ODUUSIYAASA

Oduu: Booranatti 'milishoonni lubbuu dargaggeessa tokko galaafatan, lama madeessaniiru' - Jiraattota

Finfinnee, Fulbaana 21/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Booranaa aanaa Miyootti Kamisa Fulbaana 19, 2024 galgala dhukaasa humnoonni nageenyaa konkolaachisoota motoraa irratti bananiin lubbuun dargaggoo tokko darbe. 

Taateen kun Kamisa galgala naannoo sa’aatii 3:30 irratti aanaa Miyoo ganda Bokkuu Luboomaa keessatti kan mudate yoo ta’u, dhukaasa milishoonni mootummaa bananiin namoonni biroo lama madaa’uu jiraattoonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Jiraataan gandichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko Addis Standard’tti akka himetti, Fulbaana 19 galgalaa dhukaasa namoota motora konkolaachisaa turan lakkoofsaan afur ta’an irratti banameen konkolaachisaan Qaallichaa Galgaloo jedhamu ajjeefameera.

Dhukaasa kana kan bane miseensota milishaa ta’uu kan eere jiraataan kun, dargaggoo lubbuun isaa dabarte dabalataan konkolaachiftoonni lama biroo madaa’uu fi inni tokko miliquu himeera. 

Miseensonni milishaa kunneen dhukaasa kana kan banan “sababa konkolaachiftoonni kunneen kaffaltii kottee jedhamu qarshii shantama milishaan gaafate kaffaluu didaniif” ta’uu jiraataan kun ibseera.

Jiraataan ganda kanaa kan biraas taateen kuni mudachuu Addis Standarditti mirkaneessuun, taatee kana hordofee jiraattoonni magaalaa Hiddii Lolaa dheekkamsaan Jimaata hiriira nagaa bahuu himeera. 

Haa ta’u malee, humnoonni nageenyaa magaalichaa ummata hiriira nagaa baheerratti reebicha raawwachuun namoonni jaha miidhamamuu hime.

“Ummata gochaa kana mormuun guyyaa Jimaata hiriira bahee turerratti poolisii fi milishaan uleedhaan reebicha raawwatan. Namoonni jaha ulee garmalee miidhamaniiru,” jedhe.

Namoonni haala kanaan miidhaman kunneen buufata fayyaatti wal’aanamaa jiraachuu jiraataan kun ibseera.

Bulchaan Aanaa Miyoo Obbo Aschaaloo Yohaannis fi hogganaa biiroo nageenyaa fi milishaa aanichaa Areeroo Waaqoo yaada akka laatan Addis Standard irraa gaaffii dhiyaateef eeyyamamoo hin taane.

Godina Booranaa Aanaa Miyootti taateen akkanaa yeroo mudatu kun kan jalqabaa miti.

Jalqaba Bitootessa  bara 2024 dargaggoon ganna 24 Qallaa Bonayyaa jedhamu qaamolee nageenyaa mootummaatin haala suukaneessaa ta’een reebamee ajjeefamuu hordofee jiraattota aanichaa biratti dheekkamsa kaase ture. 

Miseensi maatii kanaa yeroos Addis Standard dubbise, “duraan dhukaasanii dhaabsisan, lammeessoo ammoo mukaan rukutanii lafa kuffisanii tuman. Mataa isaa buruqsan, harki mirga isaallee ciqilee olitti cabsan, kan mirgaallee rukutame,” jedhan.

Bu’aan qorannoo reeffa irratti taasifames dargaggoon kun reebichaan ajjeefamu mirkaneesseera.

Mootummaan aanichaa gama isaatiin, milishoota ajjeechaa raawwachuun shakkaman jaha to’annoo jala oolchuu ibsuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button