DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa bara kanaa Waxabajjii 22 gaggeeffamuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2024 – Badhaasni Haacaaluu Hundeessa marsaa sadaffaa bakka kaadhimamtoonni fi keessummoonni argamanitti Waxabajjii 29, 2024 kan gaggeeffamu ta’uu koreen qindeessituu badhaasichaa beeksise.

Kaayyoon Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa artistootaa fi namoota ogummaa aartii keessa jiran badhaasuun artistoota lafaa dhufan jajjabeessuu fi beekamtii kennuu ta’uu korichi ibseera.

Badhaasni kuni bara darbe qabiyyeewwan gosa 11 artistoota dorgomsiisee badhaasee kan ture yoo ta’u bara kana immoo weellistoota, barreessitootaa, shubbistootaa fi ogeeyyii warraabbii fi gulaallii suur-sagalee dabalatee qabiyyeewwan 11 moo’attoota badhaasuuf qophaa’ee kan jiru ta’u korichi dabalee addeesseera.

Dorgommii kanarratti kan hirmaatan weellistootaa ol dhufaa jiranii fi namoota ogummaa kana duuba jiraniidha. Sirbooni dorgoommif dhihaata Bitootesaa 22,2015 ALI hanga Bitootesaa 21,2016 ALI kan bahan marsaa lamaaf ogeessotaan erga calalamanii booda sirboota filatamoon shan filannoo uummataaf kan dhiyaatan ta’a.

Sagaleen filannoo uummataa 10% yoo ta’u 90% murtee abbootii abbootii seeraa  ta’a. Weellistoota haaraa kan kanaan dura gosa lamaan ture gara damee waliigalaa tokkotti jijjiiramee jira. Dhiiraa fi dhalaanis bakka tokkotti dorgoomu

Akkasumas, dameen weellisaa cimaa fi weelliftuu cimtuu waggaa kan bara darbee, warra buleeyyiif qofaaf ture bara garuu weelliftoonni hojii haaraa qabatanii dhufan hundi kornayaa dhiiraa fi dhalaatti adda bahanii kan dorgoman ta’a.

Dorgommii badhaasa Haacaaluu Hundeessaa bara darbe Waxabajjii 29, 2023 Finfinnee Hoteela Iskaaylaaayitiitti gaggeeffamee ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hawaasni karaa marsariitii hawaasaa Haacaaluu Hundessaa Faawundeeshiniitiin artistii akka moo’atu barbaadu eeruu kan danda’u ta’uun ibsameera.

Dhaabbanni Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa gargaarsa namoomaa dabalatee piroojiektiiwwan garaagaraa gaggeessaa tureera. Haati manaa Haacaaluu Hundeessaa kan turan Aadde Kiyyaa Damissee hoggantuu dhaabbatichaati. AS

Related Articles

Back to top button