DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Baqattoonni Itoophiyaafi Eertiraa Sudaan keessa argaman balaaf saaxilamuu HRW ibse

Finfinnee, Waxabajjii 10/2024 – Waraanni Sudaan gara mooraa baqattootaatti dhiyaachaa dhufuu hordofuun lubbuun baqattoota Itoophiyaafi Eertiraa Sudaan Bahaatti argamanii balaadhaaf saaxilamee jiraachuu Hiyuumaan Raayts Waach beeksise.

Waraanni kun mooraa baqattootaa Itoophiyaafi Eertiraa Sudaan keessatti argamuutti dhiyaachaa jiraachuu ibsuun, baqattoonni kunneenis balaa guddaa keessa akka jiran himameera.

Akka gabaasichi mul’isutti, waraanni Sudaan gara naannolee Sudaan Bahaatti babal’achuun bulchiinsa Gadaarif fi Kasalaa bakka baqattoonni Itoophiyaa fi Eertiraa itti kooluu galanii jiranitti dhiyaachaa jira.

Gabaasni kun akka agarsiisutti waraanni amma humnoonni saffisaa fi Raayyaa Ittisa Sudaan gidduutti taasifamaa jiru bulchiinsa Seenaar kan bulchiinsa Gadaarif fi Kasalaa waliin wal daangessu keessatti gaggeeffamaa jira.

Dhaabbanni Hiyumaan Raayts Waach (HRW) baqattoonni Itoophiyaa 40,000 ta’an bulchiinsa Gadaarif keessatti gaaddisa keessa akka jiraatan beeksise.

Baqattoonni gaaddisa kana keessa jiraatan keessaa tokko, “Waraanni humna waraanaa Sudaan bulchiinsa Gadaarif fi Kasalaa yoo ga’e balaa keessa jirra” jechuu HRW gabaaseera.

Dhaabbanni mirga namoomaa idil-addunyaa kun lubbuun baqattoota Sudaan miliyoona tokkoo ol balaadhaaf saaxilamee waan jiruuf yeroo gabaabaa keessatti iddoo ngaeeenyisaanii eegamuu danda’utti geeffamuu akka qabu ibseera.

Dhaabbatichi tooftaa nageenya baqattootaa eegu yookiin karoorri gara iddoo biraatti geeffamu dhabamuun lubbuu baqattoota mooraa keessa jiraatan balaadhaaf saaxila jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Keessattuu humnoonni Tigraay waraana Sudaan deeggaruun lolaa akka jiran jechuun himata banuu hordofee humni tarkaanfii saffisaa kun lubbuun namoota Tigraay irraa buqqa’anii Gadaariifitti argamanii balaa guddaa keessa akka galchu ibseera.

Baqattoonni Itoophiyaa nulchiinsa Gadaariif keessatti argaman hidhaa jumlaatiin dararamaa jiraachuu akeekuun magaalota godina Gadaarif keessatti lammiileen Itoophiyaa hedduun aanga’oota magaalichaatiin hidhamanii akka argaman beeksiseera. AS

Related Articles

Back to top button