ODUUSIYAASA

Oduu: Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden mootummaan Itoophiyaa ‘mirga heeraa uummata Somaalee sarbe’ jechuun himate

Finfinnee, Fulbaana 18/2024 – Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu waldhabdeen uumamuu hordofee gocha aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa naannoo Somaalee keessatti raawwachaa jiran “mirga heeraa” fi “waliigaltee nagaa bara 2018 mallatteeffame” cabsa jechuun yaaddoo qabu ibse.

Paartichi ibsa Fulbaana 18, 2024 baaseen, “jaarsolii, dubartoota fi miseensonni hawaasa Somaalee biroo televijiinii irratti bahanii eenyummaa Somaalee isaanii haaluun akka of salphisan dirqisiifamaniiru” jechuun himate.

Kana malees, “ololli maqaa fi alaabaan Naannoo Somaalee ni jijjiirama jedhu bahaa jira” jedhe.

Ibsi kun kan bahe tibbana jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni hawaasa naannoo Somaalee, “lammiileen Somaaliyaa waraana kan isaanii hin taane gara biyya isaanitti affeeruun naannawaa Gaanfa Afrikaa gara hokkoraatti akka hin galchine” hubachiisuu isaanii hordofeeti. 

Akka ONLF jedhetti, waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru hammaachaa dhufuu walqabatee Naannoo Somaalee keessatti “seera waraanaa hojiirra oolchuu dabalatee waraanaan guutamaa jira.”

Ibsichi Heera Mootummaa Itoophiyaa keewwata 39 kan mirga hiree murteeffannaa saboonni Itoophiyaa keessa jiran ibsu eereera. “Mootummaan Itoophiyaa bu’uura walqixxummaa lammiilee isaa hundaaf ta’u kabachiisuu qaba, garee tokko dantaa warra kaanirra dhaabbatee aangoo dhuunfatu jiraachuus hin qabu,” jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa “mirga uummata Somaalee heerri mootummaa isaan goonfachiise akka kabajuu fi haalota waliigaltee nagaa [bara 218 mootummaa Itoophiyaa fi ONLF gidduu mallatteeffame] akka eegu” hubachiiseera.

Dhaabbatichi kana raawwachuu dhabuun “naannicha nagaa fi tasgabbii dhabsiisa” jechuun akeekkachiiseera. 

Guyyoota muraasaan dura ONLF ibsa baaseen, haasawaa Ajajaan Waliigalaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa tibbana waa’ee paartichaa dubbatan jedhame “cimsee kan balaaleeffatu” ta’uu ibsuu ni yaadatama. 

Ibsi ONLF kun suur-sagalee marsaa odeeffannoo yuutubii ‘Ethio Forum’ jedhamutti Fulbaana 08, 2024 tamsa’e irratti Fiildi Maarshaal Birhaanuun, ONLF “diina Itoophiyaa Masriidhaan uumame” jedhanii dubbatan jedhame eereera.

Paartichi ibsa isaatiin, haasawaan Fiildi Maarshaal Birhaanuu taasisan jedhame kun “bu’uura kan hin qabne” fi “haleellaa amanamummaa fi seera qabeessummaa ONLF irratti xiyyeeffate” jechuun ibse. AS

Related Articles

Back to top button