ODUUSIYAASA

Oduu: ABUT beekamtiin Boordiin Filannoon kenne “haqamus haqamuu baatus faayidaa seeraa hin qabu” jedhe

Finfinnee, Guraandhala 15/2025 – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa galmeen ABUT haqamuu akka danda’u akeekkachiisa kenne hordofee paartichi deebii Guraandhala 7, 2017 ALI kenneen, “beekamtiin haqamuus haqamuu baatus, jalqabumaa kan hin turre waan ta’eef hiika seeraa hin qabu” jechuun ibseera.

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) “beekamtii seera qabeessummaa isaa haqamee ture akkaataa Waliigaltee Piritooriyaatiin akka deebi’u malee, akka paartii haaraatti galmaa’uuf gaafatee hin beeku” jedhe. 

Kanaaf, Boordiin Filannoo “adeemsa ABUT jalqaba irratti hin gaafanne, hin fudhanne, hojimaata seeraa idilee irratti hin hundoofne hordofaa jira” jechuun qeeqe.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa “ABUT dirqamoota ji’a jaha keessatti akka raawwatuuf itti kennamu raawwachuu dhabe” jechuun Guraandhala 06 irraa kaasee ji’oota sadiif sochii siyaasaa kamuu irratti akka hin hirmaanne ugguruu beeksisuu ni yaadatama. 

Paartichi yeroo kana keessatti “tarkaanfii sirreeffamaa” yaa’ii waliigalaa gaggeessuuf dandeessisan yoo hin fudhanne ta’e galmeen dhaabichaa kallattiin akka haqamu ibseera.

Gareen bakka bu’oota ABUT fi mootummaa dhimmicha irratti marii gaarii gaggeessaa akka jiran kan eere ibsi ABUT kun, osoo mootummaa Itoophiyaa waliin mariin gaariin gaggeeffamaa jiruutti “fageenya Boordiin Filannoo dhimmicha keessatti fudhachuuf deemu biyyaafis ta’e ummataaf bu’aa hin qabu” jechuun qeeqeera.

ABUT hojiisaa gaggeessuu fi akka dhaaba idileetti sochii kan eegale gaafa Boordiin Filannoo Hagayya 3, 2017 AI akka paartii haaraatti galmeesseera jedhe osoo hin taane, erga Waliigaltee Nageenyaa Piritooriyaa mallatteessee kaasee akka ta’e ibseera.

ABUT ibsa isaa keessatti akkaataa Waliigaltee Piritooriyaatiin beekamtiin seera qabeessummaa isaa akka deebi’u malee, akka dhaaba haaraatti galmaa’uuf gaafannee hin beeknu jedhe.

ABUT seera qabeessummaa isaa deebisiisuu irratti adeemsa dogoggoraa fudhatamaa jiru mootummaa Itoophiyaaf ibsuun mariidhaan dhimmicha furuuf yaalii gochaa akka jiru eeruun, gareen mootummaa Itoophiyaa fi dhaabicha of keessaa qabu ijaaramee irratti hojjachaa jiraachuu ibseera.

Maricharratti hubannoon gaariin kan argame ta’uu ibsuun, furmaata jiru hojiirra oolchuuf mariin gaggeeffamaa akka jiru ibsichaan eerameera. “Mariin jajjabeessaan mootummaa Itoophiyaa waliin taasifamu kun yeroo dhiyootti furmaata ni argata jennee amanna,” jedhe.

Waraana waggoota lamaan naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tureen walqabatee “sochii fincila keessa hirmaateera” jedhamuun beekamtii seera qabeessummaan isaa irraa muluqamee kan ABUT, Hagayya 03, 2016 ALI “haala addaatiin” galmaa’uu ni yaadatama.

Yeroos Boordiin Filannoo guyyaa xalayaan murtee galmeessa haala addaa of keessaa qabu paarticha qaqqabee kaasee ji’a jaha keessatti paartichi bakka taajjabdoonni boordii filannoo argamanitti yaa’ii waliigalaa akka gaggeessuus hubachiisee ture. AS

Related Articles

Back to top button