Oduu: Affaaritti namoonni sababa kikira lafaan buqqa’an iddoo itti qubatan ‘balaa waan qabuuf’ gara iddoo biraatti dabarfamuufi

Finfinnee, Guraandhala 03/2025 – Naannoo Affaaritti namoota dhiyeenya kana sababa kirkira lafaatin buqqa’an iddoon itti qubatan “bakka balaa guddaa qabu” jedhamuu hordofee, namoonni achitti qubatan gara bakka haaraa aanaa Amibaraatti qophaa’etti akka geeffaman murtaa’eera.
Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) qindeessitoota kilaastara IASC fi michoota waliin ta’uun gabaasa haaraa baaseen, “ogeeyyiin Yuunivarsiitii Samaraa fi Yuunivarsiitii Finfinnee bakkeewwan jalqabaa qubannaaf qophaa’an naannoowwan balaadhaaf saaxilaman ta’uu isaanii mirkaneessaniiru” jedhe.
Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhutti, bakkeewwan kunneen hojii irraa kan haqaman yoo ta’u, namoonni baqatan gara “bakka nageenya qabutti” ni jijjiiramu.
“Kilaastarri Qindoomina Kaampii fi Bulchiinsa Kaampii (CCCM) eenyummaa hawaasaa fi lafa jiru irratti hundaa’uun tarsiimoo deebii kennuu wixineessee jira,” jechuun dhaabbatichi ibseera.
Itti dabaluun, “gareen deebii naannoo irratti hundaa’e bobbaasuuf karoorri hojjetamaa jira, kunis jalqaba irratti furmaata itti fufaa ta’e kennuudhaan naannoo waliigalaa keessatti tajaajila barbaachisoo ta’aniif iddoowwan mijatoo ta’an adda baasuudha” jedhe.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gabaasa isaa Amajjii 31, 2025 maxxanfame keessattis namoota naannoo balaa guddaa qaban irraa buqqa’an bakka biraatti jijjiiruun adeemsa irra jiraachuu mirkaneessee jira.
Dhaabbatichi Giddugala Hojii Hatattamaa Biiroo Fayyaa Naannoo Affaar fi daawwannaa iddoowwan kanneenitti taasifame wabeeffachuun akka gabaasetti, iddoowwan Buqqaatota Biyya Keessaa (IDP) yeroo ammaa daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e 6,229 fi dubartoota ulfaa fi harma hoosisan 1,575 dabalatee namoota dhuunfaa 54,636 (maatii 9,106) keessummeessa.
“Naannoon kun weerara koleeraa, ho’a qaamaa, fi busaa dabalatee—akkasumas hanqina nyaataaf saaxilamaadha,” jedha gabaasni kun. “Kaampii buqqaatota kun naannoo koleeraan miidhametti kan argamudha.”
Kirkirri lafa naannolee Affaar, Oromiyaa, fi Amaaraa keessatti maatii buqqisuu itti fufee jira. Mudde 21 irraa eegalee kirkirri lafaa 232 kan galmaa’e yoo ta’u, inni cimaan guddina 5.7 gaheera. Haa ta’u malee, kirkirri lafaa kun dhiheenya kana gadi bu’uu agarsiiseera.
Akka gabaasa Addis Standard tibbana baaseen, namoonni dhuunfaa kuma 55 ol ta’an bakka qubbannaa yeroof seenanii kan jiran yoo ta’u, godina Gaabii Raasuu aanaa Dulasaa fi Awaash Fantaalleetti kirkira lafaa irra deddeebiin mudateen qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gargaarsa namoomaa argachaa jiru.
Buqqa’iinsi kun namoota 10,000 naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa kan Affaar waliin daangessu, fi namoota 20,000 naannoo Oromiyaa keessatti miidhaman ni dabalata.

OCHA’n aanga’oota naannoo Oromiyaa wabeeffachuun akka gabaasetti, kirkirri lafa itti fufuun naannichatti namoonni dabalataan kuma 10 ta’an baqqa’uu kan danda’an ta’uu ibsameera. Kunis walumaagalatti lakkoofsi namoota Oromiyaa keessatti bakka biraatti geeffamaa jiran tilmaamaan kuma 30tti ol guddiseera.
Madaalliin dhiibbaa kirkira lafaa tibbana naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti gaggeeffame akka mul’isutti, hawaasni walitti bu’iinsaa fi hongee dabalatee rakkoolee biroo dandamachuuf fedhiin gargaarsi namoomaa naannoo sanaa cimaa ta’ee itti fufee jira.
OCHAn odeeffannoo yeroo dhiyoo baaseen Oromiyaa keessatti lakkoofsi isa guddaan ammallee iddoo qubatan gahaa akka hin arganne cimsee kan ibse yoo ta’u, rakkoon kun “mana jireenyaa nageenya qabu yeroof ta’u kennuudhaaf deebii gahaa dhabuudha” jechuun ibseera.
Hanqinni kun kan madde lakkoofsi maatii buqqa’an dabalaa dhufuu isaatiin yoo ta’u, jalqaba irratti 3,502 ture amma gara 5,500tti ol guddateera.
“Hanga har’aatti Oromiyaa keessatti maatiin 1,857 deeggarsa qubannaa hatattamaa gartokkeen isaanii pilaastikii fi gam biraatiin lafa ta’e, Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaan kenname argataniiru,” jechuun OCHAn ibseera. “Kana malees, naannoo Affaaritti maatiin 533 sababa hanqina meeshaaleetin gargaarsa malee hafaniiru.” AS