DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Balaa sigigachuu lafaa godina Goofaatti mudateen lakkoofsi namoota du’an 157 gahe

Finfinnee, Adoolessa 23/2024 – Naannoo Kibbaa Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Kennichoo Shaachaatti balaa sigigaachuu lafaa Adoolessa 22, 2024 mudateen hanga ammaatti lakkoofsi namoota du’an 157 gahuu jiraattota fi bulchiinsi godinichaa ibsan. 

Hogganaa damee siyaasaa fi sab-qunnamtii fi walitti qabaa koree deebisanii dhaabuu godina Goofaa kan ta’an Obbo Habtaamuu Fetanaa balaa kana ilaalchisee har’a ganama EBCtti ibsa laataniiru. 

Ibsa isaaniin, hojii lubbuu baraarsaa hanga ammaa gaggeeffameen dubartoota fi daa’imman dabalatee dhiiraa 105 fi dubartii 52, waliigalaan reeffa namoota 157 argamuu fi hojiin barbaacha reeffaa cimee itti fufuu ibsaniiru. 

Obbo Habtaamuun dabaluun, lakkoofsi namoota du’an kana caala dabaluu akka danda’u fi hojiin lubbuu baraarsaa cimee itti fufuu dubbatan. 

Guyyaa balaan kun qaqqabee kaasee hanga ammaatti tola ooltummaan hojii lubbuu baraarsaa irratti kan bobbahe Kaasaahun Abbaaynah, hanga ammaatti reeffa namoota 157 baasuu isaanii fi namoota 10 ammoo lubbuudhaan baraaramuu isaanii Addis Standarditti himeera. 

“Dilbata roobii cimaa roobaa bule hordofee balaan kun qaqqabe. Ganama ammoo irra deebiin jiraattota fi poolisoota lubbuu baraaruuf argaman irratti lafti sigigaatee lakkoofsi namoota du’an daran dabale,” jedhe. 

Itti dabaluun, “maatiin reeffa fudhachaa jiru. Reeffa maatiin hin argamne ammoo numatu awwaalaa jira. Hojii lubbuu baraarsaa hanga ammaa gaggeeffameen lubbuu namoota 10 baraaramee gara buufata fayyaa Saawlaatti geeffamaniiru. Ammallee hojiin itti fufeera,” jedhe.

Jiraataan taatee ture ijaan arguu himu tokko Addis Standarditti akka himetti, namoota balaa kanaan maatii hedduu dhaban jiru.

“Reeffa namootaa dunkaanatti sassaabaa jirra. Maatiin fira isaanii jalaa dhabame iyyata dhiyeessanii barbaadamaafi jira. namni maatii hanga jaha fi torban dhabe jira,” jedhan.

Hojiin lubbuu baraarsaa kanaaf “maashinii gargaaru waan hin jirreef” humna namaatin raawwatamu isaa rakkisaa taasisuu kan himan jiraataan kun, ammallee lakkoofsi namoota du’an yeroo yeroon dabalaa jiraachuu himan. AS

Related Articles

Back to top button