DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnoota isaanitti akka deebi’an waliigalame

Finfinnee, Sadaasa 01/2024 – Magaalaa Finfinnee keessatti barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Manni marichi dhimma kanaan walqabatee rakkoo uumame furuuf caasaalee majliisa sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaa jiraniin qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa taasisuu ibseera. 

Hoggantoota fi hoji raawwachistoota mana marichaa Roobii darbe hoggantoota biiroo nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee, Komishinii Poolisii Finfinnee fi hoggantoota biiroo barnoota magaalichaa waliin mari’achuu manni marichi ibseera. 

Marii kanarratti rakkoon kun irra deddeebiin kan uumamuu fi furmaata waaraa kan barbaadu waan ta’eef Majliisa Federaalaa fi qaamota mootummaa dhimmi ilaallatu waliin ta’uun furmaata waaraa fiduuf waliigalamuu ibse.

Haaluma kanaan barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu ibseera.

Majliisni Finfinnees barattoota musliimaa shamarranii magaalattii keessa baratan irratti “dhiibbaa fi dararaa amantaarratti xiyyeeffate” gahaa jiraachuu ibsuun, gara barnoota isaanitti akka deebi’an gaafachuu ni yaadatama. 

Dhimmi barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu kun dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’urra darbee paarlaamaatti gaaffii ta’ee ka’eera. 

Walga’ii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kaleessa Onkoloolessa 31 gaggeeffame irratti miseensi mana marichaa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu dhimmi uffannaan walqabatee rakkoon uumame kun furmaata akka argatu gaafataniiru.

“Qaamoleen akkaataa dambii uffannaa seeraan ala ta’e eeruun lammiilee hedduu barnoota fi hojiirraa ittifamaa jiru. Keessumaa barattoonni sababa niqaaba fi hijaaba isaaniin barnoota ala ta’an jiru. Mootummaan dhimma kana furuuf maal hojjechaa jira?” jechuun yaada kaasan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gama isaanii deebii laataniin, “dhimmi uffannaa fi amantaa ilaalchisee rakkoon hin jiru jechuu hin danda’u. Garuu fooyyeen ni jira. Waan hafu yoo jiraate ni hojjenna,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button