ODUUSIYAASA

Oduu: ABUT seenaasaa waggaa 50 keessatti amma “qormaata isa guddaa” keessa jiraachuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 17/2024 – Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) walgahii hoggansaa guyyoota 11f gaggeessaa ture xumuruu hordofee ibsa baaseen, seenaa paartichaa waggoota kurnan shanii darban keessatti rakkoolee keessoo guddaa fi ulfaataa ta’ee keessa seenuu ibse. 

Paartichi ibsa kaleessa baaseen torbeewwan dhufan keessatti yaa’ii paartii gaggeessuuf murteessuu beeksiseera. Hoggansi dhaabichaa yaa’iin gaggeeffamuuf karoorfame kun “paarticha bittinnaa’uu irraa baraaruuf” kan barbaachisu ta’uu hubachiisaniiru.

Ibsichi raawwii Waliigaltee Nagaa Piritooriyaaf kutannoo paartichi qabu cimsee hubachiiseera. Waliigaltichi “bu’aa qabsoo keenyaati” kan jedhe paartichi, kunis furmaata karaa nagaa galmaan ga’uuf sanada murteessaa ta’uu ibseera.

Haata’u malee, raawwii waliigaltee kanaa irratti harkifannaan jiraachuu kaaseera. 

“Koreen giddugaleessaa dhaaba keenyaa ergama ijoo isaa ba’uu fi bu’a qabeessa ta’een gaggeessuu irratti qormaata dhiheenya kana mudate ni hubata. Qormaatni kunneenis hanqina gochaalee dimokiraasii, loogummaa, fi malaammaltummaa kan dabalatudha,” jechuun ibsichi hubachiiseera.

”Furmaata adda baasuuf madaallii, qeeqa, fi qorannoo bal’aa taasifneerra. Jijjiirama bu’uuraa ummata keenyaaf malu geessuuf dandeettii qabnu cimsuuf qulqullina keessoo gadi fageenya qabuu fi sirreeffama barbaachisaa ta’e dabalatee, haaromsaaf kutannoo qabnu mirkaneessuu barbaanna,” jedha ibsichi.

Hoggansa paartichaa keessa waldhabdeen akka ture kan eere paartichi, “miseensonni tokko tokko dadhabina ummanni adda baase furuu didaniiru” jedhe.

Yaa’ichi rakkoolee naannicha keessatti waraana booda mudatan kaaseera. Waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisee fooyya’insi jiraatus dhimmoonni furmaata hin arganne akka jiran dhaabichi ibseera. 

Dhimmoonni kunneenis, adeemsa buqqaatota gara qe’ee isaanitti deebisuu harkifachuu fi daangaa Tigraay akka waliigalticha keessatti ibsametti guutummaatti hojiirra oolchuu dhabuu kan dabalatu ta’uu ibseera.

Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warrada ibsa jalqaba torbee kanaa kennaniin, adeemsa buqqaatota gara qe’ee isaanii deebisuu irratti harkifannaa kan mudate naannoo Lixa Tigraay keessa qubattoonni haaraa fi gareewwan hidhatan jiraachuu isaanii irraa kan ka’e ta’uu hubachiisaniiru. 

Gama naannoo Tigraay irraa qophiin kan jiru ta’uus, gama Amaaraatiin “hojii hin xumuramne” jiraachuu kaasan. AS

Related Articles

Back to top button