Finfinnee, Sadaasa 14/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti namoonni nagaa 130 ol ta’an miseensi maatii isaanii “Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qaba” jedhamuun mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ji’oota torbaa oliif hidhamanii akka argaman maatiin Addis Standard’tti himan.
Namoota sababa kanaan mana hidhaatti argaman keessaa Tasfaayee Bayyanaa fi haati manaa isaanii Dosaa Toleeraa argamu. Ilmi isaanii Dabalaa Tasfaayee yaada Addis Standard’tti laateen, jiraattota ganda Nafuuroo kan ta’an abbaa fi haatisaa yeroo garagaraatti miseensota milishaa Oromiyaatin to’ataman.
Abbaan isaa Obbo Tasfaayee Bayyanaa ilmi isaanii kan biraan Waraana Bilisummaa Oromoo [kan mootummaan Shanee jedhee waamu] waliin hidhata qaba jedhamuun waa’ee ilma isaanii odeeffannoo akka laatanii fi harka akka kennatu akka waaman” dirqisiifamuun Ebla 20, 2024 hidhaman.
“Abbaan koo lakkoofsa bilbilaa obboleessa koollee hin qabu,” kan jedhe Dabalaan, isaan qonnaan bulaa dhimma siyaasaa irratti hirmaannaa hin qabne ta’uu himeera. Obbo Tasfaayeen erga hidhaman ji’a torba darbuus hanga ammaa mana murtii akka dhiyaanne eere.
Itti dabaluudhaan, haati isaanii aadde Dosaa Toleeraa ammoo Sadaasa 08, 2024 to’annaa jala ooluu hime. “Milishoonni gara manaa dhufuun nyaata akka dhiyeessituuf ishee gaafatan, isheenis kenniteefi. Booda garuu ittoo akka itti dabaltuuf yeroo gaafatan hin qabu jennaan ishee dhaananii gara buufata poolisii Obboraa ishee geessan,” jedhan.
Ergasii torban tokko ol ta’uus, hanga ammaa mana murtii akka hin dhiyaanne ilmi isaanii Dabalaa Addis Standard’tti himeera.
”Abbaan koo dhiibbaa dhiigaatiin rakkata, fayyaa hin qabu. Yeroo tokko haalli fayyaa isaa yeroo hammaatu poolisiin yaala fayyaa isa dhorke ture. Erga Komishinii Mirga Namoomaatti hime booda eeyyameefi,” jedhe Dabalaan.
Maatii isaa dabalatee namoonni 130 ol mana murtii osoo hin dhiyaatiin baatii torbaa oliif buufata poolisii Oboraatti hidhamanii akka jiran himeera.
Namoota sababa miseensa maatii isaaniin to’annoo poolisii jala jiran kan biraan Tolasaa Sorii jedhamu. Obbo Tolasaan ilmi isaanii tokko miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun Ebla 16, 2024 humnoota poolisii fi milishaan to’ataman.
Ilmi isaanii kan biraan Drajjee Tolasaa yaada Addis Standard’tti laateen, abbaan isaa yeroo gara buufata poolisii Obooraatti geeffaman reebichi irraan gahuu fi erga hidhamanii kaasee ji’oota torbaa oliif mana murtii akka hin dhiyaanne ibseera.
”Abbaan koo qonnaan bulaa ganna 67. Hirmaannaa siyaasaa tokko malee nu guddise. Akkamitti obboleessa koo miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’e argatee gara waajjira poolisii fiduu danda’a? Eessa akka jirullee hin beeku. Kun waan hin taanedha,” jechuun ibse.
Dabalataanis, qonnaan bulaan Kennatee Tolaa jedhaman baatii Hagayyaa bara 2024 mooraa mana hidhaa keessatti dararaa hedduu erga irra gahee booda wal’aansa fayyaa dhorkamuun lubbuun isaanii darbuu himeera.
Dhimma kana irratti Bulchaa Itti-aanaa Aanaa Amuruu Silashii Dassaale fi Itti gaafatamaa Waajjira Poolisii Aanaa Amuruu Komaandar Dhabasaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.
Lixa Oromiyaa keessattuu godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waldhabdee waggoota jahan darbaniif humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), fi hidhattoota Faannoo hirmaachise adeemsifamaa jiruun lubbuun lammiilee nagaa galaafatamaa jira.
Baatii Hagayya 2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti haleellaa garee hidhattoota Faannoo raawwateen yoo xiqqaate lubbuu namoota 15 darbuun Addis Standard gabaasuu ni yaadatama.
Ajjeechaa namoota nagaa guyyaa guyyaan dhagahamu dabalataan qonnaan bultoonni godinicha keessa jiraatan fedhii isaanii malee leenjii Gaachana Sirnaa akka fudhatan dirqamaa akka jiranii fi kanneen didan xaa’oo fi oomisha akka dhowwaman ni himu. AS