AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

“Aadaa Oromoo cimsuuf sochii taasisneen dhiphoota jedhamnee biyyaa ari’atamne” - Alamaayyoo Qubee

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2 

Finfinnee, Hagayya 02/2024 – Irreechi duudhaa sirna Gadaa kan uummanni Oromoo Waaqa kadhachuufi galatasaa galchuuf jecha tulluu fi malkaatti ba’uun kan irreeffatuudha. Oromoon yeroo Arfaasaatti gara tulluu ba’uun roobaafi nagaa kadhata, Birraatti ammoo gara malkaa bu’uun galata galcha.

Haata’uuti duudhaa uummatni Oromoo barootaaf kunuunfatee ittiin tajaajilamaa jiru kun bara mootummoota darban keessa dhiibbaa hedduu irra gahaa turuu hayyoonni seenaa ni himu. 

Aadaa fi duudhaan ummata Oromoo, keessattuu Irreechaan, akka cimuufi dhiibbaa waggootaaf irra gahaa turerraa akka bayyanatuuf hayyoota tattaaffii cimaa taasisaa turan keessaa tokko Obbo Alamaayyoo Qubeeti. 

Obbo Alamaayyoon ogummaa isaaniitin barsiisaadha. Bara 1972 eegalee bara 2004tti gara biyya Awustraaliyaa hanga bahanitti waggoota soddomii lamaaf barsiisaafi daareektara mana barumsaa ta’uun kutaalee Oromiyaa garaagaraatti tajaajilaniiru.

Garuu wanta ogummaa isaaniin gumaachan cinatti, hawaasni Oromoo keessattuu dargaggoonni aadaa fi duudhaa isaaf kabajafi xiyyeeffannoo akka laatu tattaaffii taasisaa turaniin beekamu. Sanaanis firii dhamaatii isaanii gama hedduun milkeessaniiru. 

Alamaayyoo Qubeen eenyu? 

Obbo Alamaayyoo Qubee godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Guubee jedhamutti bara 1948 dhalatan. Akkuma ijoollee Oromoo birootti taphaafi kunuunsaan daa’imummaa isaanii dabarsuu kan himan Obbo Alamaayyoo, yeroo umriin koo dirqama fudhachuuf gahutti loon tiksuu eegale jedhu. 

“Iddoo loon tiksinutti barattoonni mana barumsaa olanii galan arginee ‘mana timirtii’ kan jedhamu akka jiru barre. Sana booda maatiin koo barumsa na eegalsiisan,” jedhan.

Barnoota isaanii sadarakaa tokkoffaa mana barumsa Geedoo Dajjazmaach Ceecootti, kan sadarkaa lammaffaa ykn kutaa 9 hanga 12 ammoo magaaluma Ambootti baratan. 

Sana booda dhaabbata leenjii barsiisotaa (TTI) galanii waggaa tokkoof ogummaa barsiisumaatiin erga leenji’anii booda bara 1972 eegalee hanga bara 2004tti waggaa soddomii lamaaf barsiisaafi daareektara mana barumsaa ta’uun naannoo Oromoiyaa iddoo garaagaraatti tajaajilaniiru.

“Wallaggatti waggaa sadii barsiisee gara Shawaa Manz jedhamu dhaqe. Sana booda iddoo dhaloota koo Shawaa Lixaatti jijjiirame. Sana booda yuunivarsitii baradheen digrii jalqabaa xumure. Itti aansee gara godina Booranaa yeroo sanaa dhaquun daareektara mana barumsaa ta’e,” jedhu.

Dhumarratti bara 1998 irraa eegalee hanga biyyaa bahanitti gara Shawaa Bahaa magaalaa Bishooftuutti jijjiiramuun barsiisaa Afaan Oromoo ta’uun tajaajilaniiru.

Bara hojii waggoota 32 dabarsan kana keessatti aadaan Oromoo dhiibbaa irra gahaa jiru akka dandamatuuf cichanii falmuun beekamu. Keessattuu magaalaa Bishooftuu keessatti barattoota gurmeessanii afaaniifi aadaa isaanii barsiisu bira darbee kabaja Irreecha Hora Arsadee harca’aa ture deebi’ee akka cimuuf carraaquun beekamu. 

Hojii bifa qabsoon hojjechaa turan kanaan walqabatees “roorroon anaafi maatii koorratti hammaachuu hordofee bara 2004 biyyaa bahuuf dirqame” jedhu. 

Barsiisummaa fi tattaaffii aadaa guddisuu

Obbo Alamaayyoon aadaa isaanii akka dagaaguufi cimu tattaafachuu kan eegalan yeroo ogummaa barsiisummaa baratanitti akka ta’e himu. “Yeroo leenjii ogummaa barsiisummaa fudhannutti mana barnootaatti barsiisuun alatti hawaasa naannawa sanaa qaroomsuu keessatti akka hirmaannu leenjinee turre. Aadaafi afaan dhalootaa sirna barnoota keessa galchuudhaan barsiisuun barbaachisaa ta’uu ogummaa barsiisummaa ni hima.”

Yeroo qophii kanaaf shaakalaa turretti gara manneen barnootaatti yeroo deebinu aadaa guddisuu keessatti akka hirmaannu wal gorsineefi irbuu waliif gallee gargar baane.

Bara mootummaa Haayilasillaasee, jalqaba bara barsiisummaa isaanitti, barsiisota kaan waliin ta’uun barsiisonni Oromoo kutaa bulchiinsa (kifla haagar) adda addaan qoodamanii aadaa isaanii shaakalaa turan tokkummaan dhufanii wal gorsuun aadaa isaanii dagaagsuuf irbuu waliin galuu yaadachiisu.

“Kabaja guyyaa Ispoortii irratti aadaa keenya akka mul’ifnu nuuf eeyyamame. Yeroo kanatti Oromoo taanee osoo jirruu godinaan iddoo garaagaraatti qoqqodamnee shaakalaa turre. Sana booda barsiisonni Oromoo bakka tokkotti dhufuun erga mari’annee booda barsiisonni Oromiyaa irraa dhufan hundi iddoo tokkotti shaakaluu eegalle.”

“Yeroo qophii kanaaf shaakalaa turretti gara manneen barnootaatti yeroo deebinu aadaa guddisuu keessatti akka hirmaannu wal gorsineefi irbuu waliif gallee gargar baane,” jechuun waggoota 50 ol duubatti deebi’uun yaadatu.

Barsiisummaan seenaafi aadaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu kan himan Obbo Alamaayyoon, “ogummaan ani keessa darbe kuni aadaa Oromootiif jaalala akkan qabaadhu na taasiseera,” jedhu. 

‘Margi mallattoo nagaati’

Irreechi duudhaalee Oromoo karaa ittiin hawaasni araara kadhatuufi galata galchuu ta’uu Obbo Alamaayyoon ni himu. “Irreechi margaan kabajama. Margi immoo kan margu Waaqaafi lafti yeroo wal argutti jedhee amana, Oromoon. Waaqni ni rooba laftimmoo marga biqilcha. Waaqni roobuu malee margi hin margu, margi margu maleemmoo lubbuu-qabeeyyiin hin jiraatan jedhee amana.” 

Kanaafuu, margi akka araaraafi galataatti fudhatama jedhu. “Margi mallattoo nagaati. Irreechis mallattoo araaraati.”

Obbo Alamaayyoon yaada isaanii ibsachuuf mammaaksa Oromoo “lolli leencaa harka tokkoon marga harka tokkoon eeboo” jedhu akka fakkeenyaatti eeru. “Makkaaksi kun yoo leenci marga arge akka hamaatti hin fudhatu, yoo ta’uu baatemmoo eeboo qabachuun barbaachisaa ta’uu mul’isa,” jedhu.

“Farra nageenyaa fi dhiphoota jedhamnee biyyaa ari’atamaa turre”

Yeroo mootummaa Haylasillaasee fi Dargii keessa aadaa Oromoo barsiisuutiin walqabatee dhiibbaan hedduu irra gahaa turuu yaadachiisu. “Waa’ee afaaniifi aadaa jechuun yeroo ulfaata tureedha. Aadaafi Afaan Oromoo mana barnootaa, waajjiraalee adda addaa, miidiyaafi magaala keessa gonkumaa hin turre,” jedhu. 

Dabaluun, “namni afaan Oromoo dubbatu ni tuffatama, ni arrabsama. ‘Farra nageenyaafi dhiphoota” jedhamna turre. Biyyaa ari’atamaa turre” jechuun yaadatu. 

Dhiibbaa ture dandamatanii sochii isaanii aadaa fi Afaan Oromoo akka dagaaguu taasisaa turaniin walqabatee bara mootummaa Dargii si’a lama, bara ADWUI ammoo maatii isaanii guutuu waliin si’a lama [bara 2003 fi 2004] hidhamanii akka turan himu, Obbo Alamaayyoon. 

Haala kabaja ayyaana Irreechaa bara mootummaa Haylasillaasee fi Dargii ture yeroo yaadatan, akka yeroo durii sana “Maree hoo Maree hoo” jechaa gamtaan malkaa bu’uun hin jiru ture jedhu.

“Doorsifni waan tureef namoonni lakkoofsaan xiqqoo ta’an dhokatanii halkan bahanii ofirra eeggachaa malkaa gahanii deebi’u,” jedhan.

Barsiisummaaf gara Bishooftuu yeroo ramadamanitti haala kana Irreechaa dhiyeenyaan ilaaluuf carraa argatan. Carraa kanaanis akkaataan itti kabajamu baay’e harca’aa ta’uun isaa xiqii itti uumee cimsuuf akka hojjetan isaan kakaasuu dubbatu.

“Iddoon dhaquu hundatti aadaa Oromoo guddisuuf fedhiin koo olaanaa ture. Keessumaa erga gara magaala Bishooftuuttii jijjiramee booda Hora Arsadii irratti sochii eegalle. Warra Maccaafi Tuulamaa fi Abbootii Gadaa waliiin ta’uu akkaataa irreecha guddifnurratti hojjachuu eegalle.”

“Abbaa malkaa Hora Harsadii kan mootummaan Dargii biyyaa ari’e biyyaa badee ture barbaannee duuluu eegallee,” jedhu. 

Obbo Alamaayyoon qabsoo hedduu keessa darbee haala Irreechi amma irra gahe yeroo argan hedduu akka gammadan dubbatu. “Walabummaan amma argame kuni qabsoofi aarsaa hedduun as gahe. Eenyuyyuu nuuf laatee osoo hin taane qabsoo Oromoon taasiseen as gahe. Kan boodas hanga Oromoon of baree aadaafi duudhaasaa tikafchuu danda’utti mirgasaa tikfachuu ni danda’a” jedhan. 

Irreechi yeroo ammaa Hora Arsadee fi Hora Finfinneetti kabajamu kun xiin-sammuu Oromoo aangeessuu keessa gahee guddaa akka qabu dabalanii himaniiru. 

Jijjiiramni guddaa kan mul’atu ta’uus, dhiibbaan garagaraa ammallee jiraachuu dubbatu. “Akkuma durii maq-balleessiin deemsifamu ni jira. Garuu qabsoonis itti fufeera. Hawaasni keenya walhubatee qabsaa’aa jira. Kana booda Oromoo duubatti deebisuun hin danda’amu,” jedhan.

Irreecha biyya baqaatti

Obbo Alamaayyoo sochii isaan aadaa fi Afaan Oromoo akka dagaaguu taasisaa turaniin walqabatee bara 2003 fi 2004 keessa haadha manaafi ijoollee isaanii waliin hidhamanii erga gadhiifaman doorsisini irra gahaa ture itti fufuu hordofee biyyaa bahuuf dirqamuu dubbatan. 

Ergasii waggoota digdama darbaniif maatii isaanii waliin biyya Awustraaliyaa keessa jiraachaa jiru. Obbo Alamaayyoon jireenyaaf Oromiyaa keessaa bahanii waggootaaf kan jiran ta’uus, hawaasa Oromoo biyya alaa jiru waliin aadaa isaanii dagaagsuu irraa akka hin hanqanne eeru.

“Hawaasni Oromoo Awustraaliyaa keessatti argamu walitti yaa’ee Irreecha kabajaa jira. Anis yeroo ammaa hawaasa Oromoo waliin haala miidhagaa ta’een kabajachaan jira.” 

“Waggaatti si’a lamaa Arfaasaa fi Birraa kabajna. Kan Arfaasaa tulluutti bahuuniifi kan Birraa lagatti bahuun kabajaa jirra. Ijoollee keenyammoo aadaafi Afaan Oromoo barsiifachaa jirra,” jedhan.

“Afaan silaa ni bada jedhame yaadamee ture sadarkaa yuunivarsiitiitti baratamaafi qoratamaa jira.”

Aadaa Oromoo dagaagsuuf tooftaan inni guddaan “aadaafi afaan keenyaan boonuu” ta’uu dubbatu, Obbo Alamaayyoon. “Dhaloonni Aadaafi afaan isaa jaallachurraan kan ka’e qabsoo cimaa taasiseen Afaan silaa ni bada jedhame yaadamee ture sadarkaa yuunivarsitiittii baratamaafi qoratamaa jira.”

Toftaan aadaan Oromoo ittiin utubamu kan biraan ammoo Afaan Oromoo afaan teeknoolojiifi aartii taasisuu ta’uu kaasu. “Sabni aadaafi afaan dagaage qabu yoomiyyuu taanaan moo’ataa ta’a.”

Kana dhugoomsuuf artiistoonni, weellistoonni, fi qorattoonni seenaa gahee olaanaa isaanirraa eegama jedhu. 

“Aadaa keenya guddisuun itti fufuu qaba. Hundi keenyayyuu iddoo jirrutti wanta dandeettii keenyaa gochuun barbaachisaadha. Inni barsiisu barsiisuu qaba, inni barreessu barreessuu qaba, inni qoratu qorachuu qaba,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button