DHIMMA HAWAASAAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Bifoota piroojektii kooridarii Finfinnee lamaan; Seenaawwan jijjiiramaa fi buqqa’iinsaa

Yisaaq Indiriis @Yishak_Endris

Finfinnee, Amajjii 13/2025 – Ji’oota sagal darbaniif magaalaa Finfinneetti hojiin misooma kooridarii marsaa lamaan bal’inaan gaggeeffamaa jira. Pirojektiin misooma kooridarii marsaa jalqabaa kiiloo meetira 40 kan dheeratu yoo ta’u, bara darbe ji’a Ebla keessa jalqabamuun Fulbaana keessa xumurameera.

Magaalattiin yeroo ammaa misooma kooridarii marsaa lammaffaa ji’a Fulbaana keessa eegale bal’ina waliigalaa hektaara 2,817 fi dheerina kiiloo meetira 132 irratti ijaaramurratti argamti.

Misoomni kooridarii marsaa lammaffaa sarara saddeetiin gaggeeffamaa jiraa. Koriidarri tokkoffaa Kaasaanchiis – Addabaabayii Masqalaa – Araat Kiiloo yoo ta’u, kunis kiiloo meeyira 40.4 ni uwwisa. 

Kariidarri lammaffaa Piroojektii Bosonaa – Magganaanyaa – Addabaabayii Masqalaa (7.1km), koridara sadaffaa CMC – Samiit – Gooroo – Boolee (10.8km) ta’uu ibsameera. 

Akkasumas koridarri arfaffaa Saarbeet – marfata Kaarl – Bisraata Gabrieel – marfata abboo – marfata Furii (15.9km), koridara shanaffaa Gaaraajii Ambassaa – Jaakroos – Gooroo (3.1km) uwwisa.

Sararri jahaffaa ammoo Araat Kiiloo – Shiroo Meedaa – Inxooxxoo (13.19km), torbaffaan qarqara laga qabbannaa (20km), sararri 8ffaa ammoo Inxooxxoo kaasee hanga qarqara laga pikook (21.5km) ta’uu ibsameera.

Bu’uuraalee misoomaa ijaarsa kana keessatti hammataman keessaa ijaarsa daandii, misoomsa magariisaa, daandii biskileetii, daandii namaa, iddoo bashannana ijoollee, akkasumas tarminaala taaksii ni argamu.  

Dabalataan iddoo dhaabbii konkolaataa, iddoowwan ispoortii, mana fincaanii uummataa, ibsaa sadarkaa isaa eeggatee fi teknooloojii nageenyaa akka qabaatu eerame.

Addis Standard ijaarsa misooma kooridarii daandii hanga addabaabayii Kooyyee gahu irratti gaggeeffamaa jiru irratti daawwannaa taasiseen misoomni kooridarii eegale baay’een isaanii kan xumuraman yoo ta’u, naannoo addabaabayii kana cinaa hojiin miidhagsuu hojjetamaa jira. 

Keessattuu halkan ibsaan daandii cinaa kun adda bahee kan mul’atu fi teessoo namoonni itti boqotanis haala gaariin qophaa’an ni jiru.

Kana malees, namoonni hedduun naannoo burqaa nam-tolchee lafa irraa gara samiitti ol darbatamu dhaabbatanii ilaalaa fi suuraa ka’an heddumaatu, keessumaa halkan sa’aatii 12 booda taatee kana arguun baramaadha.

Addis Standard addabaabayii Kooyyeetti aansee adeemsa ijaarsa misooma kooridarii Gooroo irraa hanga naannawa Mabraat Haayil jedhamutti hojjatamaa jiru qaamaan dhaqee daawwateera.

Jiraattonni akka jedhanitti pirojektichi erga eegalamee booda rakkoon tiraafikaa guddaan naannawa Kooyyee Faccee irraa gara Magganaanyaa deemuuf mudatu hir’ateera.

Jiraataa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Faccee kan ta’an Obbo Filimoon Yohaannis yaada Addis Standard’tti laataniin, ji’a Onkoloolessa keessa yeroo misoomni kooridarii marsaa lammaffaa eegalame dhiphinni tiraafikaa baay’ee akka ture eeraniiru.

”Geejjibni baay’ee rakkisaa ture. Duraan iddoo jiraadhu naannoo 18 marfata Abboo irraa ganama sa’aatii 12:00tti ka’ee naannoo sa’aatii 3:00tti Magganaanyaa  ga’a ture. Keessattuu naannoo Gooroo  yeroo geessu osoo konkolaataan hin sochoone daqiiqaa soddooma oliif dhaabbachuu dandeessa. Erga haala kamiinuu Gooroo bira darbitee boodas, ammallee hanga naannoo humna ibsaa geessu suuta tirachaa deemta.”

Obbo Filimoon yeroo ammaa kana garuu rakkoon tiraafikaa kun furmaata aragachuu himan. ”Amma sirreeffamuutti jira. Duraanuma sa’aatii sochiin itti baay’atu beekamadha, keessumaa yeroo hojii itti galuudhaaf jedhan dhiphinni tiraafikaa ni mudata. Yeroo baa’umsa kee ni sirreessite yoo ta’e baay’ee hin rakkattu. Jalqaba yeroo pirojektiin kun jalqabamu ganama illee baatu rakkoo tiraafikaa baay’ee rakkisa ture,” jedhan.

Addis Standard daawwii isaa Gooroo irraa hanga Mabraat Haayil taasiseen manneen jireenyaa, daldalaa, gamoolee fi manneen cinaa daandii argaman gartokkoon fi guutummaatti diigamaniin guutamuu hubateera. Konkolaataan mana diigu fi hojjettoonni caasaa gamoo diigame kaasan bakka hundatti mul’atu.

Obbo Masu’ud Jamaal (maqaan kan jijjiirame) gama isaaniin yaada Addis Standard’tti laataniin, hanga magaalattiif barbaachisaa ta’ee yaadameeti misooma kooridarii itti fufee jiru akka deeggaran himan. 

Seenaawwan haaromsaa fi diigumsaa

Obbo Masu’ud naannawa Goorootti mana faaya kan qaban yoo ta’u, hojii misooma kooridarii marsaa lammaffaa kanarraa kan ka’e bakka duraan turan irraa gara amma jiranitti akka ce’an dubbatan.

Kanaan dura misooma kooridarii kanaan yaaddoo keessa akka turan kan himan Obbo Masu’ud, suuqii duraan turan irraa kan amma itti galan “sochii daldalaa fooyya’aa” akka qabu dubbatan.

Suuraa: Addis Standard

Itti dabaluudhaanis, daandiiwwan bal’achuuni fi bareedinni magaalattii dabalaa akka jiruu ibsuun iddoo isaan argamanitti dhiyaachuu isaatti “baay’ee gammadeera” jedhan.

Gama faallaatin jiraataan naannawaa Yarar nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan Addis Standard’tti akka himanitti, pirojektii kooridarii marsaa lammaffaa kanaan akeekkachiisa dursaa tokko malee manni dhugaatii fi nyaataa isaanii jalaa diigamuu himan. 

“Mana nyaataa fi suuqiiwwan lafa iskuweer meetira 221 irratti ijaaramantu guyyaa sadii keessatti na jalaa diigame. Of jala hojjettoota torba bulchaa ture. Yeroo hin eegamnetti kan buqqaane. Ergasii as ji’a lamaaf jechuun ni danda’ama hojii hin hojjenne.”

Onkoloolessa bara 2017 ALI irraa eegalee hojii dhaabuu isaanii ibsuun, haala tasumaa hojii hin hojjenne kana keessa osoo jiranii gibira waggaa kaffaluu qaban baay’ee akka isaan yaaddessu ibsaniiru. Ammas bakka hojjachaa turan duuba mooraa tokko birrii kuma 20n kireeffachuun jiraachaa akka jiran ibsaniiru.

Bakka bu’iinsa ykn bakka jijjiirraa ilaalchisee tilmaamni akka isaaniif godhamuu fi bakka bu’iinsa ykn bakka jijjiirraa ilaalchisee carraan akka kaafamu itti himamuu ibsanii, garuu tilmaama waadaa isaaniif galame irratti akka hin quufne dubbataniiru.

”Iddoon keenya kaaree meetira 221 ture. Garuu bakka bu’iinsaaf waadaa kan galame kaaree 150 qofa. Haa ta’u malee wanti nuti miidiyaadhaan dhaga’aa turre lafti kaartaa irratti argamu guutuun ni kennama jechaa turan. Gara giddugalaa deemee komii koos galacheera” jedhan.

Akkasumas beenyaa ilaalchisee “maallaqa beenyaa waadaa nuuf galame akka kennamu nutti himame ture, tilmaamanis xumuraniiru garuu hanga ammaatti wanti kenname tokkos hin jiru” jedhan.

Kana malees, kanaan dura geejjiba (kiraa konkolaataa) fi kiraa mana jireenyaa akka isaaniif kaffalamu itti himamus, hanga ammaatti wanti isaan qaqqabe akka hin jirres ibsaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsa Fulbaana 28, 2017 ALI laataniin, jiraattota sababa misooma koriidarii boqonnaa lammaffaa kanaan kaafamaniif lafa jijjiirraa hektaara 100 fi beenyaan birrii biiliyoona 5 qophaa’uu ibsanii turan.

Haa ta’u malee jiraattonni maqaan isaanii ykn maqaan itti waamama mana daldalaa isaanii akka hin dhahamne gaafatan yaada Addis Standard’tti laataniin, akeekkachiisa dursaa malee buqqifamuu isaanii himan.

Jiraattuun naannoo Yarar jedhamuun beekamutti mana kuduraa bananii hojjataa turan tokko akka jedhanitti, “yeroon oomishaalee mana kuduraa kootiif Maarkaatoo irraa galchaa turetti, meeshaa kee sassaabii bahii jedhame” jechuun haala yeroo san keessa turan yaadachuun dubbatu.

Itti dabaluudhaanis, “daldalaan hundi kaffalaa gibiraati. Amma walakkaa waggaa hin hojjenne. Maal kaffaluuf deemna?” jedhuun gaafatu. “Eenyullee misooma jibbu hin jiru. Garuu osoo jalqabarraa wanti ifa ta’e jiraatee gaarii ture” jedhan.

Jijjiirama gara hawwattummaa

Gama biraatiin daldaltoonni naannoo Piyaasaa Addis Standard dubbise, sababa pirojektii kooridarii marsaa jalqabaan bakka duraan turan irraa kaafamaniis iddoo jijjiirraa kennameefi hojii eegaluu ibsaniiru.

Fakkeenyaaf, daldala golgaa ijaa fi sa’aatii irratti kan bobbaate Meroon Masfin, naannoo “Manatsir Taraa” jedhamuun beekamu irra sababa misooma koridoorii marsaa jalqabaa tureen ka’uu ishee ni yaadatti.

Ishee dabalatee namoonni biroo ishee waliin hojjechaa turan naannoo giddugala daldalaa Araadaa bakka amma jirtutti bakki kennameefii hojii eegaluu isaanii ibsiteetti.

”Iddoon kun jijjiirraan nuuf kenname. Konteenara tolchinee itti galle. Galata Waaqayyoo bakka amma jirrutti sochiin namootaa baay’eetu jira. Iddoon ijoo waan ta’eef suuta suutaan ni baratama. Namoonni bituuf ni dhufu, nu gaaftus.Waluma galatti iddoo sochiin itti baaayatudha,” jechun ibsite.

Suuraa: Addis Standard

Daldalaa warqee gamoo Araadaa fuulduratti argine tokko akka jedhetti, suuqiin isaanii pirojektii koridoorii marsaa jalqabaan erga diigamee booda, amma akka haaraatti gara hojii deebi’aniiru. Daldalaan kun itti dabaluudhaan, “manneen warqee beekamoo biroo kanneen gara Araat Kiiloo gamoo Ambassador jijjiraman hojii isaanii jalqaban jiru” jedhan. 

Addis Standard manneen warqee isa dabalatee tarreedhaan mul’ataniifi manneen warqee beekaman naannoo siniimaa impaayer banamuu fi hojii eegaluu isaanii ilaaluu danda’eera. Daawwannaa naannawa Piyaasaatti taasiseen namoonni hedduun naannoo burqaa bishaanii cinaatti suuraa ka’anii fi teessoo karaa cinaati qophaa’e irra taa’anii yeroo dabarsan argeera. 

Dabalataanis, naannoo riqichi kiiloo 4 ture irraa hanga kiiloo 6tti pirojektichi bal’inaan kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, naannoo daandii qotameetti tuullaan cirrachaa, giraayinderii, buldoozerii fi sochiin konkolaattota gurguddaas baayi’naan mul’atu.

Daldaltoonni kitaabaa fi barruulee kiiloo afur  kanaan dura ittiin beekamtu akka kanaan duraa tarreedhaan mul’achuu baatanis, darbee darbee ni mul’atu, keessumaa seensa gamootti. 

Pirojektiin koridarii magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiru kun tibbana magaalota naannolee adda addaa keessattis bal’inaan hojjetamaa akka jiru ni beekama. AS

Related Articles

Back to top button