ODUUSIYAASA

Oduu: Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen adeemsa marii biyyaalessaa keessaa bahuu beeksise

Finfinnee, Onkoloolessa 21/2024 – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa naannoo Somaalee keessatti marii qooda fudhattootaa gaggeessaa wayita jirutti, paartiin naannicha keessa socho’u Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) adeemsi marii kanaa “iftoomina hin qabu” jechuun lagachuu beeksiseera.

Dhaabichi ibsa kaleessa Onkoloolessa 20, 2024 baaseen, naannoo Somaalee keessatti paartiin biyya bulchu [Paartii Badhaadhinaa] “hirmaattoota marii kanaa qofaatti filachuu, waliigaltee paartilee siyaasaa waliin taasifame cabsuu fi sagalee jiru cinaatti dhiisuu” ibseera.

Kunis kaayyoo adeemsa marii biyyaalessaa, qooda fudhattoota walitti fiduun sababoota walitti bu’iinsaa hiikuuf gargaaru faallaa ta’uu ibse.

Kana malees, marii qooda fudhattoonni siyaasaa ijoo naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraay irraa itti hin hirmaanne fi haala walitti bu’iinsi itti fufee jirutti marii gaggeessuun “marichi loogummaa qabaachuu kan agarsiisuu fi nageenya dhugaa kan hin fidne” ta’uu ibseera. 

Komishinii Marii Biyyaalessaa irratti gaaffii iftoominaa yeroo ka’u inni kun kan jalqabaa miti. 

Baatii Caamsaa 2024 keessa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen, KFO fi ABO dabalatee paartilee mormitootaa gurguddoo 11 of keessatti kan hammate Kokasiin Paartilee Mormitootaa, Komishiniin Marii Biyyaalessaa “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchu raawwachiisaa jira” jechuun himate ture.

Kokasichi ibsa isaatin, komishinichi kaayyoo hundeeffameef galmaan ga’u irratti xiyyeeffachuu dhiisee “gargaarsa argachuuf hariiroo hawaasa addunyaa waliin qabu fooyyessuuf” akka itti fayyadamaa jira jechuun qeeqe. Itti dabaluun, “haalli kun adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hunda hammattummaa fi iftoomina akka hin jiraanne taasiseera” jedhe.

Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen ibsa kaleessa baaseen marii dhugaa, hunda hammatee fi iftoomina qabu, akkasumas Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa fidu irratti kutannoo akka qabu kan ibse paartichi, kun hanga mirkanaa’utti adeemsa amma jiru keessatti akka hin hirmaanne mirkaneesseera.

Kun kanaan osoo jiruu, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa naannoo Somaalee keessatti waltajjii marii qooda fudhattootaa gaggeessaa akka jiru ibseera.

Onkoloolessa 14-16, 2024 wiirtuuwwan Jigjigaa, Godee fi Doloo Adoo keessatti bakka bu’oonni hawaasaa 1000 ol mari’achuun ajandaa isaanii adda baasuu isaanii fi bakka bu’oota isaanii 100 filachuun marii qooda fudhattootaaf erguu komishinichi beeksiseera.

Bakka bu’oonni hawaasaa filataman 100 akkasumas paartileen siyaasaa, bakka bu’oonni mootummaa naannichaa, bakka bu’oota waldaalee fi dhaabbilee adda addaa kaleessa Onkoloolessa 20 irraa eegalee guyyoota sadiif walitti aansuun ajandaa isaanii irratti mari’achaa akka jiran ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button