ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Obbo Taayyeen balbala mana hidhaatii fudhatamanii gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaa geeffamuu maatiin himan

Finfinnee, Muddee 05/2024 – Mirgi wabii eegameefi mana amala sirreessaa Qilinxoo irraa yeroo bahuuf jedhan balbalatti qaamolee nageenyaan kan fudhataman Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda’aa, gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti geeffamuu maatiin Addis Standard’itti himan. 

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon har’a ganama Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaa magaalaa Finfinnee naannawa Meeksikoo argamu dhaqanii isaan argachuu himan. “Achi akka geessan dhageenye har’a ganama deemne. Isa arganne baaneerra, waan kana booda ta’ummoo hin eegna,” jedhan.

Manni Murtii Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Muddee 02, 2024 ooleen Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murteessuu hordofee Roobii kaleessaa mana hidhaatii bahanis namoota “maaskii uffataniin” fudhatamuu aadde Sintaayyoon himan.

“Bahe jechuun hin danda’amu. Maatiin hin argine. Isaanumatu galee fudhate. Waaree booda naannoo 11:00 yeroo mana hidhaatii bahuuf jedhu osoo maatii hin argatiin ‘ni barbaadamta’ jedhaniin fudhatanii deeman. Waraqaa qaama olii irraa barraa’e jedhan qabataniiru. Maal akka ta’e garuu hin dubbisne,” jedhan. 

Lakkoofsa qaamolee nageenyaa kanaa akka hin beekne kan himan aadde Sintaayyoon, “qaamolee uffata siivilii fi maaskii godhatan, akkasumas uffata poolisii federaalaa uffatan guyyaa sa’aatii 5 kaasee konkolaataa paatroolii lamaan naannoo Qilinxoo marsaa akka turan dhageenyeerra” jedhan.

Obbo Taayyeen manni murtiin mirga wabii erga eeyyameefi booda guyyaa lama mana hidhaa dabarsuu kan himan haati warraa isaanii, dogoggora baraa xalayaa ajaja mana murtiirra tureen tursiifamuu himan. “Qilinxoon waan kana eegaa ture fakkaata. Waan xixiqqaa sororaa ture,” jedhan. 

Muddee 11, 2023 aangoo isaanirraa kan kaafaman Obbo Taayyee Danda’aa, “hokkora kakaasuu, farreen nageenyaa deeggaruufi labsii meeshaa waraanaa cabsuun” himatamanii ture.

Dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru yoo ta’u, dhaddacha Hagayya 06, 2024 ooleen himata irratti dhiyaate sadi keessaa lamaan bilisa jedhamaniiru.

Obbo Taayyee Danda’aa dhimmoota ittiin himataman keessaa barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti qoodanii fi af-gaaffii BBC Afaan Oromoo waliin taasisan irratti yaada dabarsan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu heerri mootummaa isaaniif laate fayyadamuu ala nageenya uummataa miidhu ta’ee hin argamne jedhamuun himata lamarraa bilisa jedhaman.

Manni murtiin himata meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu kan jedhu akka ofirraa ittisan jala murtii kennee ture.

Obbo Taayyeenis himata lama irraa bilisa jedhamu isaanii hordofee migi wabii akka eegamuuf kan gaafatan ta’uus Manni Murtii Olaanaa Federaalaa gaaffii dhiyaate kuffiseera.

Ergasii Taayyeen gara Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti ol iyyannoo kan dhiyeessan ta’us, manni murtiin yakki Obbo Taayyeen ittiin himatamaa jiran kan meeshaa waraanaa seeraan ala hidhachuu waggaa 8 hanga 25 kan adabsiisuu ta’uu eeruun mirga wabii isaanii akka hin eegamne murteesse.

Obbo Taayyeen mirga wabiitiin yoo gadhiifaman yeroo manni murtii barbaadutti dhiyaachuu dhiisuu malu shakkii jedhuufi yakkichi adabbii gadi aanaa waggaa saddeetii waan ta’eef mirgi wabii akka hin eegamne murteesseera.

Yeroo ammaa dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti ilaalamaa kan jiru Obbo Taayyeen, aanga’oota mootummaa dhimmicha beeku jedhan shan jecha ragummaa akka kennan waammatanii turan.

Isaan keessaa aanga’oonni lama [Ministira Nagaa duraanii Binnaalif Andu’alam fi Komishinara Itti-aanaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaa] dhaddachatti dhiyaatanii jecha kan kennan yoo ta’u, manni murtichaa jecha ragaalee hafan dhaggeeffachuuf Mudde 3, 2017’tti beellameera. AS

Related Articles

Back to top button