ODUUSIYAASA

Oduu: Arsiitti haleellaa raawwatameen Qeesii tokko dabalatee namoonni jaha ajjeefaman

Finfinnee, Hagayya 17/2024 – Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Asakootti haleellaa Kibxata darbe raawwatameen Luba ykn Qeesii tokko dabalatee namoonni jaha ajjeefamuun, sadi biroo madaa’an.  

Jiraataan aanaa Asakoo maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standard’tti akka himetti, haleellichi Hagayya 13, 2024 ganda Tijoo jedhamu keessa kan raawwatame. 

Namni Addis Standard dubbise kun, haleellaa kana kan raawwatan miseensota garee hidhattootaa “Shanee” jechuun waamu, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta’uu hime.

Namoota ajjeefaman kunneen abbaa amantii Mana Amantaa Ortodoksii Qulqulluu Gabri’eelii Talaaltuu kan ta’an Luba Balaaynah Maammoo, akkasumas Gazaahany Mangistuu, Gabayyoo Tsaggaayee, Mabraatuu Fiqree, Abbabaa Fiqree, fi Admaasuu Taaddasaa kan jedhaman ta’uu maddi odeeffannoo kun ibseera.

Dabalataan, namoonni sadi biroo haleellaa kanaan madaa’uu himeera. 

Kana malees, haleellaa kanaan manneen jireenyaa hedduu barbadaa’uu fi qabeenya beeyladaa kanneen akka loonii fi hoolaa dabalatee bal’inaan saamicha akka raawwatame eereera.

Jiraataan ganda Tijoo kan biraa gama isaatin haleellaa kana mirkaneessuun, rakkoo nageenyaa naannichatti irra deddeebiin mudatu itti fufuun walqabatee yaaddoon nageenyaa jiraachuu Addis Standard’tti himeera. 

”Walakkaan gandichaa humna shaneetiin to’atame jira. Walakkaa isa kaan ammoo humnoonni mootummaatu qabatee jira,” jechuun jiraataan kun ibseera.

Itti dabaluudhaanis, haleellaa kana hordofee namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an hedduun bataskaana Qulqulluu Mikaa’elitti qubachuu himeera. ”Daa’immanii fi maanguddoonni hanqina nyaataa fi qorichaatiin rakkachaa jiru,” jedhe.

Gandicha keessatti humnoonni poolisii naannichaa jiraatanis, haalli nageenyaa ganda Tijoo ammallee yaaddeessaa ta’uu jiraataan kun dubbateera.

Godina Arsii keessatti haleellaan akkanaa yeroo raawwatamu kun kan jalqabaa miti. 

Sadaasa bara 2023, godina Arsii aanaa Shirkaa keessatti haleellaa raawwatameen hordoftoonni amantaa Ortodoksii 36 hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haleellaa kanaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan himate yoo ta’u, dubbi himaan WBO garuu himannaa irratti dhiyaate haaleera. AS

Related Articles

Back to top button