DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Baqattoonni Eertiraa fi Sudaan Naannoo Amaaraa keessa qubatanii jiran gara iddoo biraatti akka dabarfaman gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 22/2024 – Naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu deemaa jiruun baqattoonni Eertiraa fi Sudaan kaampii baqattootaa garagaraa keessatti argaman lubbuun isaanii balaaf saaxilamuu himan.

Hidhattoonni guyyaa guyyaan dahoo baqattootaa irratti haleellaa akka raawwatan kan eeran baqattoonni Eertiraa fi Sudaan kunneen, gara naannoo nageenya fooyya’aa qabutti akka dabarfaman gaafachuu isaanii marsariitiin ‘New Humanitarian’ gabaaseera.

Godina Kaaba Gondaritti kan argamu kaampii baqattootaa Alamwaac keessatti hidhattoonni irra deddeebiin saamicha, uggura fi haleellaa akka raawwatan marsariitiin kun baqattoota Eertiraa irraa odeeffachuu ibseera. 

Baqattoonni tokko tokko kaampii keessa osoo jiranii rasaasaan rukutamuu, kaan immoo mobaayila fi maallaqni isaanii irraa fudhatamuun miidhaa qaamaa akka irra gahe eereera. Akka gabaasa kanaatti, baqattoonni sagal kaampii Alamwaac keessa jiraatan waggaa kana keessa ajjeefamaniiru. 

Sababa rakkoo nageenyaan walqabatee kaampiiwwan baqattootaa Kumar fi Awlalaa dhiyeenya kana cufamuu isaanii gabaasichaan eerameera. Kaampiiwwan kanneen keessa baqattoonni Sudaan haleellaan walfakkaataan irratti raawwatamuu fi hojii humnaa akka hojjetan dirqiisifamaa akka turan yaadachiiseera.

Bara 2021 kan hundeeffame kaampii baqattoota Alamwaac keessa kan jiran baqattoonni Eertiraa ta’uu kan eere gabaasichi, waraana Tigraay booda kan hundeeffame ta’uu ibseera. 

Hoggantoonni kaampii kanaa walgahii qondaaltota Komishinii Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin taasisaniin irra deddeebiin rakkoo nageenyaa naannoo kaampii kanaa jiru akeekanii kan turan ta’us furmaanni tokkollee akka hin kennamne ibsameera.

Kaampii Alamwaac keessatti daa’imman torbaa fi maanguddoonni shan ugguramanii birrii walakkaa miiliyoona itti gaafatamuu gabaasichi eereera. AS

Related Articles

Back to top button