DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Barsiisonni Aanaa Qilxuu Kaarraa mindaan jalaa "ugguramuu" hordofee bulchiinsa aanicharratti himata banan

Finfinnee, Waxabajjii 07/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraatti barsiisonni 640 ol manneen barnoota garagaraa keessatti barsiisan maallaqa ijaarsa waajjira paartii Badhaadhinaa aanichaaf mindaa isaanirraa akka hin kutamne mormuu isaanii hordofee mindaan ji’a lamaa guutumatti akka hin kaffalamneef Addis Standard’tti himan.

Barsiisaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Qilxuu Kaarraa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, sababiin mindaan ji’aa lamaa jalaa qabameef baasii maallaqaa ijaarsa waajjira paartii Badhaadhinaa ijaaruuf oolu mindaa isaanirraa akka hin kutamne diduu isaanii hordofee ta’uu himeera. 

Barsiisonni kunneen maallaqa kana kaffaluuf “humna hin qabnu” jechuun mormuu isaanii hordofee miindaan isaanii “ugguramuu” eereera.

Caasaan bulchiinsa aanichaa “ajaja gubbaarraa [godina Wallagga Lixaa] dhufeedha” jechuun barsiisonni miindaa isaanirraa qarshii kuma sadi akka irraa kutamu yeroo gaafataman eeyyamamoo ta’uu dhabuu kan hime barsiisaan kun, kana hordofees bulchiinsi aanichaa tarkaanfii mindaa ugguruu irratti fudhachuu hime. 

Hoggantoonni aanichaa dhimma kanaan walqabatee barsiisota aanicha keessa argaman 640 ol yeroo mariisisu barsiisonni fudhachuu dhabuu, fi “bulchiinsi aanichaa mormii barsiisotaa cinaatti dhiisuun” mindaa ji’a Ebla guutumatti barsiisotaaf osoo hin kaffaliin hafuu fi dhuma ji’a Caamsaarra gahuu barsiisaan kun dabalee himeera.

“Waajjira paartii siyaasaa kamiyyuu ijaaruuf jecha mindaa barsiisaa kutuun sirrii miti. Nuti barsiisota malee miseensa paartii kamiyyuu miti,” jedhe barsiisaan kun.  

Barsiisaan aanicha keessatti barsiisu kan biraanis rakkoon akkasii barsiisota qunnamuu Addis Standarditti mirkaneessuun, barsiisonni dhimma kana karaa seeraatiin mana murtiitti himata banuun hordoffii taasisaa jiraachuu eereera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haata’u malee, manni murtii aanaa Qilxuu Kaarraa “dhimma kanarratti murtee dabarsuuf waan hin dandeenyeef, himatni bulchiinsa aanicha irratti baname kun gara godinaatti akka darbuuf” hojjatamaa jiraachuu himeera.

Gareen bakka bu’oota barsiisota aanichaa dhimma kana hordofuu himata kana sadarkaa godinaatti geessuun hordofaa jiraachuu kan eere barsiisaan kun, “hojiin akkasii gocha seeraan ala waan ta’eef murtii haqaa hanga argannutti himata keenya itti fufna,” jedhe. 

Waajjira Barnoota Aanaa Qilxuu Kaarraatti Abbaa Adeemsaa Misooma Barsiisotaa Obbo Girmaa Qixxaataa yaada Addis Standard’tti laataniin, aanichatti keessatti kaffaltii miindaa barsiisota irratti rakkoon mudachuu mirkaneessuun “yeroo gabaabaa keessatti furmaanni ni kennama” jedhan. 

Haa ta’u malee, mindaan ji’a Ebla guutuun hin kaffalamne komii jedhu mormaniiru. “Kan hin kaffalamne miindaa guutuu osoo hin taane, maallaqni hanga qarshii 3,000 ta’uutu kutame.” 

Barsiisonni tarkaanfii kana mormuun mana murtiitti himata banuu isaanii quba qabaachuu kan eeran Obbo Girmaan, dhimma kana irratti furmaanni akka kennamu mana murtii irraa ajajni darbuu himan. “Mindaan barsiisotaa kan ji’a Ebla irraa murame dabalatee hanga Caamsaa 30tti jiru akka kaffalamuuf murtaa’eera,” jedhan. 

Obbo Girmaan, “barsiisonni hanga Caamsaa 30 eeganii mindaan isaanii kan hin kaffalamneef yoo ta’e, himata jalqaban itti fufuu danda’u,” jedhan. Haata’u malee, hanga oduun kun qindaa’utti mindaan kaffalame akka hin jirre barsiisonni himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button