ODUUSIYAASA

Oduu: Abbaan Taayitichi dhaabbitni siivilii CARD “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaate” jechuun uggure

Finfinnee, Sadaasa 22/2024 – Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivikii Federaalaa dhaabbatni siivikii Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD) “siyaasa irraa walaba ta’uu osoo qabuu, kaayyoo isaatiin ala socho’uun gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaate” jechuun uggure. 

Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii xalayaa Sadaasa 14, 2024 Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivikii Federaalaa irraa ergameen dhaabbatichi akka ugurame hubachuu ibsa har’a Sadaasa 22 baaseen beeksiseera. 

CARD ibsa isaatin, gochaalee uggura kanaaf akka sababaatti eeraman “dhugaa irraa kan fagaate” jechuun ibseera. 

“Dhaabbanni keenya waa’ee adeemsa qorannoo uggura kanaaf akka sababaatti eerame ilaalchisee waan tokkollee kan hin beekne ta’uu ala,  murtiin kenname hojimaata seeraa barbaachisaa ta’e kan hin hordofne ta’uu ibsuu barbaanna,” jedhe. 

Itti dabaluun, “abbaan taayitichi waa’ee adeemsa qorannoo kanaa CARD’tti beeksisuun akka keessatti hirmaatu gochuun kan irra jiru ta’uus, kana hin goone. CARD kaayyoo isaatiin ala sochii kamiyyuu irratti akka hin hirmaanne fi dhimma siyaasaa irratti walaba ta’uu ibsu barbaada,” jedhe. 

Dhaabbatichi Adoolessa 24, 2019 eeyyama argachuun gara hojiitti erga seene kaasee dagaagina kabaja mirga namoomaa fi dimokiraasii irratti hojiiwwan hedduu hojjechaa turuu ibseera. 

Kanneen keessaa dhaabbilee biyyaalessaa fi idil-addunyaa 40 ol waliin ta’uun hojiiwwan lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’aman bira ga’an, sagantaalee fi hojiiwwan tarsiimowaa duudhaalee mirga namoomaa fi aadaa ummataa dimokiraatawaa guddisuuf gargaaran hojjechuu eereera.

Kana malees, gaazexeessitoonni fi lammiileen odeeffannoo gahaa akka argatan, yaada isaanii bilisaan akka ibsatan, akkasumas haala dijitaalaa nageenya qabu keessatti akka hirmaatan bilisummaa miidiyaa fi mirga dijitaalaa guddisuuf hojjechuu ibse.

Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD) yeroo ammaa kana murtoo uggura irratti darbee akka ka’uufi waldhabdeen uumame furmaata akka argatuuf  “hafuura wal tumsuu fi akkaataa seeraatiin” yaalii gochaa jiraachuu ibseera. 

Dhaabbatichi kanaan dura dhimmoota mirga namoomaa fi dimokiraasii ilaallatan hedduu irratti gabaasa bal’aa baasaa tureera. 

Rakkoolee dhiittaa mirga namoomaa godinaalee Gujii lamaan keessa jiru ilaalchisee gabaasa Waxabajjii 2024 baaseen gochaan humnoonni mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo raawwatan nageenya hawaasaa naannichaa booressuu ibseera. 

Kana malees bilisummaa intarneetii Itoophiyaa irratti qorannoo CARD gaggeesseen, Itoophiyaan bara 2023 qofa intarneetii cufuudhaan Dolaara biiliyoona 1.5 ol akka dhabde akeekeera. AS

Related Articles

Back to top button