ministiroonni Ittisaa biyyoota Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) irratti loltoota gumaachan biroo ergama haaraatiin Somaaliyaa keessatti hojii nagaa eegsisuu itti fufuuf “fedhii fi qophii qabaachuu” ibsanii turan.

Mariin gumaacha loltootaa irratti taasifamu erga Somaaliyaan ‘Itoophiyaan qaama humnoota haaraa Gamtaa Afrikaan durfamu akka hin taane’ beeksiste booda daran muddama keessa galee jira. 

Dabalataan Masriin tibbana humna waraanaa fi meeshaalee gara Moqaadishootti bobbaasuu ishee hordofee Itoophiyaan ce’umsi ATMIS irraa gara nagaa kabachiisaa haaraatti taasifamu ”balaadhaan kan guutame” jechuun ibsiteetti.

Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa irraa bahe jedhutti, Somaaliyaan “haala birmadummaa isheerratti xiyyeeffateen kallattii ergama kanaa kan hoggantu” yoo ta’u, loltoota kanaan booda ergaman irratti galmi nageenyaa fi misoomaa Somaaliyaa ilaalcha keessa galuu akka qabu ibse.

Ibsi kun kan bahe erga Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammud daawwannaa biyyoota Somaaliyaa keessa loltoota gamaachan kanneen akka Ugaandaa, Burundii, Jibuutii fi Keeniyaatti taasisaa turan xumuranii gara biyyaa deebi’an boodadha. AS

Related Articles

Back to top button