DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Baajata bara dhufuuf  ramadame sassaabuuf mootummaan sirna gibiraa jijjiiruu karoorfate

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2024 – Baajannii bara dhufuu maallaqa Tiriliyoona tokko ramadamuu hordofee mootummaan galii maallaqa dabalataa birrii biliyoona 92.5 sassaabuuf sirna gibiraa jijjiiruuf ta’uu himameera. Wiixineen baajataa kuni Waxabajjii 11, 2024 mariidhaaf gara koree dhaabbataatti qajeefameera.

Akkaataa wixinee labsii kanaatiin, maallaqni birrii biliyoona 971 ta’uu baasii mootummaa federaalaaf kan oolu ta’uu ibsameera. Akkasumas, maallaqni biliyoona 238 baasii kaappitaalaa, 452.3 baasii dhaabbataa, 222.7 mootummaalee naannoo deeggaruuf, kan oolu ta’a.

Ministeerri faayinaansii Ahmad Shidee ibsa mana mareetiif kenneerratti, maallaqa biliyoona 92.5 walitti sassaabuuf karoorafchuu ibseera. Kana gochuuf sirna gibiraa ture jijjiiruufi haaraa kan eegalamu ta’uu eereera.

Mootummaan federaalaa galii gibirarraa argamu maallaqa biliyoona 502 argachuuf karoorfateera. Akkasumas, maallaqa birrii 61.4 ta’u galii gibiraan la ta’an irraa sassaabuufi maallaqa deeggarsaa birrii biliyoona 49 argachuuf karoorfateera. Hir’inni baajataa birrii biliyoona 358.5 harki caalu (90%)  liqii biyya keessaa irraa argama jedhame.

Haa ta’u malee, ammas taanaan galiin gibirarraa argamu harka 51.7 ta’uun madda galii ijoodha.

Gibira haaromsuun maaliif akka barbaachise Ahmad Shidee kaleessa dubataniiru. Waggoota darban keessa sababoota hokkoraa, warshaaleeen barbadaa’uufi wahiillan misoomaa gargaarsa dhaabuutiin walqabatee galiin mootummaa garmalee gadiaanaa ta’uu eereera.

Kanaan walqabatee, galii karoorfamuufi hanga sassaabamu gidduu garaagaraummaan jiraachu dubbateera. Bara baranaa mootummaan galii galii gibiraarraa maallaqa birrii biliyoona 440.2 walitti qabuu karoorfatee ture. Ji’oota saglan darban keesssa birrii biliyoona 313.9 (71.2%) walitti qabameera.

Maallaqni birrii biliyoona 33 ta’u hin sassaabamne. Galiin gibiraa federaalaa gadi bu’uun baajaryta naannoleef hiramuun kan walqabatu ta’uus Ahmad dubbateera. Akka sanadni baajataa ji’oota saglan darban keessa maallaqni birrii biliyoona 54.3 naannoleef qoodamuu eerameera. Kuni kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamu harka 26 dabaleera.

Galii gibiraa olkaasuuf meeshaalee kanaan dura gibirri itti hin kaffalamnerratti gibira haaraa kan kaa’amu ta’uu Ahmad eereera. Gabaa dijitaalaa irratti gibirri haaraa ni kaa’ama jedhamee eegama.

Kaabineen ministeerotaa wixinee labsii kana raggaasisuu hordofee wixineen labsicha kuni sadarkaa xumuraatiif koree dhaabbii mana marii ministeerootaaf qajeelfameera. “Wixineen labsii kuni ni raggaasifamee bara dhufuu hojiirra oola abdii jehdu qabna,” Ahmad Shideetu jedhe.

Mootummaan federaalaa sirna gibiraa haromsuuf karoorfateera. Meeshaalee akka akoolii dhugaatiirratti gibira dabaluu of keessaa qaba. Bara dgufutti sirni gibiraa haarra “gibira magariisa” jedhamu hojiirra kan oolu ta’a.

Sirni gibiraa kuni faayidaalee lama qaba. Konkolaattota boba’aan hojjatan irra kaa’amuunsaa gadilakkifamuu kaarboonii hir’isuufi galii gibiraa konkolaataarraa argamu ol kaasuudha.

Akkasumas, gibrri haaraa gibira qabeenyaa jedhamu bara dgufu hojiirra ni oola. Murteen manni marii bakka bu’oota ummataafi manni marii federeeshinii Amajjii 2023 keessa dabarseen mootummaan naannoleefi magaalotaa gaibiraa qabeenyaa ni kan sassaaban ta’a.

Kuni akkanaan osoo jiruu, miseensonni mana marichaa baajanni karoorfame kuni galma ni gaha yaada jedhurratti mormii kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Nageenyarratti xiyyeefatamee hojjachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Miseensonni biroommoo sababa malaammaltummaafi rakkoo bulchiinsaatiin qisaasa’inni baajataa ni mudata sodaa jedhu kan qaban ta’’uu himaniiru. Miseensi paarlaamaa tokko akkaataa hojiirra oolmaa baajataa kuni karaa itti gaafatamummaafi iftoomina qabuun hojiin yoo oola malee galii guddisuun qofti gahaa miti jedheera. AS

Related Articles

Back to top button