Af-gaaffii: “Yuunivarsitiin Finfinnee dhaabbata sooreessota qofa hin ta’u” – Dr. Maatiwoos Hinsarmuu, Pireezidaantii Itti-aanaa Yuunivarsitii Finfinnee
Finfinnee, Hagayya 28/2023 – Manni Maree Ministeerotaa murtee guddaa dabarseen Yuunivarsitiin Finfinnee waggaa shantama booda yuunivarsitii jalqabaa ofiin of bulchu ta’eera. Murteen barbaachisaa kun kan dhufe erga Ministeerri Barnootaa yuunivarsittiiwwan dhaloota jalqabaa 10 waggoota aananii dhufan lama keessatti ofiin akka of bulchan murtee dabarseetti aaneeti.
Kanaan walqabatee, Yuunivarsitiin Finfinnee haala barattoota digrii jalqabaa ittiin galmeessu geeddaruusaa ibseera. Bara 2016 ALI eegalee yuunivarsitichi barataa digrii jalqabaa dorgomsiisee kan fudhatu ta’uu ibseera. Akkasumas, barattoota maallaqaan baratan haala adda ta’een galmeessa jedheera.
Jijjiiramoota yuunivarsitichi of dura gaggeessuuf jiru biroo irratti gaazexeessaan Addis Standard Zalaalam Taakkalaa pireezidaantii itti aanaa yuunivarsitichaa Dr. Maatiwoos Hinsarmuu, kan waggoota 18 darbaniif bulchiinsa yuunivarsitichaa keessa tajaajilan wajjiin af-gaaffii taasiseera.
Addis Standard: Murteen koree ministeerotaatiin yuunivarsitiin Finfinnee yuuinvarsitii ofiin of bulchu jalqabaa ta’eera. Faayidaan jijjiirama kanaa maal ta’a, dhiibbaan inni uumuu hoo maali?
Dr. Maatiwoos: Jijjiiramni kuni faayidaalee guddaa yuunivarsituchaaf qaba. Akkuma dhaabbilee mootummaa kan hogganaman kan akka daandii xiyyaara fi Teeleekoomii Itoophiyaa koree gaaggeessitootaa cimaa fi gaggeessitoota gahumsa cimaa qaban ijaaruun bu’aa gaarii fida.
Carraan yuunivarsitii Finfineetiif kenname kuni koree gaggeessitootaa cimoo ijaaruu fi itti gaafatamaa cimaa ijaaruudhaan dorgommii biya keessaa fi alatti dorgomaa akka taanu nu taasisa.
Ofiin of bulchuun hojjattota qacaruu dabalatee karooraa fi hojiimaata kaayyoo yuunivarsitichaa wajjiin wal simatu mataa keenyaa akka bocannu nu gargaara. Kana malees, iskeelii mindaa mataa keenyaa baafachuun barsiisota ciccimoo qacaruun dorgomaa akka taanu nu taasisa.
Barattoota biyyattii ramadduuf mootummaarraa kennaa maallaqaa kan argannu yoo ta’u maallaqa kana akkamitti akka fayyadamnu ofii keenyaa murteeffanna.
Dabalataan, kaayyoo modeelii biizinasii yuunivarsitichaa kan akka dhaabbata gorsaa fi hospitaala dhuunfaa ijaaruu dhugoomsuuf gargaara.
Hojiin misoomaa kunneen osoo jiranii galiin hojii kanneen irraa argamu tajaajila yuunivaraitichaa ijoo irra oolchuun guddinaa fi gahumsa guddisuuf oola.
AS: Piroofesar Xaasaw Waldahannaa ibsa dhiyeenya kennan irratti bara dhufuurraa eegalee qormaata seensa qofa irratti hundaa’a jedhaniiru. Qormaanni kuni akka biyyaatti akkamitti kennama?
Dr Maatiwoos: Kaayyoon keenya barattoota gahumsa qaban qofa galmeessuudha. Galmeen qormaata urratti hundaa’e gaggeessuun walabummaa nuuf kennameen walqabata. Kanaan dura ministeera barnootaatu barataa ramada ture. Barattoonni kunneen keessaa hammi ta’e gahumsa kan qaban ta’us isaan hafan gahumsa barbaadamu hin guutan ture.
Kaayyoon keenya barattoota gahumsa qaban qofa galmeessuudha. Murteen kuni imaammata ministeera barnootaa kan akka qormaata bahiinsaa wajjiin kan wal simatu ta’uun beekamuu qaba. Karoora bal’aa kanaan akka wal simatutti hojjanna.
Dhiyeessi meeshaatiin (loojistikii) walqabatee filannoowwan adda addaa barbaadutti jirra. Barattoonni naannolee hunda keessa jiran haala mijataa ta’een akka qoramaniif yuunivarsitiiwwan biroo fayyadamuufis yaadaa jirra. Kana malees, haqummaa qormaatichaa intarneetiidhaan to’achuu yaadaa jirra.
AS: barattootta maalaqa kaffalanii baratan haala adda ta’een galmeessuun walqabatee dhaamsi yuunivarsitichi dabarse xiyyeeffannoo guddaa argateera. Yuunivarsitichi dureeeyyiif qofa fudhachuu yaadeeti komiin jedhu dhagahamaa jira. Komii kana akkamitti ilaaltu?
Dr Maatiwoos: Labsiin dhiyeenya bahe dhimma kanarratti ofiin akka murteeffannu ibsa. Haa ta’u malee, Yuunivarsitiin Finfinnee dhaabbata maallaqa sassaabachuuf dhaabbateetti hin jijjiiramu. daneessuummaa irratti xiyyeeffachaa turreerra ammas kana gochuu ittuma fufa.
Jalqabarratti, barataan qormaata kutaa 12 milkaa’inaan xumure kamiyyuu qormaata seensaa fudhachuu ni danda’a. Barattoonni kunneen baajata mootummaatiin baasiin isaanii uwwifama. Barattoonni maatii sooreessaa keessaa hin dhufne karaa kanaan hammatamu.
Dabalataan, barattoota dandeettii addaa qaban iskoolaarshiippiidhaan fudhachuuf karoorfaneerra. Galiin barattoota maallqa kaffaliin baratan irraa argamu iskoolaarahippii kanneeen gargaaruuf oola. Sabdaneessummaa mirkaneessuuf iskoolaarshippiii damee adda addaa kan akka barattoota shamarranii, barattoota hir’ina qaamaa qabanii fi paakeejii adda ta’an biroo of keessaa qaba.
Dhimmi barattoota maallaqa kaffalanii baratanii dhimma amma eegalamee miti. Barattoota kaffalanii barqtnii fi dhaabbilee garaagaraatiin deeggaraman akkasii duras qabna.
Dhaabbileen dhuunfaa baasii barnootaa guddaa gaafatan jiraachuu ni beekna. Barattoonni hedduu erga sadarkaa lammaffaa xumranii booda barnoota sadarkaa addunyaa barachuu barbaadu. Walabummaa arganne kana fayyadmuun Yuunivarsitii Finfinnee yuunivarsitii biyya keessaa dorgomaa ta’uu barbaada. Xiyyeeffannoon keenya barnoota sadarkaa addunyaa kan Awurooppaa fi Ameerikaatti kennamu wajjiin dorgomuudha. Meeshaalee barnootaa fi barsiisotarratti hojjachuun hawwiin kuni gqlma ni gaha. Kaayyoon keenya sabdaneessummaa fi qaqqabamaa ta’ee baasii idiladdunyaa gadi ta’een baumsa sadarkaa idiladdunyaa eeggatee dhiyeessuudha.
AS: Walabummaa argachuun keessan rakkina qulqullina barnootaa jiru furuuf akkamitti isin fayyada?
Dr. Maatiwoos: Ilaalcha dogoggoraa rakkinni qulqullina barnootaa ogummaa dhabummaa madda irraa madda jedhu baay’inaan jira. Rakkoon kuni madda rakkoo kanaa garuu miti. Biyyoota guddachaa jiran kan akka keenyaa keessatti yuunivarsitiiwwan barattoota baay’ee fudhatan rakkoo baajataa irraa kan ka’e mindaa barsiisotaa xiqqeessuu fi hir’ina meeshaalee barnootaatiin rakkatu. Kuni hundee rakkinichaati.
Ofiin of bulchuu keenyaan maallaqa guddaa omishuu dandeenya. Kunimmoo barattoota keenyaaf barattoota keenya caalaatti akka tajaajillu nu gargaara. Barsiisaan mindaa gaarii argatu sirriitti barsiisuun beekumsa qooduurratti xiyyeeffata. Akkuma beekamu mindaan isaanii xiqqoo waan ta’eef barsiisonni keenya altokko hojii baay’ee hojjatu. Kunimmoo feshii barsiisuu qaban bittinneessa. Of danda’uu keenyaan rakkoo kana ni furuuf kayyeefanneerra.
Kaayyoo kana galmaan gahuun yeroo fi baajata itti fufaa kan barbaadu ta’us kana dhugoomsuun xiyyeeffannoo keenya isa jalqabaati. Dhaabbileen akka Yuunivarsitii Finfinnee muuxannoo barbaadamu ni qabu jedheen amana.
Hir’nni qabnuu fi qulqullina barnootaa irratti dhiibbaa kan uumu hir’ina baajataati. Qulqullinni kan dhufummoo gatii baasuudhaani. AS