DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Barattoonni muslimaa Yuunivarsiitii Diillaa niqaaba uffachuu dhorkamanii turan barnoota isaanitti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 30/2025 – Barattoonni dabartoota muslimaa Yuunivarsiitii Diillaa lakkoofsaan 44 ta’an sababa uffannaa amantii isaanii niqaaba uffataniin mooraa yuunivarsiitichaa akka seenne dhorkamanii turan “waliigaltee bulchiinsa yuunivarsiiticha waliin irra gahameen” gara barnoota isaanitti deebi’an.

Barattoonni kunneen torban tokko oliif barnoota, nyaata fi bakka jireenyaa yuunivarsiiticha irraa argachuu qaban dhorkamanii gariin isaanii masjiida bulaa kan turan yoo ta’u, Kixata Amajjii 28 irraa eegalee barattoonni niqaaba isaanii waliin barnoota akka hordofan waliigalamuu himaniiru. 

Wiixata darbe Amajjii 27, 2025 bakka bu’oonni barattoota muslimaa yuunivarsiitii Diillaa dhimma kanarratti hoggansa yuunivarsiitichaa waliin marii gaggeessuuun barattoonni barnootatti akka deebi’an waliigalteerra erga gahamuu ibsameera.

Barattoota bakka bu’uun marii kanarratti kan hirmaate Duraa Taa’aan Gamtaa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Diillaa Nuraddiin Abdallaah waliigalticha Addis Standard’tti mirkaneesseera.

“Nutti keessootti xumuruuf yaalii goone turre, garuu hin milkoofne. Garuu erga Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa ibsa baase booda mariif akka dhiyaannu nu gaafatan. Marii Wiixata galgala gooneenis barattoonni Kibxata eegalee barnootatti akka deebi’an murtaa’e,” jedhe. 

Barattoonni gara guyyoota 10f mooraa akka hin seenne dhorkamanii akka turan kan eere Nuraddiin, “amma garuu barnootatti deebi’u qofa osoo hin taane kanneen barnoota fi qormaata isaan darbees akka gargaaraman ni goona jechuun waadaa nuuf galaniiru” jedhe. 

Barattoonni dubartoota muslimaas Kibxata ganamaa eegalee gara barnoota isaanitti deebi’u Addis Standard’tti mirkaneessaniiru.

Barattuun yuunivarsiitichaa maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko, bakka bu’oonni barattoota muslimaa fi hoggansa yuunivarsiitichaa waliigalteerra erga gahanii booda barattoonni gara mooraa seenanii barnoota akka hordofan eeyyamamuu himte.

”Amma nuuf eeyyamanii mooraa yuunivarsiitii gallee barnoota, nyaataa fi iddoo jireenyaas fayyadamaa jirra” jette.

Itti dabaluudhaanis, “kun akka nuuf hayyamamuuf gaheen gaggeessitoota gamtaa barattoota muslimaa yuunivarsiitii keenyaa bahatan kan baay’ee dinqisiifatamu ture,” jechuun himte.

Barattuun yuunivarsiiticha kan biraas, barattoonni moorichaan alatti guyyoota dabarsan baay’ee rakkisaa fi xiin-sammuu isaanii kan miidhe ta’uu eeruun, dhimmicha furmaata argachuu isaatin gammachuu akka itti dhagahame ibsite. 

“Guyyoota hedduuf mooraa alatti dabarsine barnoota keenya irraas fagaannee baasii hedduufis saaxilamne turre. Amma garuu mooraatti deebine barumsa keenyas ta’e wantoota mooraa keessatti fayyadamuu qabnu hunda haala gaariin fayyadama jirra” jette.

Itti dabaluudhaan, niqaaba uffachuun “mul’istuu eenyummaa dubartoota muslimaa” ta’uu eeruun namoonni hundu mirga amantii keenyaa nuuf kabajuu qabu jechuun dhaamte. 

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhimma kanarratti xalayaa “isa dhumaa” jedhe Amajjii 23, 2025 Ministeera Barnootaaf barreesseen, “sarbama mirgaa muslimoonni sadarkaa barnootaa hundarra jiran sababa uffata isaaniin qofaaf ta’aa jiru” furmaata barbaada jedhe.

Xalayaa kanaan barattoota dubartoota Muslimaa Yunivarsiitii Diillaa, kanneen uffata Islaamaa uffatan qofaaf mirga barnootaa heera mootummaa irraa mulqamaniif hatattamaan gara barnoota isaaniitti deebi’uun furmaata bulchiinsaa dhaabbataa akka kennu gaafachuu ni yaadatama.

Tibbana barattoonni dabartoota muslimaa naannoo Tigraay magaalaa Aksumitti argaman hijaaba uffatanii mooraa mana barumsaa akka hin seenne dhorkamuun dubbii ijoo ta’ee ture. Dhimmichi hanga mana murtii gahuun adeemsa seeraa irratti argama. AS

Related Articles

Back to top button