ODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaa dabalatee biyyoota fi dhaabbileen garagaraa ‘Waliigaltee Ankaaraa’ akka deeggaran ibsan 

Finfinnee, Muddee 13/2024 – Gamtaa Afrikaa fi Ameerikaa dabalatee dhaabbilee fi biyyoonni addunyaa hedduun Waliigaltee Ankaaraa Muddee 11, 2024 Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gidduutti mallattaa’e jajaniiru.

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faaqi Mahaammat, waliigaltee kana “tarkaanfii barbaachisaa itti gaafatamummaa olaanaa qabu” jechuun kan jajan yoo ta’u, qaamoleen waliigalticha mallatteessan osoo hin tursiisin akka hojiirra oolchan cimsanii hubachiisaniiru.

Gamtaan Awurooppaa ammoo waliigaltichi ”waldhabdee Gaanfa Afrikaa keessatti mul’atu tasgabbeessuu keessatti walkabajaa fi mariin akka barbaachisu” kan agarsiisu ta’uu ibseera. Kana malees, “tokkummaa, birmadummaa fi tokkummaa daangaa” biyyoota lamaanii akka deeggaru ibseera.

Ameerikaan gama isheetin waliigaltee kana “birmaadummaa, tokkummaa, walabummaa fi tokkummaa daangaa biyyoota lamaan” kan mirkaneessu ta’uu ibsiteetti. Kana malees, “marii teeknikaa Itoophiyaan faayidaa dinagdee waloof ulaa galaanaa amansiisaa, nageenya qabuu fi itti fufiinsa qabu akka argattu dandeessisu” eegaa akka jirtu ibsiteetti.

Mootummaa Yunaayitid Kingidam waliigaltee kana ”tarkaanfii tumsa, tasgabbii, misoomaa fi badhaadhina waloo Gaanfa Afrikaa keessatti guddisuuf fudhatame” jechuun deeggarsa isaa ibseera.

Akkaataa ‘Waliigaltee Ankaaraa’ Muddee 11, 2024 marii haala mijeessummaa Pirezidaantii Turkiyee Rasiip Tayip Erdohaaniin Ankaaraatti gaggeeffame hordofee mallattaa’een  biyyoonni lamaan birmadummaa fi tokkummaa daangaa walii kabajuuf waliigalaniiru.

Waliigalteen mallatteessan, “garaagarummaa fi dhimmoota falmisiisaa ta’an dhiisuuf waliigalleerra” jechuun biyyoonni lamaan badhaadhina waloof tumsaan akka hojjetan waliigaluu isaanii ibsa. 

Kana malees, akkaataa waliigaltee kanaan haala tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabajeen, Itoophiyaan ulaa galaanaa kan argattu ta’a.

Waliigalteewwan gam-lamee haala Itoophiyaan karaa Somaaliyaatin ulaa galaanaa itti argattu ilaallatan xumuruu dabalatee mariin teeknikaa Guraandhala 2025tti eegalamee ji’oota afur keessatti xumuramu akka jiraatu waliigalticha irratti eerameera.

Waliigaltichi gumaacha loltoonni Itoophiyaa Ergama Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa keessatti taasisaniif beekamtii kenneera. “Somaaliyaan wareegama loltoonni Itoophiyaa kaffalaniif beekamtii kenniti,” kan jedhu waliigaltichi, gadi fageenya walta’iinsa isaanis cimaa ta’uu ibse.

Jalqaba bara kanaa Itoophiyaan naannoo Somaaliyaa irraa adda baatee of bulchuu labsite Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa malleessuu hordofee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu waldhabdeen uumame. 

Itoophiyaan walabummaa Somaalilaandiif ifatti beekamtii kennuun ulaa Galaana Diimaa argachuuf waliigaluun ishee Moqaadhishoo biratti ija gaariin hin ilaalamne. Somaaliyaan tarkaanfiin kana akka “birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa cabsuutti” ilaalte. AS

Related Articles

Back to top button