
Finfinnee, Muddee 30/2024 – Konkolaachiftoonni Naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaa keessatti argaman magaalattii keessatti hanqina boba’aa olaanaa mudachuu himan. Hanqinni kun kan maddu daldala boba’aa seeraan alaa babal’achuu isaatin ta’uu himu.
Konkolaachisaan konkolaataa fe’umsaa magaalaa Adaamaa keessa jiraatu tokko akka Addis Standard’tti himetti, boba’aan buufata boba’aa irraa argachuun ulfaataa ta’uu hima. “Guyyaa guyyaan boba’aan jiru gahaa miti ykn guutummaatti hin argamu,” jedhe.
Konkolaachisaan kun itti dabaluudhaan, “yeroo tokko tokko, boba’aa argachuuf hanga guyyaa sadii ykn torban tokkollee fudhachuu danda’a” jechuun ibseera. “Boba’aan buufataalee ala gabaa gurraachaan bal’inaan raabsamaa jira” jechuunis hime.
Jiraataan magaalaa Adaamaa kan biraa konkolaachisaan Bajaajii ta’es hanqina boba’aa cimaa magaalattii keessaa mudate Addis Standard’f mirkaneessee jira. ”Buufata boba’aa irraa boba’aa erga argachuu danda’e torban tokko ta’eera,” jedhe.
Jiraataan kun buufataaleen tokko tokko halkan naannoo sa’aatii 9:00 irratti boba’aa akka argatan hima. ”Ergasillee boba’aa argachuuf hanga guyyaa itti aanutti waaree booda sa’aatii 10:00tti tarree eeguuf dirqamna,” jechuun ibseera.
Boba’aa argachuuf konkolaachiftoonni tarree keessa bakka isaanii eeguuf halkan tokko buufata sanatti turuu fi eegumsaaf kaffaltii dabalataa kaffaluun dirqama ta’uu ibseera. Itti dabaluudhaanis, ”namni tokko guyyaa tokko yoo darbe ykn barfatee yoo dhufe buufanni sun ni cufama, karaan jirus boba’aa gabaa gurraacha irraa bitachuu qofa,” jedhe.
“Gabaa gurraacha irratti boba’aan yeroo baay’ee liitira lamaan gatii garmalee birrii 280 hanga 300tti gurgurama. Kanarraa kan ka’e konkolaachiftoonni gatii geejjibaa dabaluudhaaf dirqamaniiru. Fakkeenyaaf, karaan duraan birrii shan baasu amma birrii 10 baasisa.”
Hanqina boba’aa naannichatti mul’ate ilaalchisee Biiroon Daldalaa Oromiyaa ibsa Muddee 29, 2024 baaseen, “dhiyeessiin boba’aa gahaa ta’ee osoo jiruu, hojiiwwan seeraan alaa hanqina kana fidaa jiru” jechuun ibseera.
Hogganaa Itti aanaa Biirichaa Tasfaayee Geeshoo, boba’aan guddina diinagdee naannichaaf galtee murteessaa ta’uu cimsanii ibsuun, fedhii damee geejjibaa, maashinarii qonnaa, fi kanneen biroo boba’aa irratti hirkatan guutuuf dhiyeessiin boba’aa tasgabbaa’aa ta’e mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Biirichi namoota daldala boba’aa seeraan alaa keessatti hirmaatan irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuu beeksiseera.
“Godina fi aanaalee naannichaa hunda keessatti walta’iinsaan hojjechaa turre, sakatta’iinsaa fi hordoffii guyyaa guyyaa gaggeessaa turre,” jechuun Obbo Tasfaayeen ibsaniiru. “Sababa sakatta’iinsaa fi hordoffii kanaan namoota daldala boba’aa seeraan alaa keessatti hirmaatan 44 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa kan fudhatame yoo ta’u, gariin hidhaa hanga waggaa torbaa isaan eeggata,” jedhan.
Akka hogganaa itti aanaa biirichaa jedhanitti, bara bajataa kanatti ji’oota shanan jalqabaa keessatti boba’aa fi oomishaalee boba’aa seeraan alaa liitira kuma 226 ol to’annoo jala ooluu danda’eera.
Daldala boba’aa seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf Biirichi sirna daldala elektirooniksii hojiirra oolchuun hojii hordoffii fi to’annoo qindoomina qabu cimsuu akka itti fufu ibsaniiru. Daldalli boba’aa seeraan alaa dhimma biyya keessaa qofa osoo hin taane naannoo daangaatti babal’achaa akka jirus hubachiisaniiru. AS