Oduu: Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan

Finfinnee, Amajjii 11/2025 – Barattoonni Muslimaa kutaa 12ffaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.
Barattoonni kunneen Addis Standard’tti akka himanitti, manneen barnootaa magaalattii hijaaba yoo ofirraa baasan malee qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne isaan dhorkan. Kunis seera amantaa isaanii kan cabsu ta’uu himan.
Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko maqaa yaada Addis Standard’tti laatteen, “Amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.
Barsiisaan magaalaa Aksum irraa Addis Standard dubbise tokko, galmeen barattoota idilee kutaa 12ffaa qaamaan gaggeeffamu torban darbe xumuramuu isaa mirkaneesseera. Haa ta’u malee, galmeen karaa manneen barnootaan toora intarneetii irratti gaggeeffame ifatti kaleessa sa’aatii 10:00 xumuramuu hime.
Barattoonni kunneen uggura hijaabaa kun “mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname cabsa” jedhanii mormaa turaniiru.
Barreessaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Tigraay Haaji Mohaammad Kahsaay uggurri kun barattoota Musliimaa kutaa 12ffaa haala hamaan kan miidhu ta’uu kanaan dura Addis Standard’tti himanii turan.
Barattoonni Musliimaa kutaa 12ffaa Aksuum keessa jiran tilmaamaan 160 ta’an sababa hijaaba isaanii baasuu diduu isaaniitiin qormaata biyyoolessaaf galmaa’uu kan dhorkaman ta’uu barattoonni Addis Standard dubbise himaniiru.
Barattoonni kunneen dabalataan barsiisonni tokko tokko sababa hijaaba uffachuu isaaniitiin arrabsoo afaaniin isaanirra geessaa jiraachuu himan.
“Uggurri hijaabaa kun kallattiin egeree barnootaa keenya balaadhaaf saaxilaa jira. Abjuun keenya yunivarsiitii barachuu daran badaa jira,” jechuun barattuun kan biraa ibsiteetti.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay jalqaba torban kanaa ibsa kenneen, guyyoota sadii keessatti uggurri hijaaba kun furmaata yoo hin arganne “tarkaanfiiwwan nagaa qabeessa dabalataa hawaasa musliimaa waliin mari’achuun” akka fudhatu akeekkachiisee ture.
Boodarra manni marichaa uggura kana irratti tarkaanfii seeraa eegaluu isaa ibsuun, Biiroon Barnoota Tigraay ibsa kennuu bira darbee tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachuu dhabuu isaa qeeqeera. AS