DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Baqattoonni Itoophiyaa Masrii keessa jiraatan ‘hidhaa fi dararaan nutti hammaate’ jedhan

Finfinnee, Fulbaana 20/2024 – Dhimma Hidha Haaromsaa irratti waldhabdeen Masrii fi Itoophiyaa gidduu jiru wayita hammaataa dhufetti, godaantota fi baqattoonni Itoophiyaa Masrii keessa jiraatan dararaa fi hidhaa irraan gahu hammaachaa dhufuu himan.

Bakka bu’aan hawaasa baqattoota Itoophiyaa bara 2019 gara Masriitti baqate (nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin gaafate), godaantotni fi koolu-galtoonni Itoophiyaa adeemsa sirrii malee hidhamaa akka jiran Addis Standarditti himeera.

“Namoonni hidhaman hedduun isaanii waraqaa baqattummaa Ejensiin baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) qabu. Isaan keessaa gariin isaanii yeroon waraqaa isaanii jalaa darbee adeemsa haaromsaa irra kan jiran yoo ta’u, kaan ammoo yeroon jalaa hin dhumne,” jechuun ibseera.

Kana malees, bakka bu’aan hawaasaa kun “warreen godaantota ta’uu isaanii UNHCR irraa beekamtii argate, kanneen waraqaa eenyummaa adda addaa kan akka waraqaa adii, waraqaa keelloo fi waraqaa galmee koolu-galtummaa qabataniis, Masrii keessatti qormaata guddaa isaan mudachuu itti fufeera” jechuun hime.

Rakkoo baqattoota Itoophiyaa irratti gahaa jiru kana karaa Gamtaa Hawaasa Itoophiyaa fi Gamtaa Maanguddoota Oromootiin UNHCR’tti beeksisuuf yaaliin godhamuus himeera. 

“Baqattoonni Itoophiyaa hidhamaa jiraachuu yeroo hubannu, battalumatti karaa imeelii UNHCR beeksisne,” jedhe bakka bu’aan hawaasaa kun.

Itti dabaluun, “sana hordofee UNHCR bakka bu’oota hawaasaa waliin walgahii hatattamaa waamuun dhimma kana akka furan waadaa galaniiru” jedhe. Haa ta’u malee, hanga ammaatti furmaanni bu’a qabeessa ta’e hojiirra akka hin oolle dubbateera.

Baqattoota Masrii keessatti haala rakkisaa keessa jiran keessaa tokko Suleymaan Aliiti. Bara 2014 obboleessa isaa Mohaammad Alii wajjiin gara Masrii godaanuu kan himu Suleymaan, obboleessa isaa waliin koolu-galtoota ta’anii galmaa’uuf yaalii taasisanis hanga ammaatti galmee koolu-galtummaa barbaachisaa ta’e akka hin arganne Addis Standard’tti himeera.

Suleymaan itti dabaluudhaan, obboleessi isaa Amajjii bara 2024 poolisootaan erga reebame booda mana hidhaa Basatii Kaayiroo keessatti hidhamee akka ture himeera. Poolisiif maallaqa kaffalus, osoo hin hiikamin ji’a lamaaf hidhamee akka ture hime.

”Baqattoonni obboleessa koo waliin Kaayirootti hidhaman tokko tokko ammallee hidhamanii jiru.”

Suleymaan akka jedhutti, UNHCR isaaf, obboleesa isaa fi godaantota biroof waraqaa adii kan kenne ta’uus, mootummaan Masrii garuu waraqaan kun hiika akka hin qabu jechuun beekamtii kennuu dideera.

“Kanaan dura baqattoonni Itoophiyaa Masrii keessatti rakkoon cimaa yommuu nu mudatu Sudaanitti baqanna turre. Haa ta’u malee, Sudaan yeroo ammaa waraana keessa waan jiruuf garas deemu hin dandeenyu.”

‘Sababa waldhabdee biyyoota lamaan giddu jiruun dararamaa jirra’

Bakka bu’oota hawaasaa fi godaantonni Itoophiyaa Masrii keessa jiraatan, godaantota Itoophiyaa jumlaan hidhamuu kan eegale Ebla bara 2023 akka ta’e ibsaniiru.

Akkasumas, rakkoon baqattoota Itoophiyaarra gahu dhimma guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa ilaalchisee Itoophiyaa fi Masrii gidduu waldhabdeen dabale hordofee daran hammaachuu himan. 

Waxabajjii 2023 keessa gaazexaan Masrii ‘Al-Ahram’ akka gabaasetti, baqattoonni Itoophiyaa hedduun waajjira UNHCR Kaayirootti argamu bira walitti qabamuun haleellaa jibbiinsaa lammiilee Masriitiin raawwatamu baay’achaa dhufe irraa eegumsa akka godhamuuf gaafatanii turan. 

Kana malees, taateewwan dararaa, haasaa jibbiinsaa, fi haleellaa baqattoota Itoophiyaa Masrii keessa jiraatan irratti raawwataman erga 2020 baay’achaa dhufuu VOAn gabaase ture.

Baqattoonni Itoophiyaa Addis Standard dubbisees, rakkoon kun hanga har’aatti akka itti fufee jiru dubbataniiru.

Bara 2018 irraa kaasee Masrii keessa jiraachaa kan jiru baqataa fi bakka bu’aa hawaasaa kan biraan, jibbiinsi godaantota Itoophiyaa irratti taasifamu bara 2024 keessa daran hammaachuu dubbataniiru.

“Nuti garee siyaasaa kamuu waliin hidhata hin qabnu; nuti baqattoota Itoophiyaa irraa dhufne sanada UNHCR qabnuudha,” jechuun baqataan kun ibseera. “Ta’us garuu waldhabdee biyyoota lamaan gidduutti deemaa jiruun doorsisa, hidhaa, fi dararaan nurra gahaa jira.”

Dhalattoota Amaaraa, Oromoo, Tigraay fi Haadiyyaa dabalatee baqattoota Itoophiyaa 12 ta’an Masrii keessa rakkoo hamaaf saaxilamuu Addis Standard’tti himeera.

“Baqattoonni kunneen yeroo baay’ee magaalaa Kaayiroo manneen hidhaa Basatii fi Darussalam keessatti hidhamu. Kanneen hidhamanii jiraniif nyaata geessuuf yeroo yaalamu poolisoonni maallaqa gaafatu,” jedhe. 

Baqattoonni hidhaman 100 akka gahan kan eere bakka bu’aan hawaasa baqattootaa kun, “ani akka bakka bu’aa hawaasa kootti haala baqattoota hidhamanii jiran UNHCR’tti beeksiseera, garuu deebii hin arganne,” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button