Xiinxala: Aanaa Darraatti ajjeechaan suukaneessaa dargaggeessa tokko dheekkamsa kaase; Ji’oota afur keessatti namoonni 43 ol ajjeefamaniiru
Finfinnee, Sadaasa 21/2024 – Tibbana viidiyoon dargaggeessa hidhattootaan albeedhaan mormi irraa muramuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hawaasa biratti dheekkamsa kaaseera.
Viidiyoon ajjeechaa suukanneessaa kana mul’isu qoodamuun dura suuraawwan uummata aanaa Darraa sababa haleellaa irra deddeebiin raawwamuun qe’ee isaanirraa buqqa’anii bosona keessa dhokatan mul’isu qoodamaa turaniiru.
Addis Standard dhimma ajjeechaa suukanneessaa dargaggeessa tokko irratti raawwatame addatti mirkaneessuu baatuus, BBC’n gochi raawwatamee kun godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti akka raawwatame gabaaseera.
Jiraataan aanichaa BBC’n dubbise, dargaggeessi hidhattootaan albeen mormi yeroo irraa muramu mul’atu dhalataa aanaa Darraa ganna 17 Darajjee Amaara jedhamu ta’uu himeera.
“Maatiin dargaggeessa kanaa ganda Warreen Gabroo jedhamu keessa jiraatu. Viidiyoon kun amma miidiyaa hawaasaa irratti bahe malee gochi kun erga raawwatame ji’a lama ol ta’eera. Namoota gocha kana raawwatanis kanneen Faannoo jechuun of gurmeessaniidha,” jedhe.
Taateen kun miidiyaa hawaasaa irratti mul’achuu hordofee barattoonni yuunivariitii adda addaa hiriira nagaa bahuun ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu balaaleeffachaa jiru.
Guyyaa har’a suur-sagaleewwan barattoonni Yuunivarsiitii Arsii, Amboo, Wallaggaa fi Jimmaa hiriira gaggeessaa jiraachuu agarsiisan miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa jiru.
Waggoota dhiyoo asi aanaan Darraa dirree waraanaa gaaga’ama guddaa geessise ta’eera. Keessattuu bara 2022 booda walitti bu’iinsi cimaan humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), fi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeeffamuun lubbuun namoota hedduu darbaa jira.
Walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi gareewwan hidhatan gidduu gaggeeffamu kun Adoolessa 2024 irraa eegalee daran hammaateera. Daangaa naannoo Amaaraa irratti kan argamtu aanaan Darraa keessuttuu Hagayya 23 hanga Onkoloolessa 20, 2024 gidduutti yeroo intarneetiin addaan citee ture giddu galeessa walitti bu’iinsaa taateetti.
Yeroo kana keessatti adda durummaan WBO fi humnoota mootummaa gidduutti walitti bu’iinsi cimaan gagegeffamaa tureera.
Addis Standard dhimma kana irratti jiraattota aanaa Darraa dubbisuun akka qorateetti Adoolessa hanga Onkoloolessa 2024 gidduutti lammiileen nagaa 43 ol sababa walitti bu’iinsa kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
Gaaga’ama lubbuu aanaa Darraa
Taateewwan dhiheenya kana lubbuu namoota nagaa galaafatan keessaa, ji’a Onkoloolessa bara 2024tti taateewwan adda addaa sadii kanneen lubbuu namoota torba galaafatan argamu.
Akka jiraattonni ibsanitti, haleellaan Onkoloolessa 07, 2024 ganda Jirruu Dadaa keessatti raawwatameen qonnaan bultoonni sadii ajjeefamaniiru.
Namoota ajjeefaman keessaa isa tokkoof fira ta’uu kan himan namni Addis Standard dubbise, qonnaan bultoonni sadan walitti bu’iinsa gandicha keessa jiruun gara bosonaatti yeroo dheessanitti ajjeefamuu eeruun, qaamolee haleellaa kana raawwatan “hidhattoota Faannoo” ta’uu hime.
Taateen inni lammaffaa ammoo Onkoloolessa 18, 2024 mudate. Imaama masjiidaa Ganda Arabuu kan ta’an Sheek Mohaammad Makin Hajii jedhaman torban sadiif hidhattootaan erga ugguramanii booda ajjeefaman.
Miseensi maatii imaama kanaa kan taate maqaan ishee akka hin dhahamne gaafatte, abbaa ijoollee afur kan ta’an Sheek Mohaammad Makin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootin ukkaamfamuu himte.
“[Hidhattoonni] jalqaba halkan naannoo 7:30tti gara Masjiida Ganda Arabuu seenan. Achiis gara mana isaanitti dhaquun Sheek Mohaammadiin ijoollee isaanii lamaa, haadha warraa fi haadha isaa waliin fudhatanii deeman,” jette.
Akka miseensi maatii kun jettutti, ijoolleen isaanii lamaan guyyaa tokkoof erga qabamanii booda gadhiifaman. Haati isaanii ammoo guyyoota 13 booda gadhiifaman.
”Qaamoleen isaan butan Sheek Mohaammadii fi haadha isaa akka hiikamaniif maallaqa birrii miiliyoona 1.5 gaafatan. Erga birrii miliyoona 1.4 kaffalameefi booda haadha Sheek Mohaammad gad lakkisan,” jette.
Itti dabaluudhaanis, “Sheek Mohaammad gadhiisisuuf maallaqa dabalataa walitti qabuuf osoo yaalaa turre, ta’uus Sadaasa 02, 2024 ajjeefamuu isaanii nutti himame” jette.
Taatee sadaffaan Onkoloolessa 23, 2024 yoo ta’u, haleellaa jiraattoonni “diroonii” jedhanii ibsaniin namoonni dhuunfaa sadii ajjeefamaniiru.
Namoota ajjeefaman keessaa isa tokkoof fira kan ta’e Birraatuu Mokee (maqaan kan jijjiirame) haleellaan diroonii lubbuu namoota 3 galaafate kun ganda Baabbuu Dirreetti halkan keessaa sa’aatii 8:00 irratti raawwatamuu hime.
”Haleellaan dirooniin kun kan raawwatame osoo namoonni kunneen mana isaanii keessa rafaa jiraniidha,” jechuun yaadachiiseera. Namoonni haleellaa kanaan ajjeefamanis; Girmaa Abbabaa (ganna 60), Daamxoo Amaara (ganna 35) fi Alanyi Girmaa (ganna 15) kan jedhaman ta’uu hime.
Walitti bu’iinsa gatii qaalii kaffalchiisaa jiru
Baatiin Fulbaanaas taateewwan lubbuu namootaa 17 ol galaafatan keessummeessuun jiraattota aanaa Darraatif baatii gadadoo fi dhiphinaa ta’ee darbeera.
Konkolaachisaan haleellaa irraa lubbuudhaan hafe tokko, Garree Habaaboo, yeroo ammaa magaalaa Finfinnee Hospitaala Abeet keessatti wal’aansa argachaa jiru, waan isa mudate Addis Standard’tti himeera.
Garree fi waahiloonni isaa Fulbaana 03, 2024 galgala naannoo sa’aatii 2:00’tti meeshaalee ijaarsaa aanaa Darraatti geessanii yeroo deebi’an naannoo Fatraan jedhamutti hidhattoota “Faannoo” lakkoofsaan shan ta’aniin qabaman.
Yeroos daandiin guddichi gara aanaa Darraa geessu dhoqqeen waan rakkisuuf naannoo Amaaraa keessa qaxxaamuruun karaa Marraabetee Finfinnee ga’uuf akka isaan dirqisiise ibseera. Haa ta’u malee, imala isaanitti garee hidhattoota kanaan qabaman.
“Yeroo nuti qabamnu konkolaachiftoonni fe’umsaa afur gargaartota isaanii waliin, akkasumas jiraataan Darraa tokko konkolaataa tokkoon fudhatamaa turan. Guyyaa lama booda, Fulbaana 05, 2024 hidhattoonni jiraataa Darraa ajjeesan.”
Hidhattoonni kunneen boodarra namoota lama gadi lakkisan, namoota hafan gadhiisuuf garuu tokkoon tokko isaaniif birrii miliyoona tokko akka kaffalamu gaafachuu Garreen ibseera. Turtii muraasa booda garuu dhukaasa banuun konkolaachiftoota Leencoo, Batruu Tasfaayee, fi gargaaraa Habtaamuu jedhamu ajjeesan.
”Ani miila fi garaa koo irratti rasaasaan rukutame. Akka carraa ta’ee jiraattonni na argatanii gara kilinika, boodarra ammoo gara Hospitaala Abeet na geessan. Ji’a lamaaf hospitaala ciisee yeroo ammaa miidhaan miila bitaa koo irra ga’een wal’aansa argachaa jira,” jedhe.
Taatee kan biraatin, jiraataa ganda Warree Hulaa kan ta’e Geetaachoo Asaffaan Fulbaana 05, 2024 obboleessi isaa qonnaan bulaa ta’eefi hiriyyaan obboleessa isaa miseensota “Faannoo”tiin ajjeefamuu Addis Standard’tti himeera.
Qonnaan bultoonni lamaan kunneen bakka dheedichaa ganda sanaatti loon isaanii tiksaa osoo jiranii haleellaan irratti raawwatamee ajjeefamuu isaanii ibseera.
Jiraataa ganda Warree Gabroo kan ta’e Bayyanaa Tulluu taatee kan biraa Fulbaana 10, 2024 gandicha keessa mudateen barattoonni sadi hidhattoota miseensa WBO ta’uu isaanii ibseen ajjeefamuu hime. ”Namoonni sadan kun humnoota mootummaa waliin hidhata qabdu jedhamanii ajjeefaman,” jechuun ibse.
Taatee kan biraa Fulbaana 13 fi 20 bara 2024 walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi WBO hirmaachise keessatti namoonni dhuunfaa torba ajjeefamaniiru.
Jiraataan ganda Danyoo Wubansoo Tesfaayee Asaffaa (maqaan jijjiirame), Fulbaana 13, 2024 galgala tilmaamaan sa’aatii 4:00 irratti hidhattoonni obboleessa isaa ajjeesuun saawwan 100 saamuu Addis Standard’tti hime.
“Hidhattoonni gara mana keenya dhufanii, obboleessa koo Xilaahun alatti waaman. Achiis humnoota mootummaa waliin hidhata qabda jechuun itti dhukaasanii ajjeesan.”
Itti dabaluudhaanis torban tokko booda Fulbaana 20, 2024 humnoota mootummaa fi WBO gidduutti walitti bu’iinsi naannoo sanatti uumameen lubbuu namoota nagaa jaha galaafachuu himeera.
Addis Standard haleellaa fi miidhaa namoota nagaa aanaa Darraatti baatii Adoolessa fi Hagayya 2024 mudate bal’inaan gabaasaa tureera.
Taateewwan Addis Standard gabaase keessaa tokko Hagayya 27, 2024 aanaa Darraa ganda Jirruu Dadaatti haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin namoonni sadi ajjeefamaniiru.
Haleellaa kan biraa hidhattoonni Faannoo Adoolessa 24, 2024 raawwataniin ganda Iluu Goda Caffeetti namoonni sadi akka ajjeefaman Addis Standard gabaasuu ni yaadatama. AS