DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Adaamaatti mormii diiggaa manneen jireenyaan walqabatee lubbuun namaa darbe 

Finfinnee, Adoolessa 04/2024 – Naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Bokkuu Shanan keessatti diiggaa manneen jireenyaa “seeraan ala” jedhamaniin walqabatee walitti bu’iinsa jiraattota fi qaamolee nageenyaa gidduu uumameen lubbuun namaa darbe. 

Akka jiraattoonni jedhanitti, taateen lubbuu namaa galaafate kun guyyaa Roobii Adoolessa 03, 2024 aanaa Torban Oboo jedhamu keessatti mudate. 

Jiraataan aanaa Torban Oboo taatee kan erge Addis Standarditti akka himetti, Roobii ganama barii sa’aatii 12:00tti konkolaataan doozariin gara Torban Obootti dhufuu hordofee namoonni karaa cufanii gochaa mana diiggaa kana mormuu eegalan. 

“Yeroo muraasa booda poolisiin karaa bansiisuuf dhukaasa baneen namoota torba madeesse. Namoota madaa’an keessaa lubbuun dubartii tokkoo darbuu mirkanaa’eera,” jedhe. 

Dubartii lubbuun dabarte dabalatee namoonni rasaasaan rukutaman poolisiin fuudhee gara Hospitaala Waliigalaa Adaamaa geessuu jiraataan kun himeera. 

Bulchiinsi magaalichaa manneen jireenyaa “seeraan alaa ijaaraman” jedhe diiguu erga jalqabee bubbuluu kan eeru jiraatan kun, jiraattoonni manni isaanii jalaa diigamees mormii fi iyyannoo dhageessisaa turuu himeera. 

Taatee ammaa kanaanis aanaa Torban Oboo keessatti jiraattonni manni isaanii jalaa akka hin diigamneef mormanii fi qaamolee nageenyaa karaa cufame bansiisuuf yaalan gidduu walitti bu’iinsi uumamee miidhaan qaqqabuu mirkaneesseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Jiraataan biraa Addis Standard dubbise akka jedhetti, bulchiinsi magaalaa Adaamaa manneen seeraan ala ijaaramaniiru jedhe akka diigu “doorsisaa turuu” himaniiru. “Kantiibaa magaalattii dabalatee aanga’oonni mariiwwanii fi waltajjii garaagaraatti manneen akka diigaman akeekkachiisaa turaniiru.” 

“Doorsiisni diiggaa manaa akkuma jirutti ta’ee jiraattoonni muraasa lafa kanarratti waggootaaf gibira kaffalaa akka turan ibsuun iyyannoo isaanii gara waajjira ministira muummee dabalatee waajjiraalee mootummaa federaalaatti galfatanii deebii eegaa turan,” jedhe. 

Diiggaan ammaa kunis iyyannoo jiraattonni mootummaa federaalaatiif galchan hordofee kan dhufe ta’uu kan himu jiraataan kun, “bulchiinsi magaalattii iyyannoo jiraattonni galchan kanatti mufachuun tarkaanfii kana fudhate fakkaata” jedhe. 

Yeroo ammaa kana diiggaan manaa fi mormiin jiraattotaas dhaabbachuu dabalee himeera. 

Dhimma kana ilaalchisee yaada akka laataniif Addis Standard poolisii fi waajjira bulchiinsa magaalaa Adaamaa qunnamuuf yaaliin taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button