ODUUSEERA FI HAQASIYAASA

Oduu: Barattoonni 15 ol ji'oota lamaaf Shaashamanneetti hidhaman mana murtiitti hin dhiyaanne 

Finfinnee, Adooleessa 25, 2024 – Barattoonni 15 ol magaala Shaashamanneetti ji’oota lamaa oliif hidhamanii argaman mana murtiitti hin dhiyaatiin jiraachuu miseensonni maatii Addis Standard’tti himaniiru. 

Odeeffannoon miseensonni maatii hidhamtootaa kennan akka mul’isutti, barattoonni kunneen himata Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qabdu jedhuun shakkamanii kan too’atamaniidha. Barattoonni kunneen yeroo ammaa waajjira Poolisii Magaala Shaashamanneetti Samaaniyaa Aandii jedhamuun beekkamutti hidhamanii argamu. 

Barattoota hidhaman keessaa tokko kan ta’eefi Yuunivarsitii RiiftVaalii damee Shaashamanneeti barataa Muummee Herregaa kan ta’e Didhaa (maqaan jijjiirame) akka himetti, irra caalaan barattoota kanneenii godina Booranaatii kan dhufaniidha. 

 Barattoonni hafan immoo barattoota Kolleejiilee biroo kan akka akka Paaraadaayiz magaala Shaashamanneetti argamuutti kan baratan ta’uu dubbataniiru. 

 “Irra caalaan barattoota kanneenii jiraattotuma magaala Shaashamanneeti, Yeroo garaagaraatti too’annoo jala oolfaman. Isaan keessa tokko tokko ji’oota lamaa oliif hidhamaniiru,” Didhaatu jedhe..  

Maqaa barattoota hidhamanii keessaa muraasni Yaaqoob Godaanaa, Guraacha Abbaa Guddoo, Cuuluu Kennasaa, Tulluu Namaa Doorii, Halkanoo Jirmaa, Waaqoo Dheengee, Kaanuu Jirmoo, Abbaayoo Galmaa Halaakee, Lammii Baacaafi Abbaaduubaa Kuulii Jilooti. 

Barattoonni kunneen too’annoo jala kan oolfaman eeruu waajjirri poolisii godina Booranaa kenne kan WBO waliin hidhata qabu jedhuun ta’uun maddeen kunneeen himaniiru.  

“Walitti bu’iinsa godina Booranaa aanaa Billoo kan daangaa Keeniyaarratti argamutti tibbana mudateen walqabatee WBOdhaaf odeeffannoo kennaa turaniiru jechuun poolisiin isaan himate,” himuun, “Waldhabdeen mudatee ture kanaan miseensonni poolisiifi miseensonni WBO miidhamanii ture,” jedhe.   

Barattoonni hidhaman kunneen miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Feesbuukii fi TikTok irratti beekamoo haa ta’an malee siyaasa keessatti kan hin hirmaanne fi dhaaba siyaasaa kamiiyyuu hidhata kan hin qabne ta’uu maddeen himan. “Barattoota kanneen keessaa tokkollee mana murtiitti hin dhiyaanne, maatiin isaaniis erga hidhamanii kaasee isaan waliin wal qunnamuu hin dandeenye,” dabalee jedheera.  

 Obboleessa barattoota hidhamanii keessaa tokkoo kan ta’e Lammii Baacaa kan ta’e Firaa’ool Baacaa, obboleessi isaa Caamsaa 01, 2024 too’atamuu Addis Standard’tti himeera. Lammiin Yuunivarsitii RiiftVaaliitti muummee Saayinsii Kompitaraati barataa waggaa lammaffaati.  

”Erga hidhamee kaasee Lammiin mana murtiitti hin dhiyaanne,” jechuun Firaa’ol dubbateera. 

Poolisiin sochii Lammiin Tiiktookiirratti taasisu sababeeffachuun hidhuuf doorsisaa turuu Fira’ool dubbateera. Akkasumas, hiriyaan Lammii Tiiktookii hin fayyadamnes hidhameera.   

Poolisiin Shaashamannee qorachaafi ragaa barbaadaa jiraachuu maatii Lammii kan godina Booreenaatii imalanii dhufanitti himuu Firaa’ool eereera. Haa ta’u malee, hanga Jimata darbetti ragaan poolisiin dhiyeesse hin jiru.   

Obboleessi baratta hidhame biraa Halkanoo Jirmaa kan ta’e Qaallichaa Jirmaa akka Addis Standard tti akka himetti,obboleessi isaa Shaashamannee keessatti Caamsaa 07, 2024 to’annoo jala oole, yeroo ammaa ammoo Waajjira Poolisii Shaashamanneetti hidhamee argama. Halkanoon Kolleejjii Yunivarsiitii Riift Vaalii Shaashamanneetti barataa muummee qo’annooti.  

”Hanga kaleessaatti mana murtiitti hin dhiyaanne ture,” jechuun Qaallichaan dubbachuun, ”Sababa hidhamuu isaa ilaalchisee odeeffannoo gahaa hin qabnu; poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsa,” dabalee jedheera. 

Aanga’oota mootummaa magaalaa Shaashamannee fi godina Arsii Lixaa irraa yaada argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.  

Walitti bu’iinsa waggoota jahaaf naannoo Oromiyaa keessatti WBOfi humnoota mootummaa gidduutti taasifamaa tureen walqabatee naannichatti hidhaan jumlaa dabalaa dhufe yaaddessaa ta’eera. AS 

Related Articles

Back to top button