
Finfinnee, Guraandhala 13/2025 – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Addi Bilisummaa Ummata Tigraay ji’oota sadiif sochii siyaasaa “kamiyyuu” irratti akka hin hirmaanne ugguruu beeksise. Paartichi yeroo kana keessatti “tarkaanfii sirreeffamaa” yaa’ii waliigalaa gaggeessuuf dandeessisan yoo hin fudhanne ta’e galmeen dhaabichaa kallattiin akka haqamu ibseera.
Boordichi dhimma paartii ABUT ilaalchisee ibsa har’a Guraandhala 13, 2025 baaseen, sababni murtoo uggura kanaa paartichi Hagayyaa darbe irraa deebiin seera qabeessummaa yeroo argatu itti gaafatamummaa fi dirqamoota ji’a jaha keessatti akka raawwatuuf itti kennamu raawwachuu dhabuu isaatin akka ta’e eereera.
Waraana waggoota lamaan naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tureen walqabatee “sochii fincila keessa hirmaateera” jedhamuun beekamtii seera qabeessummaan isaa irraa muluqamee kan ABUT, Hagayya 03, 2016 ALI “haala addaatiin” galmaa’uu ni yaadatama.
Yeroos Boordiin Filannoo guyyaa xalayaan murtee galmeessa haala addaa of keessaa qabu paarticha qaqqabee kaasee ji’a jaha keessatti paartichi bakka taajjabdoonni boordii filannoo argamanitti yaa’ii waliigalaa akka gaggeessu hubachiisee ture.
Akkasumas yaa’ii kanarratti dambii ittiin bulmaataa paartichaa akka raggaasisu, akkasumas hoggantoota akka filachiisu boordichi murteessuu akeekeera. Paartichi yaa’iin waliigalaa kun gaggeeffamuu isaatin guyyaa 21 dura boordii filannootti beeksisuu akka qabu eerameera.
Ergasiis boordichi yeroo garaa garaatti dirqamoonni paartichaaf laataman hojiirra akka oolan yaadachiisaa turuus, itti gaafatamummaa fi dirqamoonni kunneen osoo hin raawwatamiin yeroon ji’a jaha laatame Wiixata darbe xumuramuu ibseera.
Haaluma kanaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa walgahii Guraandhala 04, 2017 ALI tasiseen dhimmicha qorachuun paartichi guyyaa murtiin kun bahe irraa eegalee ji’oota sadiif sochii siyaasaa kamiyyuu irratti akka hin hirmaanne murteessuu isaa beeksiseera.
Paartichi sarbama seeraa uggura kanaaf sababa ta’e sirreessee, bu’uura labsichaa fi qajeelfama labsii kana hordofee bahee fi murtii fi ajaja Boordichaa kabajuun yaa’ii waliigalaa yoo gaggeesse uggura kana akka kaafamu ibseera.
Haata’u malee paartichi yeroo kana keessatti “tarkaanfii sirreeffamaa” yaa’ii waliigalaa gaggeessuuf dandeessisan yoo hin fudhanne ta’e galmeen dhaabichaa kallattiin akka haqamu akeekkachiiseera. AS