DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Godinaalee Gujii fi Shawaa Kaabaa keessa iddoowwan walitti bu’iinsi jirutti tajaajilli intarneetii addaan cituu himame

Finfinnee, Sadaasa 01, 2024 – Naannoo Oromiyaa godinaalee Shawaa Kaabaa fi Gujii keessatti iddoolee humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti walitti bu’iinsi jirutti tajaajilli intarneetiifi bilbilaa ji’ootaaf addaan cituu jiraattonni himan.

Akka jiratttonni godinaalee kanneenii VOA’tti himanitti, lola humnoota mootummaafi loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee tajaajilli kuni ugguramee argama.

Tajaajilli kuni kan uggurame guutuu godinichaa keessatti osoo hin taane iddoolee lolli jiru keessatti qofaadha.

Jiraataa godina Gujii aanaa Waadeeraa kan maqaansaa akka hin eeramne gaafate akka himetti, lola jiru hordofee tajaajilli bilbilaafi intarneetii addaan cituu himeera.

Haleellaa Wixata darbe humnoota lamaan gidduutti taasifameen miseensota poolisiifi miseensonni qama nageenyaa ajjeefamuu jiraataan kuni ni hima.

Godina Shawaa Kaabaatti uggurri tajaajila bilbila idileefi intarneetii akkasuma jiraachuu jiraattoonni ni himu.

Jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa maqaansaa akka hin eermane gaafate, “Sababa walitti bu’iinsaatiin godinichatti tajaajilli bilbilaa idilee addaan citee argama,” jedheera.

Akkasumas, namoota siim kaardii harkaa badee bakka buufachuuf buufata telekoomii dhaqaniif sababa addaan cituu dhiyeessiitiin walqabatee tajaajilli kennamaa akka hin jirres ibseera.

Rakkoon intarneetii kuni manneen barnootaa kan meeshaalee barnootaa intarneetirraa fayyadaman rakkiseera. Mannii barumsaa aanicha keessatti argamu tokko sababa uggura intarneetiitiin barattootasaa kutaa 12 gara aanaa biraatti dabarsuu jiraataan kuni himeera.

Sababa uggura intarneetitiin odeeffannoo barattoota kanneenii gara qaama biraatti daddabarsuu waan dadhabeef barattoota kanneen gara aanaa biraatti dabarfamuun eerameera.

Haaluma wal fakkaatuun, Godina Qeellam Wallaggaatti tajaajilli bilbila idileefi intarneetii addaan kan ciccituu ta’uu VOAn gabaaseera.

Lolli qaamolee lamaan gidduutti bara 2019 erga eegalee kaasee tajaajila bilbilaafi intarneeiirratti dhiibbaa uumuun himameera. Haleellaa godina Shawaa Kaabaatti tibbana Onkololeessa 17, 2024 qaamolee lamaan gidduutti raaawwatameen milishaan mootummaa 17 ajjeefamuu jiraattonni ni himu.  

Kana malees, lolli hidhatoota Faannoo waliin taasifamu daangaa naannoo Amaaraa cabsuun gara Oromiyaatti ce’aa jira jedhame. Yeroo haleellaa qaamolee lamaan gidduutti raawwatamu yeroo dabalutti tajaajilli bilbilaafi intarneetii garmalee rakkisaa akka ta’u himaniiru.

Tajaajila qunnamtii cufuun odeeffannoon biyya keessatti raawwatamaa jiru gara miidiyaafi ummataatti akka hin bane yaaduun mootummoonni tajaajila qunnamtii akka cufan gulaaltuu Gaanfa Afrikaa Samiiraa Gaa’iid wabeeffachuun VOA’n gabaaseera.

Saamiiraan yaada kenniteen, taateen akkasii kuni haqni akka hin mul’anne taasisuun ololaafi oduun sobaa akka babal’atu kan taasisu ta’uu eerteerti.

Hojigaggeessituun Itiyooteeleekoom Fireehiwoot Taammiruu, ibsa tibbana laatteen, iddoolee rakkoon nageenyaa jirutti tajaajilli bilbilaafi intarneetii addaa cituu eerteerti. Haa ta’u malee, buufata dhaabbatichaa godinoota lixa biyyattiitti argaman kan barbadaa’anii turan suphuun hojii eegalsiisuu Itiyooteeleekoom ibsee ture. AS

Related Articles

Back to top button